Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 16.92K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 8

2022-10-27 08:29:22 166: Namni fatwaa dhagaye tokko irraa ka'uun nama biraatii fatwaa godhuu danda'aa?
 

Deebisaa: Ni dandeessa yoo seera isaa guutuu dandeesse. Qaayidaa dubbiin nama tokkorraa dhufee nama lamatti dabree, nama saditti dabruun dubbiin dabalamaa deema yookaa irraa hir’ataa deema. Yoo amaanaa san guuttee akka sheekhin dubbatee amaanaa diinii tana Rabbirraa dabarsetti yoo ka guuttee dabarsuu dandeettu taate dabarsi.

Yoo hin dandeenne taate bakkuma fatwaan sii deebite kanattii nama sanillee deebisi achirra jirtii fatwaan akkanaa achirraa fuddhu jedhiinii, yoo waraabbatee jiraatte sagalema nama sanii dabarsiif akka amaanaan biro sirratti hin kufne sirratti hin banne.

Sheikh Alii Jimmaa
3.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:29
ओपन / कमेंट
2022-10-27 08:28:58 165: Namni manaa bahu du’aa’ii fulaa kamitti kadhata?

Gaafii: Du’aa’ii manaa bahaniifii du’aa’ii mana seensaa yoo kadhannu akkuma beektan du’aa’ii yoo manaa baanuu bismillaahi, tawakkaltu Alallaahi, walaa hawla quwwata illaa billaah’ jedhanii manaa bahani. Garuu gaafiin kiyya eessarraa jalqabaa? An mana fooqii sadaffaa gubbaa gala, yoo mana an keessa jiraadhurraa gad bahu du’aa’ii kadhadha moo yoo fooqii irraa gad bu’ee dallaya manaa irraa bahu kadhadhaa?
 
Deebisaa: Mana kee irraa yoo gad baatu kadhatta. Yoo manni fooqii sadanuu kiyya ka jettu taate yeroo dallayaa gad baatu kadhadhu. Yoo lakkii manni na laallatu mana an keessa galuu golli tiyya tama fooqii sadaffaa gubbaa sani yoo ka jettu taate akkasumatti yoo mana kee irraa gad baatu jedha shari’aan. Kanaafuu mana kankee situ beeka eessatti jalqabee eessatti dhumataa. Du’aa’iin ol seensaallee akkasuma gabaabdutti.

Sheikh Alii Jimmaa
2.5K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:28
ओपन / कमेंट
2022-10-27 08:28:12 164: Namni haxxiffate nama haadhaafi abbaan maqaa kaasan je’anii dubbiin tun akkami?

Gaafii: Yoo namni tokko haxxiffate, haxxishoo tana keessatti namni tokko tokko ni hoodata, maal jennaan namni haxxiffatu kun nama haadhaa abbaan dubbatan jedhanii dubbiin tun akkami?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii walumaa galattuu waa hedduudha wanni namni wallaalaan himu. Yoo ijji nama sossoote, yoo harki nama nyanyaate, yoo miilli nama nyanyaate waan adda addaa jedhan. Keessummaatu dhufa; maallaqan argadha jedhan. Tiitichillee yoo afaan nama seene foon nyaatta waliin jechuufaatu jira.

Tanaafuu irra hedduun waan namni wallaalaan jedhu malee waan hukmii shariaa keessa jiruu miti. Garuu hogguu haxxiffatan Nabiin keenya ﷺ akka nu barsiisetti namni tokko hoggaa haxxiffate alhamdulillaah jedha. Namni bira taa’u ammoo yarhamukallaah jedhaan. Ka haxxiffate deebi’ee yahdiikumullaahu wayuslihu baalakum jedhaan.

  Dr. Liwaa’ulislaam
2.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:28
ओपन / कमेंट
2022-10-27 08:27:46 163: Hoggaa Soomana furan du’aa’iin godhan ni jirtii?

Gaafii: Hoggaa furan duaaiin jedhan ni jirtii?
 
Deebisaa: Nama biratti furtuus, ofiifillee hoggaa furtuus wanni je’amu ni jirtii. garuu waan je’an san yoo dhiisanii furanis huma takkallee hir’inni soommana keetitti hin dhaqqabu. Fakkeenyaaf hoggaa dura furtu wanni ittiin furtu asheeta timiraati. Yoo asheeta timiraa hin qabaanne timiruma bilchaate. Yoo san hin qabaanne aannani. Yoo san hin qabaanne bishaani.

Akka Nabiin keenya ﷺ nuu ibsetti wanni jettu zahabazzama’u wabtallatil uruuqu wasabatal ajru. Hoggaa nama biratti furtu afxara indakum saa’imun yoo jettees ni dandeessa. Duaaiin bakka furiinsaatti jedhan hedduudhaatu jira. Wanni itti uf rakkiftulleen hin jirtu. Yoo jettees sunnaa Nabii keenyaati ﷺ. Dadhabdus bismillaahi jedhiituma furi.
 
  Dr. Liwaa’ulislaam
1.9K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:27
ओपन / कमेंट
2022-10-27 08:27:10 162: Dhalaan akka dhiiraa rifeensa haquu ni dandeessii?

Gaafii: Intalli dhalaa takka akka dhiiraatti mataa irra haquu ni dandeessii?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, waldhabbiin dhiiraafi dhalaadhaa ahkaama bakka hedduu keessa jirti. Dhiirti imaamata matatti marattu wajjiinillee ni rafti, deemuunillee ni dandeessi. Intalli dhalaadhaa ta akka imaamata dhiiraa osoo ifirraa hin baasne wajjiin ooltee bultu waan jirtu natti hin fakkaatu.

Tanaafuu irra fiinxeen dhalaa fooxaa olqabdee rifeensa isii jiifachuudha. Dhalaan rifeensa dheeratu ammoo ka mataa dhiisee rifeensa morma jalaan gad baye haquutu jira. kun hukmii shariaa keessatti haqiinsa hin jedhamu. Haqiinsa jechuun matuma gubbaa haquudha malee rifeensa morma lamaan jidduun gad bahe haquu miti.

  Dr. Liwaa’ulislaam
2.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:27
ओपन / कमेंट
2022-10-27 08:26:27 161: Anbiyoota meeqatu Aadamiifi Nuuh jidduu jira?

Gaafii: Anbiyoonni nama meeqaatu abbaa keenya Aadamiifi Nuuh jidduu jira?
 
Deebisaa: Abbaan keenya guddaan Aadam anbiyoota irraa abbaa anbiyootaati. Akka warri seenaa jedhutti abbaa keenyaafi Nuuh jidduu amata kuma tokko ergamootaafi anbiyoonni tokkolleen hin jiran. Seenaa keessatti nabiyyallaah Nuuh Aadam lammeessaa jedhama.

Aadam lammeessaa wanni jedhaniif gaafa xuufaan dhufee namni addunyaa tanarraa haxaawame, waa cufarraa kormaafi dhaltuu fuudhee jiruun namaa akka haarayatti achi booda eegalamte. Tanaaf Aadam lammeessaa jedhaniin.

Nabiyyallaah Nuuhiifi abbaa keenya Aadam jidduu anbiyoonni jiraachuu an gama kootiin daliila tokkollee itti hin agarre. Walumaagalattuu wanni mama hin qabne namni dura addunyaa tanatti Rabbiin ergaa godhatee maqaa nabiyyummaas qabaatee risaalaa bakkaan gahutti ergame Nabiyyallaah Nuuhi.
 
  Dr. Liwaa’ulislaam
2.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:26
ओपन / कमेंट
2022-10-27 08:25:44 160: Azaana kam keessatti assalaatu khayrun minannawmi je’an?

Gaafii: Biyya azaanni fajrii lamaa keessatti azaana kam keessatti assalaatu khayrun minannawmi jedhan?
 
Deebisaa
: Azaana lachuu keessattuu jechuun humaa hin qabu. Akka namni beekutti garuu azaana duraa keeysatti assalaatu khayrun minannawmi hin jedhan. Sababni isaatiis namatu fajriin bahe jedhee soommana fa’a nyaata dhaaba. Tanaaf jecha ka duraa akka namni beekuuf jecha assalaatu khayrun minannawmi dhiisutu gaari warri jedhus ni jira.

Walumaa galatti azaana lama wanni godhameefuu salaanni fajrii as garagalee ka nyaata fedhus ka dhiqata fedhus akka kurfaawuufi. Tanaaf jecha asliin azaana assalaatu khayrun minannawmi kanuma duraa keessaa ka boodaattillee humaa hin qabu.


  Dr. Liwaa’ulislaam
2.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:25
ओपन / कमेंट
2022-10-16 20:53:48 159: Khuxbaarratti aamiin jechuun akkami?

Gaafii: Khuxbaa jum’aarratti hogguu imaamni duaaii godhu jalaa aamiin jechuun maal qabdi?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii duaaiin sumuda hin qabne hin qeebalamtu hadiisa jedhutu jira. Sumudni ykn chaappaan duaaiidhaa aamiin jechu. Garuu ammoo ta sagalee ol fuudhanii bakka takkatti aamiin jedhan tanaa miti. Suutumatti matuma ufiitiif namuu bakkuma jiruu aamiin jechuun waa takkallee dhoorkaan hin jiru. Ta bakka takka takkatti guyyaa jumu’aadhaa sagalee ol fuudhuun Radiyallaahu anhu jedhan san bid’a.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
5.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 17:53
ओपन / कमेंट
2022-10-16 20:53:47 158: Daa’ima du’e awwaalaniiti moo osoo hin awwaalle irratti salaatan?
 
Gaafii: Namna tokko yoo ilmoon irraa duute, ilmoo tana osoo hin awwaalle irratti salaatan moo achi booda?

Deebisaa: Salaanni janaazaadhaa bifa lama qaba. Manatti takkaahuu masjiidatti osoo hin awwaalle irratti salaatu. Warri salaanni bakka lamaan tanaa dabre, waan dhalaa hin tahin qabritti eega awwaalan booda irratti salaatuu ni dandaya. Karaa lachuu rakkoon takka hin jirtu.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
4.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 17:53
ओपन / कमेंट
2022-10-16 20:53:47 157: Tasbiiha tasbiin godhuun akkami?

Gaafii: Namni hoggaa salaata irraa bahe tasbiiha godha; gariin namaa tasbeen godha; gariin qubaan godhaa kamtu irra caala?
 
Deebisaa: Irra caalaan tasbiihaa qubaan godhu. Tabsiin ammoo bid’aa yoo sirraa argamtellee humaa hin qabuu itti hin dilooftu. Garuu bid’aa irraa fagaachutu gaari. Akka Nabiin keenya ﷺ nuuf himetti qubaan godhuutu caala. Maalif jennaan guyyaa boruu qubni kee kun dubbachuuf jiraata; ragaa siif baha. Tanaaf jecha akkuma Nabiin keenya ﷺ nuuf himetti kama qubaa caalchisii kaan ufirraa dhiisi.

Dr. Liwaa’ulislaam
3.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 17:53
ओपन / कमेंट