162: Dhalaan akka dhiiraa rifeensa haquu ni dandeessii? Gaafii: Intalli dhalaa takka akka dhiiraatti mataa irra haquu ni dandeessii? Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, waldhabbiin dhiiraafi dhalaadhaa ahkaama bakka hedduu keessa jirti. Dhiirti imaamata matatti marattu wajjiinillee ni rafti, deemuunillee ni dandeessi. Intalli dhalaadhaa ta akka imaamata dhiiraa osoo ifirraa hin baasne wajjiin ooltee bultu waan jirtu natti hin fakkaatu. Tanaafuu irra fiinxeen dhalaa fooxaa olqabdee rifeensa isii jiifachuudha. Dhalaan rifeensa dheeratu ammoo ka mataa dhiisee rifeensa morma jalaan gad baye haquutu jira. kun hukmii shariaa keessatti haqiinsa hin jedhamu. Haqiinsa jechuun matuma gubbaa haquudha malee rifeensa morma lamaan jidduun gad bahe haquu miti. Dr. Liwaa’ulislaam 2.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:27