Get Mystery Box with random crypto!

163: Hoggaa Soomana furan du’aa’iin godhan ni jirtii? Gaafii: | Fataawaa NuuralHudaa

163: Hoggaa Soomana furan du’aa’iin godhan ni jirtii?

Gaafii: Hoggaa furan duaaiin jedhan ni jirtii?
 
Deebisaa: Nama biratti furtuus, ofiifillee hoggaa furtuus wanni je’amu ni jirtii. garuu waan je’an san yoo dhiisanii furanis huma takkallee hir’inni soommana keetitti hin dhaqqabu. Fakkeenyaaf hoggaa dura furtu wanni ittiin furtu asheeta timiraati. Yoo asheeta timiraa hin qabaanne timiruma bilchaate. Yoo san hin qabaanne aannani. Yoo san hin qabaanne bishaani.

Akka Nabiin keenya ﷺ nuu ibsetti wanni jettu zahabazzama’u wabtallatil uruuqu wasabatal ajru. Hoggaa nama biratti furtu afxara indakum saa’imun yoo jettees ni dandeessa. Duaaiin bakka furiinsaatti jedhan hedduudhaatu jira. Wanni itti uf rakkiftulleen hin jirtu. Yoo jettees sunnaa Nabii keenyaati ﷺ. Dadhabdus bismillaahi jedhiituma furi.
 
  Dr. Liwaa’ulislaam