Get Mystery Box with random crypto!

161: Anbiyoota meeqatu Aadamiifi Nuuh jidduu jira? Gaafii: An | Fataawaa NuuralHudaa

161: Anbiyoota meeqatu Aadamiifi Nuuh jidduu jira?

Gaafii: Anbiyoonni nama meeqaatu abbaa keenya Aadamiifi Nuuh jidduu jira?
 
Deebisaa: Abbaan keenya guddaan Aadam anbiyoota irraa abbaa anbiyootaati. Akka warri seenaa jedhutti abbaa keenyaafi Nuuh jidduu amata kuma tokko ergamootaafi anbiyoonni tokkolleen hin jiran. Seenaa keessatti nabiyyallaah Nuuh Aadam lammeessaa jedhama.

Aadam lammeessaa wanni jedhaniif gaafa xuufaan dhufee namni addunyaa tanarraa haxaawame, waa cufarraa kormaafi dhaltuu fuudhee jiruun namaa akka haarayatti achi booda eegalamte. Tanaaf Aadam lammeessaa jedhaniin.

Nabiyyallaah Nuuhiifi abbaa keenya Aadam jidduu anbiyoonni jiraachuu an gama kootiin daliila tokkollee itti hin agarre. Walumaagalattuu wanni mama hin qabne namni dura addunyaa tanatti Rabbiin ergaa godhatee maqaa nabiyyummaas qabaatee risaalaa bakkaan gahutti ergame Nabiyyallaah Nuuhi.
 
  Dr. Liwaa’ulislaam