Get Mystery Box with random crypto!

160: Azaana kam keessatti assalaatu khayrun minannawmi je’an? | Fataawaa NuuralHudaa

160: Azaana kam keessatti assalaatu khayrun minannawmi je’an?

Gaafii: Biyya azaanni fajrii lamaa keessatti azaana kam keessatti assalaatu khayrun minannawmi jedhan?
 
Deebisaa
: Azaana lachuu keessattuu jechuun humaa hin qabu. Akka namni beekutti garuu azaana duraa keeysatti assalaatu khayrun minannawmi hin jedhan. Sababni isaatiis namatu fajriin bahe jedhee soommana fa’a nyaata dhaaba. Tanaaf jecha ka duraa akka namni beekuuf jecha assalaatu khayrun minannawmi dhiisutu gaari warri jedhus ni jira.

Walumaa galatti azaana lama wanni godhameefuu salaanni fajrii as garagalee ka nyaata fedhus ka dhiqata fedhus akka kurfaawuufi. Tanaaf jecha asliin azaana assalaatu khayrun minannawmi kanuma duraa keessaa ka boodaattillee humaa hin qabu.


  Dr. Liwaa’ulislaam