Get Mystery Box with random crypto!

166: Namni fatwaa dhagaye tokko irraa ka'uun nama biraatii fat | Fataawaa NuuralHudaa

166: Namni fatwaa dhagaye tokko irraa ka'uun nama biraatii fatwaa godhuu danda'aa?
 

Deebisaa: Ni dandeessa yoo seera isaa guutuu dandeesse. Qaayidaa dubbiin nama tokkorraa dhufee nama lamatti dabree, nama saditti dabruun dubbiin dabalamaa deema yookaa irraa hir’ataa deema. Yoo amaanaa san guuttee akka sheekhin dubbatee amaanaa diinii tana Rabbirraa dabarsetti yoo ka guuttee dabarsuu dandeettu taate dabarsi.

Yoo hin dandeenne taate bakkuma fatwaan sii deebite kanattii nama sanillee deebisi achirra jirtii fatwaan akkanaa achirraa fuddhu jedhiinii, yoo waraabbatee jiraatte sagalema nama sanii dabarsiif akka amaanaan biro sirratti hin kufne sirratti hin banne.

Sheikh Alii Jimmaa