Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 16.92K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 2

2022-12-29 06:47:45 224: Haati tiyyaa Islaamummaa seenuu kiyyaaf hedduu natti mufattee, akkam godha?

Gaafii:  Ani Islaamummaa amantii dhugaa ta’uu beekeetiin filadhe, garuu haadha qaba ta hedduu na jaalattu takka islaamawuu kiyya kanaaf hedduu qalbiin siidhaa cabde, ani ammoo gama kiyyaa isii kaddamuu ittuma jira ni gargaara, garuu halkanii guyyaa ni boochi, booya isii kanaaf akkam godhutu narratti wayya?

Deebisaa:   Yaa gabritti Rabbii islaamummaan ta Rabbiiti. Eega Rabbitti amantee Nabi muhaammad ﷺ ergamaa Rabbii ta’uu beektee islaamumman amantii dhugaa ta’uu beeyte; Islaamummatti seenuu kankeetiif namoota rakkataniif mirgaa bitaa kankee laaluu hin qabdu. Ka islaamawaniif eega Rabbiif jecha ta’e Rabbiif jecha islaamummaa mataa kee keessa kaayadhu malee, wanni booya isiitiif rakkatiinsa ufdura qabduuf maaliif.

Yoo islaamummatti seentee haati tiyya qalbiin cabuu irra gara isiitin garagalaa yoo si keessa jiraatte islaamummaan kee sirrii miti. Kanaaf jecha haadha tee kaddamuun, tajaajiluu islaamummaan si hin dhoorkitu, garuu gara booya isiidhaa achi hin mildhatin. Jechoota Sahaabaa nabii keenyaa mee yaadadhu. Warra yeroo islaamummaatti seenan haati irraa rakkattu yaa haadha tantoo waan feetu narraa argadhuu sababaa ani islaamumatti seenuutiif yoo qoonqoo dhiiste; warra qoonqoo dhiisutu jira hanga ati kafartutti nyaata hin nyaadhu jedhee. Osoo lubbuu dhibba qabaattee takka takkaan ka baatu taatee islaamummaa kiyyarraa hin gargalu jedhaniin. Warren akkasii jala deemi malee waswaasa akkanaa kana Rabbii kankee araarama kadhadhuu, diinii kee irratti gad na dhaabi jedhii Rabbii kankee kadhadhu.

Dr.Liwaa’ulislaam
623 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:47
ओपन / कमेंट
2022-12-29 06:47:26 223: Zakaa fixriidhaa geelee tiyyaa kennuu ni danda’aa, takkaahuu irraa baasuu ni danda’aa?

Deebisaa:   Namni tokko zakaa fixrii namarraa kennuun yoo namni tokko dadhabbii qabaate, yoo dhaba qabaate, yoo namni irraa geessu hin jiraanne namni tokko yoo narraa galchi yoo siin jedhe waa takkallee rakkoon hin jiru keeyrii irratti walgargaaruun haala muslimaati.
 
Dr.Liwaa’ulislaam
620 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:47
ओपन / कमेंट
2022-12-29 06:47:12 222: Janaabaan intala muslimaa fi intala kaafiraa irraa nama tuqe hukmiin isaa gara garaa?

Gaafii: Janaabaan akkamii ? janaabaan intala muslimaa irraa nama tuqeefii janaabaani intala kaafiraa irraa nama tuqe akkuma tokkoo?

Deebisaa: Nama islaamaa irraa ta’ee nama kafiraa irraa ta’ee Janaabaan janaabuma. Garuu nama islaama yoo ta’e jaartii tee ta’uu qabdii, yoo intala kaafiraa taate intalti jaartii nama kaafiraa hin taatu.

Yoo Ahlal kitaabummaan isii seera guuttatee Ahlal kitaab fuudhee jiraate malee. Sani ammoo seera guuttachufillee waa heddutu nama dhibaa, zamana ammaa keessatti nama islaama hin ta’in fuudhuun seera gurguddoo barbaachisaa ulamaa jajjabduu gaafachuu barbaachisa osoo hin fuune dura. Warri dubartoota faranjiitiif ta biraallee fuudhuu barbaadan intala islaama hin ta’in fuudhudhaaf seera dura guuttachuun barbaachisa, seera isiin guuttachuu qabdutu jira.

Sheikh Alii Jimmaa
760 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:47
ओपन / कमेंट
2022-12-26 06:39:27 221: Maallaqni xiqqaa ta’ee yoo namni tokko na biratti irraanfate, akkamiin godha?

Deebisaa:   Amaanaan guddoo xiqqoo hin qabdu. Yoo namni waa si biratti dhiisee nama san agarte bakkumatti deebisiif. Yoo namni sun gara kute wallaalte sadaqadhuuf, gaafa nama san arge ni kennaafii sammuu keessa kaayyadhu.
 
Dr.Liwaa’ulislaam
931 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:39
ओपन / कमेंट
2022-12-26 06:39:20 220: Adeerri Nikaha namaaf hidhuu danda'aa?

Gaaffii: Eeysumni kiyya haadha tiyyaan “ati bar nikaahaan kee guutuu mitii, gabbarallee hin kenninee” haadha tiyyaan akkana jedha. Haadha tiyya tana adeerri isii yoo isii kenne yoo nikaha hidhe akkam?

Nikaahan akka hukmii shari’aati akka fedhinnaa keenyaatii miti. Wanni abaluun tun nikahaa hin qabdu jedhama yoo isiin hukmii shari’aattii abbaan intalaa, inni yoo hin jiraanne akaakoon, akaakoon yoo hin jiraanne ilmi isii, yoo ilma hin qabaanne obboleessa yoo jarreen kun nikaha godhe wanni nikaha isii balleessu maali, nikaahan isii numa jira. Yoo ammoo akkanumatti intala dhiira jala deemtee wajjiin galtuun nikaha hin qabdu yoo jedhan suni dhuga.

Ammoo ta gabbaraa, gabbarri hukmii shari’aa keessa hin jiru. Kun aadaa badduu namni waliin dadhabsiisee waliin kuffise hagana fidaa waan kana godhaa wanni jedhaman hukmii shari’aa keessa hin jirtu. Wanni hukmiin shari’aa quba qabdu maarii shari’aati. Warren gabbara jala deeman kunniin haqa ilmoo isaanii quba hin qaban. Wanni isaan yaachisu waan aadaa malee mirgi dhalaadhaa bakka tana keessatti wanni maahriidhaa maqaa hin dhawamtu. Kanaaf jecha haati tee nikaha numa qabdi akka shari’aan jedhu kanatti yoo nikaha godhamte.

Ammoo adeerri isiidha isii heerumsiisuu ka danda’u yoo abbaan isii hin jiraanne, yoo obboleessi hin jiraanne, yoo ilmoo hin qabaanne, adeerri kennuu numa danda’a. Osoo jarri kun cuftilleen abbaalleen, obboleessi, ilmoolleen jiraatee, yoo abbaan jiraatee abbaan jara kana wakkalate nikaahan sahiiha. Ilmoolleen obboleessi isiillee yoo abbaan intalaa dhabame malee waan kana keessa galuu mirga hin qaban.

Dr.Liwaa’ulislaam
931 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:39
ओपन / कमेंट
2022-12-26 06:39:13 219: Bishaan dhaliinsa dura dubartii irraa bahuu Salaataa fi Soomana ni dhoorkaa?

Gaafii:  Osoo isiin hin dhalleen duratti bishaan dhalaa irraa bahu salaata ni dhoorkaa takkaa soommana ni dhoorkaa, salaata balleessaa?

Deebisaa:   Intala dhalaa hoggaa dhaliinsaa dhihaattee bishaan isii irraa bahu xahaaraa, garuu wudu’a ni balleessa saniif jecha salaata hin dhiiftuu soommanallee hin dhiiftu.

Dr.Liwaa’ulislaam
752 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:39
ओपन / कमेंट
2022-12-26 06:39:03 218: Salaata yeroo xumurru akkamitti salaamatna?

Gaafii:  Namni tokko hoggaa salaata fixatu imaama boodaan hoggaa jiru gariin namaa imaamaan wajji salaammataa akkaataan itti salaammatan akkam?

Deebisaa:   Namni imaamatti hidhatee jiru akkuma nabiin keenya ﷺ nu ajajetti jala deemuu qaba jechu. Hoggaa imaamni Allah Akbar jedhe Allaah Akbar jenna isa boodaan, hoggaa inni ruku’a godhe isa boodaan rukuu’a goona akkasitti jala deemna.

Akkuma sani yeroo inni salaammatus haga mirga salaammatee bitaa salaammatuutti cal jennee taa’uu qabna. Namni tokko tokko yeroo imaamni salaammatu warri dafee dura salaammatu kun wasanaa bahuudha akkanaa miti imaamatti hin hidhanne jechu inni. Kanaafuu yoo salaata kiyya Rabbiin narraa haa qeebaluu ka barbaaddu taate, adabni imaama jala deemuu wanni ati dalagdu cuftinuu imaama boodaan ta’uudha.

Dr.Liwaa’ulislaam
783 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:39
ओपन / कमेंट
2022-12-26 06:38:56 217: Dhalaan hoggaa Salaattu bifa akkamiin salaatti?

Gaafii:  Dhalaan hoggaa Salaattu bifa akkamiin salaatti?

Deebisaa:   Salaanni dhiiraaf dhalattis akkuma tokko yoo ammoo ka wal salaachisan ta’an salaanni dhalaadhaa imaamni isaanii walakkaa dhaabbata. Xiqqisho taakkuu takka keessaa oljetti malee walakkaa dhaabbatti. Yoo dhaabata irraa ka gaafattu taate akkuma dhiirti dhaabbatutti dhaabbatti, miilallee akki walitti dhiheessitu akkuma dhiiraati.

Dhiirtillee taakkuu takkaa achi miila adda banuun hin barbaachisu, dubartiin sanumarraahuu walitti dhiheessuu dandeessi. Hidhatiinsaaf ruku’aa, sujuudaaf waa cufatuu akkuma dhiiraati. Garuu wanni guddoon irra jiru huccuun dhiiraaf dhalaadhaa waldhabdi isiin hamma miila isiitti hagooggidha qabaachuudha qabdi

Dr.Liwaa’ulislaam
895 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:38
ओपन / कमेंट
2022-12-21 05:58:09 216: Ilmi dhiiraa haadhaa fi abbaan isaa osoo hin beekin Nikaha hidhachuun ni tahaa?

Gaafii:  Namni tokko lafaa ka’ee yoo intala takka fuudhe haadhaaf abbaan isaa quba hin qabanii nikahaan isaa sun akkam?

Deebisaa:   Yaa gabricha Rabbii ati ilma dhiiraati, intala heerumtutu waliyyii barbaada gurbaan fuudhu waliyyii hin barbaadu, Mataa ufiitii intala takka kadhatee fuudhuu danda’a. Ammoo haqa walii godhuudhaaf wal gammachiisuudhaaf, rahiima manxanfachuuf haadhaa abbaa kee dhoysuun teetii miti yoo duraanillee itti hin himin dhaqii isaanillee ufirraa gammachiisi.

Maaliif jennaan haadhaaf abbaan kun haguma intala takka ati isaan irraan fuutu warri intalaallee gurbaan kun nama qabatti si beekanii borullee yoo sokkite warra keessan bira dhayxi, nama itti himattullee ni qabdi jechu. Kanaaf jecha hanga dandeessutti haadhaa abbaa kankee tottoowadhu isaanillee gammachiisi. Ammoo osoo itti hin himin fuudhuun kee nikaha kee hin balleessu.

Dr.Liwaa’ulislaam
1.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 02:58
ओपन / कमेंट
2022-12-21 05:57:57 215: Heeydiin Nikaha hidhachuu ni dhoorkitii?

Gaafii:  Intalti dhalaa takka yeroo nikaha godhan yoo heeydii qabaatte heeydiin nikaha hidhamuu ni dhoorkaa?

Deebisaa:   Heeydiin hiikkas hin dhoorkitu, hiiikkaan ni argamti akkuma sani nikaha hidhachuulleen isii heeydii qabduu waa takkallee rakkoon hin jiru. Akkuma sani aruuza isillee galchuun hanga isiin xahaarattutti wajjumaan hin rafne malee aruuzallee isii galchuun waa takkallee rakkoon hin jiru.

Dr.Liwaa’ulislaam
1.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 02:57
ओपन / कमेंट