Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 16.92K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 4

2022-12-03 23:29:28 204:Jaarsaa fi Jaartiin gargar adda turuun nikahaan ni badaa?

Gaafii:  Jaarsi yoo jaartii biyya takkatti dhiisee irraa ture, nikayaan isii kun hin banneee? Nama yoo jaarsaa jaartiin addaan turan nikahan bade warra jedhutu jira.

Deebisaa: Namoonni akkanumaan ka’ee waan Rabbiin halaal godhu ufii haraami godhu takkaahuu ta Rabbiin haraami godhe halaal godhu Rabbi haa sodaatanii waan akkanaa irraa haa fagaatanii. Akkuma umatni keenya jedhuttu turri dayma hin busheessinee jaarsaa jaartiin biyya biyya jiraatteef nikaahan amata saddattee sagalillee haa jiraattu nikahan hin badu. Wanni nikaha balleessa ta duraa namni intala san nikaha godhate nama muslimaa ta’ee yoo murtaddii ta’ee kafre, takkaahuu wanni nikaha san balleessu rakkinna intalti sun himattee nafaqaa dhabaafii haqa jaarsaa jaartii dhabuudhaaf yoo faskii ufirraa goote qofa. Akkanumatti ammoo nikahaan taa’uun turiins nikaha hin balleessu.

Dr .Liwaa’ulislaam
434 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:29
ओपन / कमेंट
2022-12-03 23:29:22 203: Nama fayyaa fi maallaqa qabu namni biraa hajjii irraa godhuun ni danda'amaa?

Gaafii:  Nama tokko ka fayyaa qabu ka addunyaa irra jiru hajjii irraa godhuun ni danda’amaa? Nama tokko ka waan hajjiin godhu qabu hajjiin isarratti waajiba moo waajibaa miti?

Deebisaa:   Waa hunda dura wanni beekuu qabnu hajjiin arkaana Islaamummaa shanan irraa akka tokko ta’e beekuu qabna. Lammeessa namni Hajjiin irratti waajibaa nama qabeenya qabu ta’uudha. Yoo dhiira ta’e siinqii qabaachuu, fayyaa qabaachuu, karaan nagaya ta’uu, horiin isaa horii halaal ta’uu qaba.

Nama tokko hajjiin isarratti waajiba ta’uun qabeenyaan. Eega qabeenya qabaatee waajibni isaa matama isaatiin ufirraa hajjii godhu. Ammoo addunyaa qabaatee yoo human godhuun hin qabne, fayya dhabaa ta’ee qabeenya isaa saniin nama bakka buufatee nama armaan dura hajjii godheen narraa godhi jeechu. Ammoo nama armaan dura hajjii hin gooneen naa godhi jechuu hin qabu. Ammoo nama fayyaa qabu hajjii isarraa godhuun waan rakkoon fayya dhabaa, dullumti hin jirreen isarraa godhuun hin gahu.

Dr. Liwaa’ulislaam
400 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:29
ओपन / कमेंट
2022-12-03 23:29:15 202: Guyyaa Ramadaana Haadha warraa osoo hin tuqiin waliin rafuun akkami?

Gaafii: Yoo an jaartii tiyyaan wajji rafe guyyaa Ramadaanaa ka isii hin tuqin hirribuma nagayaa calla waliin rafe maal qaba?

Deebisaa: Yoo isii hin tuqin humaa hin qabu, dubartii ufii ramadaan keessa waliin rafuun ni ta’a guyyaa ramadaanallee taanaan, halkan ramadaan qunnamtii salaallee godhuu ni danda’a. Guyyaa Ramadaana ammoo ka qunnamtii saalaa hin goone nagayumaan wajjiin rafuun rakkoo hin qabu. Ulamaan gariin wanni jedhan yoo ka uf amantu taatee jedhan.

Ayishaan Rasuula ﷺ irraa yoo himtuu; Rasuulli Rabbii ﷺ Ramadaan keessa dubartii isaaniitiin ni taphatan humaa rakkoo hin qabanii jennaan, miswar ibnu makramaa isinuma ta’uu oolaaree haadha teenya Ayishaa jedheeni, anuma jetteeni. Garuu Rasuulli Rabbii akka keessaniitiiree jetteen, onnee ufii harkaa qabaa jetteen. Kanaafuu namni onnee ufii harkaa hin qabne hin taphatin dubartootaan wajjiin hin rafiin, ittillee hin dhihaatin jedhan dogongoru malaa Ramadaana keessa.

Guyyaa takkatti namni dogongoree dubartii isaa wajjiin rafe guyyaa ramadaana sooma ji’a lama guutuutu irraa fedhaama. Ka bultii 59 soomee ka bultii takkattii irraa hafte ammallee ji’a lama dhibii irraa fedhama. Bultii jahaatama walitti aansee soomutu irra jiraataa kanaafuu guyyaa takkattii kasaaranii guyyaa jahaatama kafaluun jajjabduu irraa oolutu barbaachisa. Garuu nama aqlii qabu nama ilmii qabu dubartii isaa silaa ni beekaa yoo akkanumatti dubartii isaa wajjiin rafee ka ka’u taate, ka harkaa uf qabu taate humaa rakkoo hin qabu inshaa Allaah.

Sheikh Alii Jimmaa
342 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:29
ओपन / कमेंट
2022-12-03 23:29:05 201: Dubartii haraamaan waliin bulan guyyaa lammataa nikaha walii godhuun ni tahaa?

Gaafii: Intala takka fuudhee, intala ani fuudhe tana halkan tokko eega an waliin bultee, guyyaa lammataa abbaa isiitti telefoona dhoofnee nikaha naaf godhanii.

Deebisaa: Dubartii haraamaan waliin bulan guyyaa lammataa nikaha walii godhuun hin jirtu shari’aa Rabbii guddaa keessatti. Maaliif jennaan karaa halaala hin ta’iniin walitti dhufanii, haga isiin dhiiga sanirraa qulqullooftee toowbatanii Rabbitti deebi’anii, sadaqaan adda bahiinsan, soomaan salaataan, Rabbii ufii araarfatanii deebi’anii wal fuudhuu danda’an.

Sheikh Alii Jimmaa
293 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:29
ओपन / कमेंट
2022-12-03 23:28:46 200: Dubartii sadihiin hiikamte deebi'anii waliin jiraachuun akkami?

Gaafii: Namni tokko jaartii isaa sadihiin hiikee jiraa; anilleen mana isaanii quphadhaa akkam ta’a, eega sadiin hiikeellee deebi’anii waliin jiraachutti jiranii?

Deebisaa: Sheekhotii isaanitti dhihoo jirtu dhaqee gaafachuun dirqama isaatii. Sadiin dubartii hiikamte waliin jiraachuun dhoowwaadha. Kilaafa guddotu keessa jiraa sadii kana warra tokkotti lakkaawutu jiraa, tokkoon kun yoo dallansuudhaaf yoo afaanii bahe hukmiin isaa waan birooti warra jedhutu jira. Garuu dubartiin sadiin xalaaqamte rakkina guddaa qabdii abbaan manaa deebi’ee waliin jiraachuun dilii gurguddatu irra jira.

Sheikh Alii Jimmaa
310 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:28
ओपन / कमेंट
2022-12-03 23:28:37 199: Kitaaba irraa qara'aa salaatuun ni tahaa?

Gaafii: Namni tokko yoo salaata keessa qur’aana laalee qur’aana irraa qara’e maal qabaa du’aa’iillee taanaan kitaaba qur’aanaallee taanaan, salaata keessa laalanii qara’uun dhoowwaa qabaa tarawihaas taanaan salaata biros taanaan?

Deebisaa: Humaa rakkoo hin qabu kitaaba irraa laalaa salaatuun ni ta’a, kitaaba irraa laalaa du’aa’ii godhachuun ni ta’a, yoo xum’aaniinaa dhoowwee ka waswaasa namatti hin fidne ta’e jechu. Saalaanni kushu’a qabdii, yoo akka qur’aana baachuuf qur’aana babbanuun ka kushu’a nama hin dhoorkine taate humaa hin qabu.

Sheikh Alii Jimmaa
349 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:28
ओपन / कमेंट
2022-12-03 23:28:24 198: Nama imaama booda raka'aa xumurachuuf salaataa jirutti hidhachuun ni tahaa?

Gaafii: Salaanni namni tokko nama tokkotti hidhatee salaate yoo namni sun salaama baafatee warri kun ol ka’anii salaatan isaanittillee namni biraa dhufee hidhachuu ni danda’aa?

Deebisaa: Ee humaa rakkoo hin qabu, imaama lammataa jedhamaa garuu ka duraa sun salaama baafatu malee sadaffaa dhufanii jalaan nama biraatti hidhachuun hin ta’u. Namuma tokkotu nama tokkotti hidhata yookaa nama hedutu nama tokkotti hidhataa namichi duraa sun yoo salaama baafatee warri kun ka’ee ol guuttatu namni biro dhufee nama kana keessaa nama tokkotti hidhachuu ni danda’a humaa rakkoo hin qabu.

Sheikh Alii Jimmaa
413 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:28
ओपन / कमेंट
2022-11-26 09:21:11 197: Sharxiin Sujuudaa dubartii irratti akkami?

Gaafii: Sujuudni dubartootaa akkam ta’aa? Dubartiin tokko yoo sujuuddu cinaacha isiitiif ciqilee harka isii adda hin baasinii hin babbanatinii qaama isii jedhanii akkamii?

Deebisaa: Adaba salaataa keessatti ulamaan akkasumaa dubbatan. Dubartoonniniif dhiirri akka akka takka hin taane akka mummuraan qaama isaanii hin muldhanne of sattaratanii haa salaatanii; kun yeroo ajnabiyyaan isaan argu. Yeroo ajnabiyyaan isaan hin agarre ammoo akkuma rasuulli salaatetti salaatuu qaban. Garuu yeroo ajnabiyyaan isii argu adabaaf akkastu bareedaadha jechaa ulamaan lafa kaayanii jiran.

Sheikh Alii Jimmaa
1.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:21
ओपन / कमेंट
2022-11-26 09:20:17 196: Abbaan kiyya wanta hin hayyamamne naaf biti yoo jedhe maal godha?

Gaafii: Abbaan kiyya ergaa na ergataa, ergaan isaa irra guddaa caatiidha yookan jimaa bituudha, sigaaraallee itti naa dabalii koottu naan jedhaa ammoo wanni kun maasiyaa ni beekaa, abbaa kiyyallee akka godhu wallaalee ni bitaaf moo ni didaa?

Deebisaa: Bitiif hin bitin siin jechuun duratti abbaa kankee akka sigaaraafi caatii namni muslimaa horiidhaan bituun hin taane kaassetti sheekhootii irraa waraabii geessii jala kaa’I, abbaa keetiif daa’awaa godhuu qabda. Hiriyaa abbaa keetiitti himadhuu wanni kun maasiyaadhaa akka abbaan kiyya itti miidhamu hin fedhuu irraa naa dhoowwaa jedhiin. Anillee ergaa isaallee diduu hin fedhuu ammoo waan Rabbiin na dhoowwellee bituu hin fedhuu jedhii abbaa kankee hiriyoota isaatti himii sirraa haa dhoowwanii akkasitti malaan qabadhu. Yoo inni tana biti tana biti siin jedhe abbaa kiyya bar dhoowwaadhaa ani yoo ati mallaqatti haajomte mallaquma sii kenna malee aabboo shariyatti wanni kun dhoowwaa atillee guyyaa qiyaamaa na hin dhiistuu maaliif waan haraamaa naa bittee yoo ani wallaalummaaf si ajajallee maaf na jalaa hin didin naan jechuu jiraattaa abbaa kiyya bar waan akkanaattu jiraa jedhii, eega manguddoof shariyaa daawaa dhaqqabsiiftee booda abbaa kankee mala bareedduudhaan kadhadhu osoo ifachuuf lolaan hin ta’in.

Sheikh Alii Jimmaa
1.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:20
ओपन / कमेंट
2022-11-26 09:20:10 195: Nama guyyaa tokko soomaa guyyaa biroo balleessu Zakaatal Fixirii irraa baasuun ni tahaa?

Gaafii: Hukmiin nama yeroo tokko soomee nama yeroo tokko faxaree sooma baballeessaa deemu zakaatal fixrii irraa baasuun ni ta’a nama sani?

Deebisaa
: Zakaatal fixrii irraa baasuun ni ta’a. sooma inni balleesseef isatu gaafatama. Ati garuu zakaatal fixriin isaa yoo sirratti wajjabee jiraateef baasi. Yoo ammoo isarratti wajjabee jiraate innillee ufirraa haa baasuu. Maaliif jennaan sabaaba ma’asiyaan tokko dalagameef ma’asiyaan lammataa dalagamuu hin qabu. Kanaafuu zakaatal fixrii baasuun ni ta’a.

Sheikh Alii Jimmaa
961 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:20
ओपन / कमेंट