Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 16.92K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 10

2022-10-06 21:07:18 146: Intala guddisan nikaaha godhuun dandayamaa?

Gaafii: Intala takka namni abbaa hin tahin yoo guddise, nikaaha namaaf godhuu ni danda’aa?
 
Deebisaa: Yoo sabiyyummaa isiitirraa guddise, wakiila tahee nikaaha godhuu ni danda’a. Yoo waliyyiin isii, abbaan, obboleessi, abbeeraan yookiin namni fira jedhamu tokko dhabame nikaaha godhuu ni danda’a. Maalif jennaan nama isii guddisee isii wajjiin tahabe jechu. Ulamaan akki jedhan innillee bira haa jiraatuu irra caalaan qaadiidhuma geessu. Qaaduma geessanii qaadii biratti nikaaha godhuun bareedaadhaa jedhan.

Namni gariin ilmoo tana yoo guddisu akkuma ilmoo ufiitti guddifata. Itti yaaddawa. Akka ilmoo ufiitti isii laala. Haalli akkasii sun yoo jiraate qaadii geessanii nikaaha godhuuf isiidhaaf yaaddawuun barbaachisaadha. Akka heeruma keessatti haqa isii hin dabarsine, hin balleessine yoo waliyyiin hin jiraanne wamaa rakkoo hin qabu.
 
Sheikh Alii Jimmaa
764 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 18:07
ओपन / कमेंट
2022-10-06 21:07:10 145: Hilleentiin ni nyaatamtii?

Gaafii: Hilleentiin nyaatamtii?

Deebisaa: Ee halaalaa ni nyaatamti. Shariaan hayyamee jiraa waa takka rakkoo hin qabu.

Sheikh Alii Jimmaa
651 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 18:07
ओपन / कमेंट
2022-10-06 21:07:10 144: Nama imaama boodaan ol ka’etti hidhachuun ni tahaa?

Gaafii: Nam tokkootu salaata attahiyyaata boodaa irratti dhaqqabee imaamatti hidhate. Imaamni salaama baafatee jennaan olka’ee salaata ufii jalqabe. Namoonni lama dhufanii itti hidhatan. Namni lamaan namticha namatti hidhate kanatti hidhachuun ni tahaa?
 
Deebisaa: Ni taha waa takka rakkoon hin jiru. namtichi duraa yoo inni salaama baafate akkasiin sadii afurillee walitti hidhamuu dandeetti. Eega imaamni salaamata baafate booda namni tokko dhufee warreen itti guuttachuuf ol ka’e keessaa nama tokko ka diinii qabu laalee tuqee hubachiisee imaama godhatee itti hidhatee salaatuu ni danda’a. Huma takka rakkoo hin qabu.
 
Sheikh Alii Jimmaa
633 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 18:07
ओपन / कमेंट
2022-10-06 21:07:09 143: Salaataan alatti sujuuduun ni tahaa?

Gaafii: Namoonni tokko salaata salaatanii eega fixan booda osoma namni azkaara qara’utti jiruu waliigalanii sujuuda bu’anii salaamtaa baafatan.
 
Deebisaa: Kun yoo sujuudussahwii hin tahin waan shariaa keessa jiruu miti. Sujuuda baaxilaati. Ka aadaa godhatanii akkasumatti sujuuda oofan warra biyya paakistaanii arke. Namni gariin hogguu salaamata baafate sujuuda hogguu takka sujuuda. Sujuudussahwiidha akka hin jenne sujuudussahwiin lama tahuu qaba. Sujuudussahwiin seera sadiif sujuudama. Tokko irraanfiidha; tokko shakkiidha; tokko salaata hir’isuu yookaan dabarsuudha.

Namni salaata raka’aa afur irraa dabarsee shan salaatellee sujuudussahwii bu’a. Yoo salaata dabarsitee ziyaadaa gootee eega attahiyyaatu teessee salaata kiyya raka’aa shan salaate ka jettu taate salaata keessaa baatee salaammattee, sujuudussahwii buuta. Yoo salaanni kankee hir’uu tahuu fi guutuu tahuu shakkite osoo salaata keessaa hin baane attahiyyaatu fixattee osoo salaamata hin baafatin sujuudussahwii buutee salaammatta. Sadan kana keessaa tokko yoo si mudate sujuudussahwii bu’uu dandeetta. Ka sujuudussahwii hin taane ka akkanumatti ka’anii sujuudanii salaamata baafatan kun bid’a warri zamanaa baafate.
 
Sheikh Alii Jimmaa
700 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 18:07
ओपन / कमेंट
2022-10-06 21:04:34 142: Salaata walitti qabanii salaatuun ni tahaa?

Gaafii: Biyya Ommaan kanatti salaata Zuhriifi Asrii walumatti qabanii salaatan yeroo hedduu.
 
Deebisaa: Salaata yeroo takka takka yeroo shariaan walitti qabanii salaatuu hayyamte malee warri biyyaa akkanumatti salaata aadaa godhatanii jam’ii godhuun waan hin jirre.
 
Sheikh Alii Jimmaa
712 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 18:04
ओपन / कमेंट
2022-10-03 17:48:10 141: Intalti laguun isii ciccitee dhufu akkamitti salaatti?

Gaafii: Intalti takka yoo aadaan isii ciccitaa itti dhufe, fakkeenyaaf torbee tokko ykn torbaan lama irraa badee ammas itti dhufee irraa bade, haala kamiin salaatti?
 
Deebisaa: Dubartoonni aadaan ji’aa kun tartiiba ufii dhabee yeroo soomaallee, yeroo salaataallee isaan jeequ, warra yeroo hedduu kiniina fudhatee aadaa ji’aa kana karaa irraa gatee kiniinaan uf balleessu akka tahe irra gahamee jira. Yeroo tokko tokko ammoo dubartii garii dhukkubumatu akkas isaan godhaa shariaan Rabbii waan hunda adda baasee ibsee jira.

Dhiigni aadaa dhiiga furdaa, gurraacha, xiqqo foolii qabu. Kanaafuu yoo dhiigni furdina, gurraachinaafi foolii qabaate dhiiga aadaati. Yeroo san salaata irraa dhaabbatti. Yoo inni irraa dhaabbate ni xahaaratti; yoo inni itti dhufe ammallee ni dhaabbatti. Dhiiga biraa ka aadaa kan hin tahin ka akkanumaan dubartii irraa yaautu jira. Dubartii garii Shayxaanatu hormaata isii keessa dhiitee irraa yaa’a. Ta Rabbi kanaan qormaatetu jira.

Ka ji’a tokko, ji’a lama osoo walirraa hin cinne irraa yaautu jira. Dhiiga diimaa akkasii saniifii dhiiga gurraacha san gargar baafachuu qaban inshaa Allaah. Kiniina fudhachuudhaan ufii dhiiga olii gad dhahuunillee barbaachisaa miti.

Sheikh Alii Jimmaa
945 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 14:48
ओपन / कमेंट
2022-10-03 17:48:03 140: Sadaqaa abbaa kiyyaaf godhuun akkami?

Gaafii: Yoo biyya kiyyatti galee qalee nyaachisee abbaa kiyyaaf sadaqaa niyyadhe sadaqaan sun ni taatii?
 
Deebisaa: Ilmoon abbaafi haadha ufiitiif qaltee nyaachisuu, qaltee sadaquu, Qur’aana bittee waqfii godhuu, masjiida maqaa isaaniitiin ijaaruu, eela maqaa isaaniitiin qotuun ni taha. Wanni ilmoon abbaa ufiitiif gootu akkuma nama hogguu isaan jiran horii harkatti kennuufiiti. Eega isaan du’aniillee godhuufii dandeetta.

Hajjiillee yoo ufii keetii gootee jiraatte isaaniifillee godhuu ni dandeessa. Qaltee nyaachisuullee ni dandeessa. Maqaa isaaniitiin niyyattee godhuufii waa takka wanni si dhoorke hin jiru.

Sheikh Alii Jimmaa
 
739 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 14:48
ओपन / कमेंट
2022-10-03 17:47:57 139: Fixrii namni namarraa baasuun ni tahaa?

Gaafii: Eega biyya Arabaa dhufee waggaa afurii fixrii Ramadaanaa kafiiluma kiyyatu narraa baasa. Atuu nama narratti waajibaatii sirraahiin baasa naan jedhaa garuu abbaan warraa kiyyallee narraa hin baasuu kafiilli kiyya kun narraa baasuun ni tahaa?
 
Deebisaa: Namni ati bira hojjattu yoo sirraa baase ni taha rakkoo hin qabu. Garuu namni irratti waajiba taate abbaa warraa keeti. Kafiilli sirraa baasuunis rakkoo hin qabu.

Sheikh Alii Jimmaa
 
709 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 14:47
ओपन / कमेंट
2022-10-03 17:47:46 138: Waan harka bitaatiin dalagame nyaachuun ni tahaa?

Gaafii: Namni tokko tokko harka bitaatiin waa dalaga. Dubartiin midhaan hojjattus, hujii hojjattus harka bitaatiin hojjettii nyaata isiin goote nyaachuun ni tahaa?
 
Deebisaa: Bitaadhaanis mirgaanis dalaguun rakkoo hin qabu. Yoo namni tokko bitaadhaan buna dhaabee bitaadhaan nuu kenne irrumaa fudhanna. Garuu caalaan harka mirgaatiin walii kennuutu bareedaadha. Hojjachuu keessatti garuu harki lachuu waluma gargaaree waliin hojjataa rakkoon hin jiru.
 
Sheikh Alii Jimmaa
667 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 14:47
ओपन / कमेंट
2022-10-03 17:47:37 137: Ijoollee akka obboleeyyaniitti wajjiin guddannerraa ni hajjabannaa?

Gaafii: Abbootiin teenya namoota isaan Rabbiif jecha waljaalatantu jira; fakkeenyaaf biyyatti akka maatiitti, akka ollaatti ollaan lamaan wal jaalatee Rabbiif jecha wal qabatanii wajjiin jiran. Kanaafuu nuti ilmaan warri ollaa qaban ka akka ilmaan abbaa tokkootti mana tokko keessatti wajjiin guddanne kanarraa ni hajjabannaa?
 
Deebisaa: Akka gaaritti hajjabachuun dirqama taha. Hattaa ijoollee ambaa ta Rabbiif jecha warri walqabatee ijoolleen bakka takkatti wajjiin guddatteehuu dhiisii gurbaa obboleessi abbaa keetii dhale ka ilma adeerranii jedhan irraayyuu hajjabachuun dirqama. Ka abbootiin lamaan walii obboleeyyanii jechu.

Maalif jennaan; waan si fuudhuu danda’uuf jecha seera  shariaatti irraa hajjabatta. Firoomnuu osoo jiruu irraa hajjabatta. Duuba ka ufii asliin ajnabiyyaa bakka takkatti wajjiin guddachuun halaala namaa hin gootuu irraa hajjabachuun dirqama.

  Sheikh Alii Jimmaa
699 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 14:47
ओपन / कमेंट