Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 16.92K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 12

2022-09-10 15:02:00 126: Salaata afur walitti qabuun ni tahaa?

Gaafii: Salaata afur guyyatti yoo walitti qaban akkami?
 
Deebisaa: Rakkoodhaaf yoo taate, salaata lama lamatti walitti qabuu dandeessa. Zuhriifi Asrii; Magriibaafi Ishaaii; Fajriin kopha. Salaata afur walitti qabuun ammoo kuni ma’siya. Namni waan akkanaa hojjate akka itti hin deebine tawbaa qulqulluutu isarra jira.

Yoo Rakkinni akkas isa godhe jiraate, tawbatee salaata afran walitti qabe san, tartiibaan jalaa kaasee irra deebiee salaatuudhaan ufirraa fixuu qaba.

Dr. Liwaa’ulislaam
2.9K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:02
ओपन / कमेंट
2022-09-10 15:01:50 125: Ilmi namaa jaldeessarraa dhufeen dhugaadhaa?

Gaafii: Saayinsiin ilmi namaa kun asliin isaa jaldeessa je’aa shariaan ammoo akkasii miti je’a.
 
Deebisaa: Saayinsiin waan ilmi namaa barreesse. Ahkaamni shariaa ammoo waan Rabbiin samii torban gubbaarraa gama jibriiliin Nabi Muhammad irratti buuse ﷺ. Saayinsii sammuu ilmoo namaatiifi jecha Rabbii walqixxeessuu kee kanaaf dilooytee jirtaa Rabbii kee araarama kadhu. Yaa gabricha Rabbii; sammuu nama Rabbiin uumeetiifi waan Rabbiin keenya nuun je’e akkamiti walcinaa fidda? Ta duraatii Rabbii kee kadhadhu.

Rabbiin ilmi namaa odoo hin uumin, ni uuma je’ee yaada kana malaaikaa irra fidee, asliin isaa akka jaldeessa hin ta’in suuratul Baqaratti ol deebi’ii laali. Bikka biraatittillee Rabbiin akki je’u, “Rabbiin dura Aadam uumeeti isarraa ilma namaa kana baldhise.” Asliin jaldeessa jaldeessuma.

Tanaaf jecha asliin ilma namaa Aadam abbaa keenya ka biyyerraa uumame. Wanni jaldeessa je’an yaada sammuu yahuudaatiifi Nasaaraati. Akkanatti yaaduu kankee irraa tawbadhu.
 

Dr. Liwaa’ulislaam
3.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:01
ओपन / कमेंट
2022-08-28 15:13:04 124: Namni tokko badii dalaguuf yaadee yoo dhiise maal godhuu qaba?

Gaafii: Namni tokko Ramadaan keessa badii dalaga je’ee yoo irraa oole maaltu isarra jira?
 
Deebisaa: Ma’siyaan dalaga je’ee irraa ooluu isaatiif Rabbirraa ajrii guddaa qaba. Ajriitu katabamaaf. Ajrii guddaa qabaahuu. Tanaafuu hamtuu niyyatee Rabbirraa sodaatee uf qabuun ajriidha qabdi.

Odoo Ramadaan qofa hin ta’in bakkuma hundattuu akkasumatti badii irraa uf qabuun waan Rabbitti isa dhiheessu irraahi.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
2.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:13
ओपन / कमेंट
2022-08-28 15:12:33 123: Namni soomana cabse maal godha?

Gaafii: Namni tokko yoo soommana keessa nyaate takkaahuu dhuge maaltu isarra jira?
 
Deebisaa: Namni tokko yoo irraanfiin nyaate, irraanfiidhaan dhuge huma takkalleen isarratti hin jiru. Yoo beekaa danta dhabaaf ka dalagu ta’e ammoo, kafre hin jennuun. Ta duraa soommana keessa nyaachuun ma’siyaa guddoodha.

Soommana Rabbiin dirqii nurratti godhe ajaja Rabbii didee yoo cabse wanni isarra jiru tawbaa qulqulli. Waan kana wilii akka itti hin deebine dhugaadhaan tawbaa qulqullii tawbachu. Lammeessaa qadaa guyyaa sanii baasu.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
2.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:12
ओपन / कमेंट
2022-08-28 15:12:23 122: Huccuun hoggaa umraa godhan uffachuun dhoorkaa maali?
 
Gaafii: Dhalaan hoggaa umraa gootu kophee tama agarte uffattee umraa gootii? Kophee cufaadhaa ufirraa dhiifti moo xawaafa hoggaa godhan kophee hin uffatan?
 
Deebisaa: Dubbiin obboleessi keenya je’u tun cuqqaallii qabdi. Silaa wanni namni umraa godhu uffatuun dhoorkaa maali jechuutu isarra ture.

Tanaaf jecha dhalaan da’asa uffachuun, waan banaa uffachuun hajjiifi umraa keessattis dhoowwaadha. Harama hoggaa ol seenan, kabajuma haramaatiif yoo taate malee kophee uffachuun waa takkallee hin qabu. Sunilleen dhalaa irratti hin jiruu beekkadhu. Dhalaan hanga fuulaa qofa dhiiftee yeroo dhiirti itti dhufte fooxaa gubbaa irraa ufitti gad deebifti.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
1.8K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:12
ओपन / कमेंट
2022-08-28 15:12:12 121: Nama du’etti dhaammachuun ni tahaa?
 

Gaafii: Namni garii akka waan namni du’e fira isaa, aanaa isaa ka dur dabre bira dhaquutti maytaa/reefka/reeffa bira taa’ee, abaluunis akkas naa je’iin, abaluunis salaam naa je’i jechaa dhaamsa itti dhaammata.

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii; wanni ati garteefi dhageesse tun aadaa jaahilaati. Wanni Islaamummaa keessatti baranne, ta Nabii keenyarraa ﷺ dhageenne, warri addunyaa tana irratti hamtuu dabarse bakka itti deemu kana ni arka. Maytaa/reefka/reeffa hogguu ol fuudhanii gara qabrii deemaniin akka nama manaama keessatti iyyuutti “yaa jarana eeysatti naan deemtan” je’a. Inni haa je’uu malee sagalee isaa nuti hin dhageennu. Akkuma san eega qabrii seenes ruhiin itti deebiti. Shakamsaa miila nama isa awwaalee deebi’uu ni dhagaya.

Namni eega du’ee booda Rabbuma isaaf kadhachuu qofa. Yaa Rabbi waan malaaikoonni gaafatu afaan kaayi jechuu malee wanni takka ka dhaamsa itti dhaammatan hukmii shariaa keessa hin jirtu.
 ‍
  Dr. Liwaa’ulislaam
1.8K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:12
ओपन / कमेंट
2022-08-28 15:11:46 120: Yeroo janaazaan mana jiru ifaa ibsuun hin tahuu?

Gaafii: Gaafa tokko bakka tokko dhaqeetiin, wayta meeytaan mana jiru dukkana keessa haa taa’uu ifaa hin ibsinaa je’anii dhagaye, wanti kun akkami?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii; wanni ati garteefi wanni ati dhageesse sun aadaa jaahilaati. Yaada akkasiillee yaaduun hukmii shariaa irraa ala. Wannummaan maytaa/reefka/reeffa dukkana keessa kaayaniif maali? Dalagaa toltuun inni hojjate dukkana qabriillee akka isaaf ibsitu beeki.

Tanaaf jecha waan akkasii dalaguun sun shariaa Islaamummaa keessa hin jirtu. Aadaa khuraafii warra suufiyyaatii beeki.

  Dr. Liwaa’ulislaam
2.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:11
ओपन / कमेंट
2022-04-30 19:52:03 BREAKING

Baatiin Shawwaal guyyaa harraa waan hin mul'atiniif ayyaanni iidal fixr guyyaa wiixataa ykn isniinaa ta'a.

www.nuuralhudaa.com
1.3K viewsSalluu Alal-muktaar, 16:52
ओपन / कमेंट
2022-03-31 10:21:22
Fatwaalee soomana baatii Ramadaaniin wal qabatan, deebisaa gafichaa argachuuf gaafi irratti click taasisaa.

35: Qadaatu narra jiraa garuu na dhukkubaa akkamiin godha?

72: Ilkaan rigachuun soomana ni balleessaa?

404: Ramadaana keessa of tuttuqee maniyyiin narraa bahe akkam?

324: Dhiigni aadaa yoo namatti dhufe, dawaan ofirraa dhoowwuun taatii?

285: Dhiira ajnabiif nyaata dhiheessuun danda’amaa?

239: Haqqisuun Soomana ni balleessaa?

202: Guyyaa Ramadaana Haadha warraa osoo hin tuqiin waliin rafuun akkami?

183: Namni kaafiraa/dilii qabu tokko Ramadaan keessa yoo du'e maal ta'a?

168: Rahiima waldhabaniin osoo hin araaramin Ji'a Ramadaanaa soomuun akkami?

124: Namni tokko badii dalaguuf yaadee yoo dhiise maal godhuu qaba?

#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.
5.9K viewsChannel Help, edited  07:21
ओपन / कमेंट
2022-02-06 07:48:52 119: Zakaan qabeenya hammam takkarraa baafama?

Gaafii: Zakaan hangam takkarraa baafama, lakkoofsi hoo eeysarraa eegalama?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii; walumaagalattuu bakkuma fedheehuu haa ta’uu hukmii shariaa keessatti maallaqni zahaba jala deema. Zakaan ka namarratti wajjabu yoo zahabni giraama saddeettamii shan ta’e qofa. Giraama saddeettamii shan yeroo ta’u, giraamni sadeettamii shanan sun mallaqatti meeqa ta’aa laali.

Akka maallaqa Saudiitti toora 12,000, ykn 11,000ti. Kana amatni irraa naannofnaan 1000 irratti riyaala Saudii 25 Itoopiyattis birrii 1000 irraa 25.

Namuu hisaabuma zahabaa kana mallaqa biyya jiruutti jijjiirata.  Maallaqni kee miliyoona ta’us akkasumatti itti oofta jechu.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
1.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:48
ओपन / कमेंट