Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 16.92K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 11

2022-10-03 17:47:30 136: Nama hin salaannee wajjiin hojjechuun ni tahaa?

Gaafii: Warri ani bira dalagu hin salaatan, hin sooman, an ammoo jaraa wajjiin dalagutti jira. Dalagaan isaaniin wajji dalagu tun garaa na nyaattee isaanii wajjiin dalaguun naaf halaalaa?
 
Deebisaa: Yoo dalagaan ati dalagdu sun halaala taate hattaa Islaamaa mitii kuffaara bira dalaguu ni dandeessa. Rakkoon hin jiru. Garuu wanni si barbaachisu dalagaan ati dalagdu sun halaala moo haraama? San qofa shariaan si gaafata. Osoo dalagaan jaraan wajjiin dalagdu sun haraama taatee, hattaa nama sheekhaa ka soomanee salaatuun wajjiinillee osoo dalagdee siif halaala hin taatu.

Laakin dalagaan tantee yoo halaala taate, salaatus salaatuu baatus, soommanus soomanuu dhiisus, isumatu irraa gaafatama. Ati ammoo dalagaan kankee siif halaala jechuudha. Ati salaattee soomannaan rakkoo hin qabu inshaa Allaah.

  Sheikh Alii Jimmaa
793 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 14:47
ओपन / कमेंट
2022-10-03 17:47:25 135: Osoo waajibni narra jiruu sunnaa soomanuu niin dandayaa?

Gaafii: Sooma waajibaattu narra jira;, osoo soomni waajibaa Ramadaanaa narra jiruu Shawwaal fa’a sunnaa soomuun akkami?
 
Deebisaa: Waajiba osoo ufirraa hin buusin sooma sunnaa soomuun dirqamaa miti. Waajiba Rabbiittu dura dirqama ta’a. Waajiba ufirraa buusuun barbaachisa inshaa Allaah.
 
Sheikh Alii Jimmaa
837 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 14:47
ओपन / कमेंट
2022-09-24 09:26:50 134: Sadaqaa bakkaan itti niyyadhe dhiisee bakka biraatti yoon sadaqadhe ni taatii?

Gaafii: Sadaqaa bakka takkatti niyyadhee, bakka itti niyyadhe sanitti naaf hin guutamnee bakka sanii yoo bakka biraa deeme maal qabdi?
 
Deebisaa: Badii hin qabdu. Sadaqaa niyyatte bakka feetetti kennuu ni dandeessa. Bakka itti niyyatte san qofatti kennuu dirqamni sirra hin jiru.

Sheikh Alii Jimmaa
977 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:26
ओपन / कमेंट
2022-09-24 09:26:42 133: Salaata keessatti miila walitti maxxanfachuu dhabuun akkami?

Gaafii: Biyya nuti jirru kanatti namni miila walitti maxxansee hin salaatu. Biyya keenyatti ammoo miila walitti maxxansaa jedhaniitiin nu ajajanii dubbiin tun akkami?
 
Deebisaa: Miila walitti maxxansanii salaatuun ajaja Rasuula Rabbiiti ﷺ. Rasuulli Rabbii ﷺ miila keessaniifi ceekuu keessan walitti maxxanfadhaa jedhe. Saffiin akkas malee hin qajeeltu jechaatu jira. Miila walitti maxxanfachuu dhabuun wallaalumma. Barachuutu isaan irra jira. Namni beekullee barsiisutu irra jira.

Sheikh Alii Jimmaa
940 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:26
ओपन / कमेंट
2022-09-24 09:26:33 132: Namni karaa halaal hin taaneen imala deemee soomana cabse maal godha?

Gaafii: Namni tokko yoo karaa halaala hin ta’iniin imala deemee soomanallee balleesse, soomana san akkamitti soomana? Nama gaafannaan kaffaaraa wajji baafta naan jedhanii soomutti jira.  Kaffaaraa san ammoo guyyaa guutuu nama nyaachisaa ooluu qaba moo hukmiin isaa akkami? Hiriyoota kiyyaanillee sooma san haa soomannuu jedhee itti himee jennaan nutuu gaafa san karaa Rabbi hin jaalanneen deemaa, dubartii halaala hin ta’in wajjiin turree, amma sooma maaltu nurraa taqabbalamaa naan jedhan.
 
 
Deebisaa: Namni tokko yoo dogongoree karaarraa bade, ma’siyaa itti fufuun barbaachisaa miti. Warra tokkotu gaaf tokko Finfinnee dhufee “nuti shiftaa gurguddaadhaa, nuti ammallee halkan baankii cabsinaa, horii namaa fudhannaa, nama saamnaa, nama ajjeefnaa, hojii tana dhiisuu hin dandeenyuu, salaanni maal nu fayyada; soomnillee maal nu fayyada; soomanuufi salaatuun keenya Rabbitti taphachuu, Rabbitti qalladuu hin ta’uu? Soomuufi salaatuu yoo ufirraa dhiifne hoo?’’ naan jedhan.

Rabbiin guddaan Qur’aana keessatti salaatni dhugaan lubbuu qabdu, ta arkaana isiitiif shuruuxa isii, waajiba isii, sunana isii guuttatte, hamtuu irraa nama dhoorkiti jedha. Salaata yoo beekaa dhiisan kaafira ta’an. Uzrii takkaan malee namni salaata beekaa dhiise ni kafara hadiisa jedhu lamaa saditu jira. Horii namaa fudhachuufii shiftummaan kun ammoo kufritti nama hin geessitu. Kufriifi ma’siyaan abadan walitti hin qixxaahu.

Kanaaf jecha dubbii walitti laaquun barbaachisaa miti. Nuti gaafa san ma’siyaa hojjataa turreeyyuu, dubartoota halaala hin taane wajji deemaa turreeyyuu jedhanii waan itti najifaman san sababaa godhatanii sooma maalii qadaa baafnaayyu jechuun aakiraa ufiitiifi qabrii ufiititti taphachuudha. Warra aakiraafi aayata Rabbii guddaatti taphatan sun, nullee guyyaa qiyaama isaanitti taphachuu jiraanna jedha Rabbiin guddaan. Kun duuba haqiiqaa Rabbiin Qur’aana keessatti ibse. Uf ganutti jiran malee collummaa miti jedha Rabbiin guddaan SW.

Namni imala halaalaa deemu imala keessatti sooma soomuunuun isarra hin jiru. Ulamaan gariin namni hattummaafi shiftummaaf karaa ma’siyaa, karaa Rabbiin hin jaalanneen deemu, dubartiin ajnabiyyaa wajji deemtu, dubartiin maarama malee deemtu salaata gabaabsuufi wanni soomana keessatti ruksaa namaaf ta’u isiif hin ta’u jedhan. Obboleessi keenya an amma soomanutti jiraa kaffaaraallee baasi naan jedhanii akkamitti kaffaaraa tana baasa? jedhee gaafate. Kaffaaraa tana guyyaa guutuu nama nyaachisaa ooluu qaba moo kaffaaraa jechuun akkami jedhe.

Ta duraa kaffaaraa baasuun sirra hin jiru. Namni karaa ma’siyaatiin wallaalumman deemee yoo sooma balleessellee soomuma san qofa kafaluu qaba malee kaffaaraa itti dabaltee baasta daliilli jedhe tokkollee hin jiru. Garuu ajnabiyyaa waliin deemuun sun ma’siyaa birootii ma’siyaan ittuma katabamti. Yoo tawbate Rabbiin isaa araaramuu ni mala. Sun gabrichaafi Rabbi jidduu jirtii namni tokkollee hukmii irra kaayuu hin danda’u. Sooma qadaa baasuun ammoo nama Muslimaa hundarratti waajiba.

Namni sooma ufiitti taphate hundi sooma isaa qadaa baasuu qaba. Kanaaf jecha asitti wanni beekamuu qabu namni tokko yoo zamana tokko ma’siyaadhaan dabre, soomana balleesse san qadaa baasuun isarra jira inshaa Allaah.

Sheikh Alii Jimmaa
850 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:26
ओपन / कमेंट
2022-09-24 09:26:24 131: Horii fayyaa dhabe gubuun akkami?

Gaafii: Bakka dalagaa horii fayyaa dhabe ibiddaan guban naan je’anii maal naaf wayya?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii; lukkuus haa ta’u, re’ees haa ta’u, horiis haata’u, gaalaas haa ta’u, ibiddaan gubuun haraami. Nabiin keenya ﷺ ni dhoorke. Rabbii tokkicha malee ibiddaan namni tokkolleen nama hin azzabu. Tanaaf jecha yoo fedhan dachitti haa awwaalanii, yoo fedhan bineensaaf haa kaayanii malee ibiddaan gubuun haraam calladhaa ati didi. Yoo waan akkanaa ka si dirqan taate dalagaa san dhiisii deem.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
919 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:26
ओपन / कमेंट
2022-09-24 09:26:14 130: Nama Sammuun Rakkoo Qabu irratti Ibaadaan dirqamaa?

Gaafii: Nama tokko ka guddina keessatti aqlii dhabe, soommanaafi salaatni isarratti ni jiraa?
 
Deebisaa: Nama osoo uf beekuu dullumaan soomana dadhabe guyyuu nama tokko irraa nyaachisan. Takkaahuu hoggaa soommanni bahe nam soddom irraa nyaachisan. Namtichi  totorra’ee aqlii dhabe ammoo salaataafi soommanalleen waa takka isarratti hin jiru.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
988 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:26
ओपन / कमेंट
2022-09-10 15:06:01 129: Ijoollee nama aalimaa bira geessanii shahaadaa qabsiisuun akka shariaatti akkami?

Gaafii: Ijoollee dhalatte fuudhanii sheekhatti ykn kabiiratti geessanii shahaadaa qabsiisuun maali?
 
Deebisaa: Ijoollee eega dhalatte booda shahaadaa qabsiisuun aadaa Muslimaatii miti. Yoo haadhaafi abbaan kararraa jijjiiran malee, Muslimni Islaamummaa irratti dhalata. Wanni  shahaadaa qabsiisaniif takkalleen hin jirtu.

Warri Nasaaraa ijoollee wanni bishaan itti biifaniif takkaahuu bataskaana geessaniif ilmoon akka Islaamummaa irratti dhalattu waan beekaniif achirraa jijjiruufi. Yeroo namni kun du’uus dibbee itti tumanii waan kana irraa hiikan.

Wanni akkas godhaniif gaafa duraa Islaamummaa irratti dhalate irraa waan jijjiiraniif amma ammoo gama keennaan nuti irraa hiiknee bakka duraatti deebisne jechu.
 

Dr. Liwaa’ulislaam
4.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:06
ओपन / कमेंट
2022-09-10 15:04:23 128: Nama ijoollummaan waan haraam nyaate maaltu irra jira?

Gaafii: Namni tokko isaa ijoollee yoo horii ofiin du’e nyaate maaltu isarra jira?
 
Deebisaa: Raqni/baktiin ati nyaatte bifa lamaatu jira. Tokko ka akkanumatti akkuma foon kaaniitti nyaatani. Ka biraa ka rakkatanii waan nyaatan dhabanii beelarraa nyaatani.

Ka rakkinaaf nyaatan kana Rabbiin xiqqaafi guddaafis haalaal godhee jira. Lubbuu ufii baasuuf raqa/baktii nyaachuun halaali. Ati ammoo ijoollee ta’uu keetiif humaa takkallee sirratti hin jiru.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
3.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:04
ओपन / कमेंट
2022-09-10 15:02:18 127: Namni jaartii isaa wajjiin ciisuu dhabuuf kakate maal godhuu qaba?

Gaafii: Namni tokko yoo jaartii isaatiin duydi kee akka duyda haadha tiyyaati je’e, kana jechuun ani yoo si wajjin ciise akka nama haadha tiyyaan wajjiin ciiseeti je’ee kakate wanni isarratti jiru maali?
 
Deebisaa: Waa’ee nama waan akkanaa je’uu Rabbiin suuratul mujaadalaa keessatti dubbatee jira. Namni akkana je’e osoo warra isaatti hin ida’amin dura gabra bilisoomsuu qaba. Yoo waan bilisoomsuun hin qabaanne baatii lama walitti aansee osoo warra isaatiin walitti hin ida’amne soommanuu qaba.

Baatii lameen yoo iidni itti dhufe malee osoo addaan hin dhaabne soomana. Yoo baatii lama soomanuu hin dandeenne miskiina jahaatam nyaachisuu qaba je’e Rabbiin.

Dr. Liwaa’ulislaam
3.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:02
ओपन / कमेंट