Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 16.92K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 9

2022-10-16 20:53:47 156: Waan namni gate yoo fuudhee nama biraatiif kenne maal qaba?

Gaafii: Bakkaan dalagutti waan namni itti haajamu cufa alarraa fidan. Duuba jarri kun bikka ooyruu haa tahu, bikka manaa haa tahu, waan kana achumatti dhiisanii biraa deeman. An ammoo waan kana fuudhee namaa qooda. Waan kana keessatti balleessaa qabaa?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii wanna gaafii fidu cufa waatu jala jiraa beekkadhu. Yoo fakkeenyaaf ruuza jiraa, sukkaara, shaahii bitanii achi kaayanii hoggaa dhufan ka itti haajaman taate, amaanaa san achumatti jabeessuutu sirra jira. Yoo nyaanni isaan fidan nyaata bilchaataa tahee nyaatuma kanaahuu itti haajamnaa firiijii keessa nuuf kaayi ka siin jedhan taatees kaayuun sirra jira.

Yoo ammoo waan kana yoon kenne, yoo sadaqadhes na hin gaafatanii beeyte, humaa takka sirratti hin jiru. Garuu eega shakkiin bakka tanatti jiraattee, waan isaan dhiisan kana deebi’ii gaafadhu. An waan kana ol hin kaahu; waan ol kaahan qalbiin nama gammaddee hin nyaattuu miskiinaaf kenna jedhiin. Nyaata jiraas haa tahu, bilchaatas haa tahuu hayyama gaafadhuu uf qulqulleessi.

Dr. Liwaa’ulislaam
3.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 17:53
ओपन / कमेंट
2022-10-16 20:53:47 155: Du’aa’ii godhanii harka dhungatanii dibachuun akkami?

Gaafii: Namni tokko tokko hogguu duaaii kadhatu harka lamaan isaa dhungatee harkuma san qaamatti dibata.
 
Deebisaa: Rabbiin kadhaa isaatti hoggaa nu kaasu Nabiin keenyallee ﷺ hoggaa nu barsiisu harka olfuudhanii kadhachuun barbaachisa. Harka olfuudhan san dhungachuufi qaamallee diddibuun bid’a. Garuu galgala akka Nabiin keenya ﷺ nuuf himetti hoggaa firaasha irratti olbaatu aayatoowwan ruqyaadhaa sadi sadii qaraatee qaama kee uf dibuun humaa hin qabu. Bakka duaaiitti qaama uf diddibuu garuu daliilli itti hin jiru. Kun bid’aadha.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
2.9K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 17:53
ओपन / कमेंट
2022-10-16 20:53:22 154: Namni Kiristaanaa yoo Qur’aana kiyya harkaan tuqe maaltu narra jira?

Gaafii: Makiinaa takka nama hedduu waliin korree Qur’aana harkaa qabu makiina keessatti irranfadhee bu’e. Namni na cinaa taa’aa ture ka kirstaanaa Qur’aana san fuudhee naa kenne. Maaltu narratti jira?
 
Deebisaa: Namni tokko hoggaa bakka takka dhaqe sagaraas haa tahu, makiinaa keessas haa tahuu kalaama Rabbii guddaa bakka isaan malte kaayuu qaba. Garuu yoo irranfiidhaan wanni akkanaa nama irraa argame wamaa namarratti hin jiru. Namni siif kenne kun silaahuu kaafiraa waan beeku hin qabu. Silaa isarratti haraamii garuu waan itti kennitee naa kenni hin jedhiniin humaa sirratti hin jiru.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
3.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 17:53
ओपन / कमेंट
2022-10-16 07:07:20 153:Nama mirga keenya hin eegne akkam goona?

Gaafii: Nama tokko ka wajjiin gallu ka wajjiin nyaannee dhugnu jidduu teenyatti dhibdeen takka argamte. Tanaaf  jecha inni kun nu wajji salaatuu hin fedhu. Namoota kiristaana fa wajjiin haasawuudhaan raadiyoo nurratti banuudhaan hedduu nu cinqa. Namni kun mirga keenya hin eeguu akkam tahuu nuuf wayya?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii namticha waldiddaatu nu jidduu jira jette kana wajjiin nyaannee dhugna himte. Namni wajji nyaatu jidduu isaatti nagayuma. Isin wajjiin salaatuu dhabuun ammoo ka inni itti aara qabu namoota imaamatti hidhaati moo imaama namaan salaatu?

Namni inni itti aarii qabu yoo imaama san taate, imaamaaf jecha salaata itti hidhachuu diduun sun wallaala isaati. Akkuma san namoota imaama boodaan salaatan kana keessaa namni inni itti aara qabu jiraachuudhaaf jecha salaata Rabbii salaatul jamaa’aa irraa uf hoongessuun wallaala isaati. Ibaadaa Rabbiitiifi waldiddaa keessan wanti walitti hidhe hin jirtu.

Akkuma san yeroo namni ibaadaa godhu nama shaagaluun kunilleen badiin isarratti jira. Tanaaf jecha ammoo nama wajjiin nyaachaa wajjiin dhugaa jirtan kana eega qoonqoorratti wal taatan wajji galuun keessanis ni malaa waldiddaan rakkinaa mitii wal fayyiftanii ibaadaa Rabbii irrattillee waltahuun dirqama keessani. Rabbiin walitti isin haa fayyisu.

Dr. Liwaa’ulislaam
3.7K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:07
ओपन / कमेंट
2022-10-12 09:18:37 152: Namni salaata lama walitti qabe, yoo nama salaatutti dhufe, salaata kam dursuu qaba?

Gaafii: Namni tokko salaata hoggaa imaltuu deemee walitti qabu takkaahuu biyyuma jiru keessatti osoo karaa dheeraa deemuu yoo walitti qabe, fakkeenyaaf Zuhriifi Asrii walitti qabee, osoo deemuu ummata Asrii salaatutti yoo dhaqe salaata kamiin itti hidhata?
 
Deebisaa: Ta duraa wanni beekuu qabdu hoggaa imaltuu baate, yoo warra biyyaatti ka hidhattu taate salaata guutuu qabda. Ati musaafira waan taateef silaa salaatni kee Zuhriifi Asrilleen raka’aa lama lama. Garuu ummata biyyaatti hogguu hidhattu guuttee salaatta. Ka dura hidhattu ammoo Zuhriidha. Hoggaa isaan Asrii fixan olkaatee, Asrii salaatta.

Yoo ammaas nama biyyaa ka biraatti hidhatte akkasumatti guutuu wajjiin salaatta. Yoo ammoo nama hin arkatin, iqaammattee Asrii raka’aa lama salaatta. Yoo si dabarsanii nuun salaati siin jedhan ammoo ani musaafira jettee itti himtee raka’aa lama salaattee salaammachuu dandeessa. Isaan ammoo si boodaa guuttachuu danda’an.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
509 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:18
ओपन / कमेंट
2022-10-12 09:18:32 151: Salaata fardii eega salaatan booda bakka jijjiirrachuun dirqamaa?

Gaafii: Namni tokko hoggaa salaata fardii salaate bakka jijjirachuun isarratti dirqamaa?
 
Deebisaa: Salaata fardii yoo bakka takkatti salaatan sunnaadhaaf bakka jijjiirachuu takkaahuu sunnaafi fardii adda baasuuf dubbiin jidduu kanatti argamuun wohuma hukmiin shariaa itti ajaje. Maalif jennaan akka salaanni ati salaatte suniifi sunnaan wal hin fakkaanneefi. Namni tokko tokko assalaamualaykum jedheetuma akkasumatti ol ka’ee hidhata.

Tanaaf salaanni waajibaatiifi sunnaan adda haa beekkamuu salaata fardii booda xiqqisho daqiiqaa sadiifi afurillee taatu taa’iitii nama si cinaa jiru dubbisii achi boodaan sunnaa kee salaati. Yoo ammoo osoo bakka hin jijjiirratin namas hin dubbisin salaattees, sun salaata kee ka fardii hin miidhuu Rabbii sirraa haa qeebalu.

Dr. Liwaa’ulislaam
430 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:18
ओपन / कमेंट
2022-10-12 09:18:24 150: Aruuzni Aaishaa akkami?

Gaafii: Haati teenya Aaishaan intalli AbuuBakri guyyaa cidha isiidhaa akkamitti gaggeeffatte?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii seenaa beerran Nabii keenyaa ﷺ akkaataa isaan itti fuudhan ni haasofna yoo jenne akka malee dheerata. Walumaa galattuu ta amma harkaa nu qabdu haadha teenya Aaishaadha Rabbii isii irraa haa jaalatuu. Nabiin Rabbii ﷺ amata torbatti isii nikaaha godhatee amata sagal irratti galfate. Gaafa galfate gaalallee hin qalle; horiillee hin qalle.

Qorii takka tan nyaataa ta Sa’ad ibnu Mu’aaz Rabbi isarraa haa jaalatuu mana isaatti tolchee fide qofa. Sanuu yeroo san keessatti isii ijoollee wajjiin taphachutti jirtu haati yaamtee akka nama ergatuutti beera walitti qabdee bareechitee Nabii keenyaaf geggeessite. Yoo heerumni kiyya akkas naaf haa tahu jettes siifi ka si fuudhu yoo itti wal taatan rakkoon takka hin jiru.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
398 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:18
ओपन / कमेंट
2022-10-12 09:18:18 149: Zakaa yoon nama hedduuf adda qoode akkami?

Gaafii: Zakaa narratti wajjabame yoo nama kudhaniif qoode akkami? 
 
Deebisaa: Zakaa nam kudhan qofaaf yoo hire jechuun kee waan irraa jetteef sumatu beeka. Garuu ammoo Rabbiin suuraa tawbaa keessatti zakaan nama saddeetiif akka qoodamu godhe. Yoonin saddeettan san bira kutee kudhan godhe jechuu kee yoo taate, takkaahuu nama kudhaniif akkanatti yoo hire jechuu yoo taate, karuma cufattuu waa takkallee rakkoon hin jiru. Saddeetiifi kudhanii mitii nama lama rakkataaf yoo kennites, namuma tokko rakkoo hamtuu nama qabu, ka deegni irra jiru, takkaa ka uf waldhaanuu hin dandeenye, dhabaa tokko ka silaa fuudha fedhuuf yoo kennites humaa takkallee rakkoo hin qabu. Waan kana keessatti wanti eeggachuu qabdu ammoo haadhaafi abbaa keetiif hin kennin.

Dr. Liwaa’ulislaam
386 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:18
ओपन / कमेंट
2022-10-12 09:18:11 148: Badii niyyadhee yoon dhiise maalin qaba?

Gaafii: Hamtuu Rabbiin jibbu takka dalaga  jedhee yoo niyyadhe, fakkeenyaaf zinaa haa tahu, farshoo haa tahu, nama waa godhuu haa tahu, kufrii haa tahu, wohuma Rabbiin jibbu takka ni dalaga jedhee niyyadhee yoo irraa oole maalin qaba?
 
Deebisaa: Nabii Rabbiittu siif deebise ﷺ. Nabiin ﷺ akki jedhe, namni dalagaa takka ni dalaga jedhee niyyatee eegasii sodaa Rabbiitiif jecha irraa oole akka nama toltuu takka dalagee ajrii kudhan argatutti isaa katabama. Namni toltuun akkasitti katabamtuuf sun namuma waan dalaguu deemu san dandeettii osoo itti qabuu Rabbi sodaaf jecha uf qabe. Akka intala takka hamtuun itti dalaga jedhee, yaammatee ka kophaa isiidhaa isiin bira jirtu Rabbuma isaatii jecha dhiise.

Takkaahuu mana farshoo dhaqee nin dhuga jedhee Rabbuma isaatii jecha dhiise. Sun ajrii guutuu argata jechu. Hamtuu san niyyattee dalaguuf dhayxee  hiree dhabuun ammoo Rabbiif jecha dhiisuu miti. Haalli siif aanjawuu dhabuun sodaa Rabbiitii miti. Ka akkanaa ajriin isaaf hin katabamtu. Rabbiitu sababa godhee waan san irraa isa oolche.

Dr. Liwaa’ulislaam
427 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:18
ओपन / कमेंट
2022-10-12 09:18:01 147: Sha’baana guyyaa 15ffaa khayriitu argama jedhanii akkami?

Gaafii: Sha’baana keessa guyyaa 15tti khayritu argama, Rabbiin namaa araarama jedhanii, warri gariin da’iifa jedhaa mee hadiisni kun akkami?
 
Deebisaa: Hadiisni Rabbiin SW namaa araarama jedhu hadiisa sahiiha. Laakin halkan sana jireessuufi halkan san akka iidaa godhuu shariaan ni dhoowwa. Hadiisa Sha’baanaa cufa keessaa takkattima tanatu sahiihaayyu. Rabbiin nama lamaan wal lolee zannii qabu malee ni araarama. Warra waliin oodu Rabbiin araarama isaa irraa fageessa. Rabbiin nama namatti zannii qabuuf hin araaramu. Haala akkanaa kana eeggachuun barbaachisa.

Sheikh Alii Jimmaa
496 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:18
ओपन / कमेंट