Get Mystery Box with random crypto!

147: Sha’baana guyyaa 15ffaa khayriitu argama jedhanii akkami? | Fataawaa NuuralHudaa

147: Sha’baana guyyaa 15ffaa khayriitu argama jedhanii akkami?

Gaafii: Sha’baana keessa guyyaa 15tti khayritu argama, Rabbiin namaa araarama jedhanii, warri gariin da’iifa jedhaa mee hadiisni kun akkami?
 
Deebisaa: Hadiisni Rabbiin SW namaa araarama jedhu hadiisa sahiiha. Laakin halkan sana jireessuufi halkan san akka iidaa godhuu shariaan ni dhoowwa. Hadiisa Sha’baanaa cufa keessaa takkattima tanatu sahiihaayyu. Rabbiin nama lamaan wal lolee zannii qabu malee ni araarama. Warra waliin oodu Rabbiin araarama isaa irraa fageessa. Rabbiin nama namatti zannii qabuuf hin araaramu. Haala akkanaa kana eeggachuun barbaachisa.

Sheikh Alii Jimmaa