Get Mystery Box with random crypto!

146: Intala guddisan nikaaha godhuun dandayamaa? Gaafii: Inta | Fataawaa NuuralHudaa

146: Intala guddisan nikaaha godhuun dandayamaa?

Gaafii: Intala takka namni abbaa hin tahin yoo guddise, nikaaha namaaf godhuu ni danda’aa?
 
Deebisaa: Yoo sabiyyummaa isiitirraa guddise, wakiila tahee nikaaha godhuu ni danda’a. Yoo waliyyiin isii, abbaan, obboleessi, abbeeraan yookiin namni fira jedhamu tokko dhabame nikaaha godhuu ni danda’a. Maalif jennaan nama isii guddisee isii wajjiin tahabe jechu. Ulamaan akki jedhan innillee bira haa jiraatuu irra caalaan qaadiidhuma geessu. Qaaduma geessanii qaadii biratti nikaaha godhuun bareedaadhaa jedhan.

Namni gariin ilmoo tana yoo guddisu akkuma ilmoo ufiitti guddifata. Itti yaaddawa. Akka ilmoo ufiitti isii laala. Haalli akkasii sun yoo jiraate qaadii geessanii nikaaha godhuuf isiidhaaf yaaddawuun barbaachisaadha. Akka heeruma keessatti haqa isii hin dabarsine, hin balleessine yoo waliyyiin hin jiraanne wamaa rakkoo hin qabu.
 
Sheikh Alii Jimmaa