Get Mystery Box with random crypto!

149: Zakaa yoon nama hedduuf adda qoode akkami? Gaafii: Zakaa | Fataawaa NuuralHudaa

149: Zakaa yoon nama hedduuf adda qoode akkami?

Gaafii: Zakaa narratti wajjabame yoo nama kudhaniif qoode akkami? 
 
Deebisaa: Zakaa nam kudhan qofaaf yoo hire jechuun kee waan irraa jetteef sumatu beeka. Garuu ammoo Rabbiin suuraa tawbaa keessatti zakaan nama saddeetiif akka qoodamu godhe. Yoonin saddeettan san bira kutee kudhan godhe jechuu kee yoo taate, takkaahuu nama kudhaniif akkanatti yoo hire jechuu yoo taate, karuma cufattuu waa takkallee rakkoon hin jiru. Saddeetiifi kudhanii mitii nama lama rakkataaf yoo kennites, namuma tokko rakkoo hamtuu nama qabu, ka deegni irra jiru, takkaa ka uf waldhaanuu hin dandeenye, dhabaa tokko ka silaa fuudha fedhuuf yoo kennites humaa takkallee rakkoo hin qabu. Waan kana keessatti wanti eeggachuu qabdu ammoo haadhaafi abbaa keetiif hin kennin.

Dr. Liwaa’ulislaam