Get Mystery Box with random crypto!

150: Aruuzni Aaishaa akkami? Gaafii: Haati teenya Aaishaan in | Fataawaa NuuralHudaa

150: Aruuzni Aaishaa akkami?

Gaafii: Haati teenya Aaishaan intalli AbuuBakri guyyaa cidha isiidhaa akkamitti gaggeeffatte?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii seenaa beerran Nabii keenyaa ﷺ akkaataa isaan itti fuudhan ni haasofna yoo jenne akka malee dheerata. Walumaa galattuu ta amma harkaa nu qabdu haadha teenya Aaishaadha Rabbii isii irraa haa jaalatuu. Nabiin Rabbii ﷺ amata torbatti isii nikaaha godhatee amata sagal irratti galfate. Gaafa galfate gaalallee hin qalle; horiillee hin qalle.

Qorii takka tan nyaataa ta Sa’ad ibnu Mu’aaz Rabbi isarraa haa jaalatuu mana isaatti tolchee fide qofa. Sanuu yeroo san keessatti isii ijoollee wajjiin taphachutti jirtu haati yaamtee akka nama ergatuutti beera walitti qabdee bareechitee Nabii keenyaaf geggeessite. Yoo heerumni kiyya akkas naaf haa tahu jettes siifi ka si fuudhu yoo itti wal taatan rakkoon takka hin jiru.
 
Dr. Liwaa’ulislaam