Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.01K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 27

2021-02-10 08:52:32 535: Namni tokko eega niitii isaa hiikee baatii sagal gahanii walitti deebi’uu ni danda’anii?

Gaaffii: Namni tokko eega niitii isaa hiikee baatii sagal gahanii walitti deebi’uu ni danda’anii?

Deebisaa: Ee ni danda’an. Haarawatti nikaha godhaniin yoo duraan marroo sadi hiikee hin jiraatin. Yoo ammoo nikahan irraa dhumatee jiraate yoo sadi hiikee jiraate fuudhuu hin danda’u. Yoo wayta hiiku takkaan hiike yookan lamaan hiike amma nikaha haarawaan itti deebi’uu ni danda’a warra isaanii irraa kadhatee, maarii haarwa kenneefii, aruuza haarawa godhee, karaa sanitti deebi’uu danda’a. Yoo ammoo dura sadiiniin ka hikee jiraatu taate irraa guurattee jirti itti deebi’uu hin danda’u.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
15.5K views05:52
ओपन / कमेंट
2021-02-10 08:52:07 534: Ilmaan eessumaa ajnabiidhaa?

Gaaffii: Eessumni kiyyaa haadha tiyya guddifatee ilmaan eessuma tiyyaa sun narraa ajnabiidhaa akka akaakoo kiyyatti laallamaa eessuma kiyya haa ta’uu malee.

Deebisaa: Yoo niitii eessuma keetii haadha tantee harma hoosifte inni akka abbaadhaa ta’aa niitiin eessuma keetii sunillee akka haadhaa taatii innillee siif akaakoo ta’aa, niitiin eessuma keetillee siif akkawoo taatii, ilmaan isaanii ammoo siif eeysumman ta’anii. Yoo isaan harma hin hoosiisin yoo eessumni kankee haadha tantee akkanumatti yoo guddifate ilmaan isaa sirraa ajnabiidha irraa hijaabatuu qabda. Maaliifi jennaan ilmaan isaa sun si fuudhuu danda’an.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
13.1K views05:52
ओपन / कमेंट
2021-02-10 08:51:55 533: Salaata garii dhiisaa garii salaatuun akkam?

Gaaffii: Nama salaata tokko salaata tokko dhiisu ammoo ka sadaqatu maal godhan? sadaqaan isaa sun salaata isaa irraa bakka buuti? Qadaa deebisaa?

Deebisaa: Bakka hin buutu. Nasihaa godhaniif akka walitti dhaabee salaatu. Towbadhu gama Rabbi kankeeti kadhu. Yoo ka beeku taate guyyaa inni irraa dabre sani qadaa deebisa. Yoo ka hin beeyne taate toowbaa godhaa jechu. Namni salaata dhiisu takkaa waliigalatti haa dhiisuu takkaa keessaa waa haa dhiisuu namni salaata dhiisu tokko Rabbi biratti abaarama. Ulamaa’ii islaama garii biratti inumaahuu kaafira diinaa islaamaa keessaa ni baha.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
11.3K views05:51
ओपन / कमेंट
2021-02-10 08:51:04 532: Ruku’arraa akka ol jedhaniin imaamni gariin wonti qara’u maali ?

Gaaffii: Biyyaa ani jiru kana keessatti imaamni raka’aa lammaffaa keessatti waa qara’aa wanni inni qara’u sun du’aa’ii waan isiin taate hin beekuu biyya keenna hin jirtuu.

Deebisaa: Wanni inni qara’u sun qunuuxa jedhama. Qunuxa jechuun du’aa’ii. Du’aa’ii suni salaata fajrii keessatti wayta raka’aa lammaffaa gad geessan ruku’arraa ol godhatan osoo sujuudaaf gad hin buuneen duratti du’aa’ii qara’an. Du’aa’iin qara’an sun shaafi’iyyaa biratti sunnaadha. Waliin salaati rakkoo hin qabduu. Wayta gara biyya keessanii dhayxellee ufirraa dhiisi humaa rakkoo hinqabduu. Asilitti Rasuula Rabbii irraa salaata subhii qofa irratti qunxxuxni irraaa hin sabanne. Garuu qunuuxni kun sadi; du’aa’iin qara’an tun ruku’a, ruku’a duuba, raka’aa lammaffaa haa taatuu raka’aa arfaffaa haa taatuu raka’aa irraa maayyii keessatti ruku’arraa wayta olgodhatan du’aa’iin qara’an sadi; qunxul nawaazil jedhamti du’aa’ii wayta musiibaan buute, qunuuxul witrii jedhan du’aa’ii witirii jedhan, quunuuxa subhii jedhan. Qunuuxin witrii fii qunuuxni wayta musiibaan buutee rasuula Rabbii irraa sabattee jirti. Gaafa warra 70 ka qur’aana haafizaa warri kaafiraa fixe rasuulli Rabbii gosa kaafiraa san warra sani fixxe Rasuulli Rabbii Abaare jechu. Ammoo qunuuxa subhii kana hadiisni itti dhufe da’iifa. Hadiisni da’iifaa kun imaamu shaafi’ii biratti humna qabaa daliila godhate. Mazahbi isaanillee sani irratti dhaabbatee jiraa jechu. Kanaafuu salaata subhii yoo nama shaafi’iyyaa tokko waliin salaatte namallee azaa hin godhinii atillee azaa ufi hin godhinii bida’a mitii waliin qunuuxa godhii. San irra wanti hamtuudhaa ati kilaafa kaaftee masjiida keessatti ummatni qoodamee wal lolanii sanirraa jibbansaafii wal abaaruufii wal arrabsuuf waliin ooduun irraa kaatu santu qunuuxa ati waliin gootu sani irra hamtuudha. Imaamu Ahmad ibnu hambaliifi imaamu shaafi’iin Muhammad ibnu Idriis. Imaamu Ahmad qunuuxni subhii kun akka hin jirre amana, imaamu shaafi’iin akka jiru amana. Saniin wajjiin waliin salaatan. Imaamu shaafi’iin imaama ta’eeti Imaamu Ahmad imaamu shaafi’ii duubaan salaatuu turee jechu. Gaafatanii jennaan qunuuxni fajrii bida’a moo sunna jedhanii gaafatanii jennaan bida’a hin jedhuu jedhe. Nama qunuuxa ganamaa godhu tokko wajjiin salaattaa jedhanii gafannaan ee ni salaataa jedhe. Gaafiin kankee kun imaamu shaafi’ii wajjiin hin salaattu jechuu feetaa jedheen. Kanaafuu dubbiin waan sirra laaftuu takkaa wanni qara’an sun waan beekamaa qunuuxa jedhama ufirraa waliin salaati rakkoo hin qabuu.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
10.8K views05:51
ओपन / कमेंट
2021-02-10 08:50:25 531: Ilmoo garaa bu’ee du’aa’ii godhuun danda’amaa?

Gaaffii: Niitii takka yoo ilmoon garaa bu’e ilmoon sun baatii shanii jaha ka geette du’aa’ii godhuun ni danda’amaa? Irratti salaatuun ni danda’amaa?

Deebisaa: Haadhaaf abbaa isaatiif du’aa’ii godhani. Irratti salaatuun hin barbaachisu ima awwaalan. Wanti na gaafataniif taasi’aa barbadan. Taasi’aan shariyaa islaama keessa hin jirti moo hin jirtuu, hin jirtu.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
9.8K views05:50
ओपन / कमेंट
2021-02-04 14:59:37
Baafataalee Fataawaa argachuuf.
1.8K views11:59
ओपन / कमेंट
2021-02-04 14:45:58 530: Waan hin taaneef kakachuun akkami?

Gaaffii: Namni tokko yoo kakate eegasii wanni irratti kakate suni dallanee kakate wanni inni irratti kakate sun dogongora jechuu beekee maal ta’uu qaba?

Deebisaa: Kaffaaraa godhuu qaba. Takkaa gabra bilisoomsuu, takkaa miskiina jaha nyaachisu, takkaa guyyaa sadi soomu. Gabra bilisoomsuun ammatti hin aragamu. Yookaa miskiina jaha nyaachisi yookaa guyyaa sadi soomani. Waan irraa kakatte sanillee yoo waan haraami hin ta’in dalagi.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
1.8K views11:45
ओपन / कमेंट
2021-02-04 14:45:24 529: Haadha tiyya ta islaama hin taane laaluunii ni danda’aa?

Gaaffii: Haati tiyya anaa diqqaa biyyaa na ariitee eega biyyaa fagaadhee islaama ta’ee haadha tiyya ta biyyaa na ariite sani laaluu ni danda’aa?

Deebisaa : Haati tee kaafirallee taatu, warri keessan kaafirallee ta’u keessaahuu haadhaaf abbaa kankee manxanfatuu qabda. Waan dandeettuun ka diinaa kankee madeessuu hin dandeenneen isaaniif tola ooluu ni dandeessa. Daliilli Asmaa bintu abubakar obboleettii Ayishadha Rasuula Rabbiititti dhufte madiinaadhatti. Wanni jetteen haadha tiyyatu ta kaafiraa magaalaa makka irraa kaatee natti duftee akka ani isiidhaaf tola barbaadu barbaaddi maal ta’aa jette. Haadha tanteetiif tola oolii jedheen Rasuuli ﷺ. anillee akkasuma siin jedha haadhaaf abbaa kankeetii tola ooli.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
1.5K views11:45
ओपन / कमेंट
2021-02-04 14:44:34 528: Namni tokkko yoo janaabee bishaan dhiqatuun dhabe akkamitti salaataa?

Gaaffii: Namni tokkko yoo janaabee bishaan dhiqatuun dhabe akkamitti salaataa?

Deebisaa: Tayamuumee salaata. Tayammuuma godheeti salaata. Egeri yeroo bishaan aragate ni dhiqata. Salaata taymuumaan salaate sanillee wayta bishaan aragate hin deebisu.

Sheikh Abdurahman Shariif
1.4K views11:44
ओपन / कमेंट
2021-02-04 14:43:10 527: Salaata gabaabsuun yoom eeyyamama ?

Gaaffii: Namni tokko yoo imala deeme biyya haga 200km fagaatu salaata ni gababsa moo hin guutaa yoo guute Rakkoo qabaa? Imala san keessatti sunnaan salaatuun ni danda’amaa? Guyyaa tokko keessatti kilometirii 20 deemaa yookaa kilometirii 25 deemaa.

Deebisaa: Namni islaamaa tokko yoo imalaaf deeme; ulamaa’iin shaafi’iyyaadhaa haga kilometirii 80 wayi imaltuun isaa sun yoo ka taatu taate salaata gabaabsuun ni danda’a, guutateellee salaatuu danda’a diliin isarra hin jirtu. Garuu eega imaltuu taate gabaabsee salaatutu isaaf gaari. Maaliif ruksaa Rabbiiti. Rasuulli kenya waan jedhe ﷺ Ruksaa Rabbiin keenya isiniif godhe ruksaa Rabbii keessanii fudhadhaa jedhe. Kanaafuu salaata gabaabsuun ruksa. Sunnaallee yoo ka salaatuu dandeettuu salaatuu ni dandeessa humaa hin qabu. Maaliif jennaan Rasuulli sunnaa fajrii yookan subii raka’aa lamaan salaata subhii duraa takkaa dhiisee hin beekuu jedhan wayta ganda isaa jiruuf imaltuu keessattillee. Salaatuleeylillee salaatuu ture Rasuulli Rabbii ﷺ, witrii fa’a salaatuu ture imaltuu keessatti. Kanaafuu sunnaan sunna yoo ka dandeettee ka salaattu taate. Wanni sirraa gabaabsaniif dadhabbii sirraa buusuuf.yoo ka dadhabbii hin qabne taate kaanillee lama lama salaatattee sunnaallee yoo salaatatte humaa hin qabu.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
1.6K views11:43
ओपन / कमेंट