Get Mystery Box with random crypto!

527: Salaata gabaabsuun yoom eeyyamama ? Gaaffii: Namni tokko | Fataawaa NuuralHudaa

527: Salaata gabaabsuun yoom eeyyamama ?

Gaaffii: Namni tokko yoo imala deeme biyya haga 200km fagaatu salaata ni gababsa moo hin guutaa yoo guute Rakkoo qabaa? Imala san keessatti sunnaan salaatuun ni danda’amaa? Guyyaa tokko keessatti kilometirii 20 deemaa yookaa kilometirii 25 deemaa.

Deebisaa: Namni islaamaa tokko yoo imalaaf deeme; ulamaa’iin shaafi’iyyaadhaa haga kilometirii 80 wayi imaltuun isaa sun yoo ka taatu taate salaata gabaabsuun ni danda’a, guutateellee salaatuu danda’a diliin isarra hin jirtu. Garuu eega imaltuu taate gabaabsee salaatutu isaaf gaari. Maaliif ruksaa Rabbiiti. Rasuulli kenya waan jedhe ﷺ Ruksaa Rabbiin keenya isiniif godhe ruksaa Rabbii keessanii fudhadhaa jedhe. Kanaafuu salaata gabaabsuun ruksa. Sunnaallee yoo ka salaatuu dandeettuu salaatuu ni dandeessa humaa hin qabu. Maaliif jennaan Rasuulli sunnaa fajrii yookan subii raka’aa lamaan salaata subhii duraa takkaa dhiisee hin beekuu jedhan wayta ganda isaa jiruuf imaltuu keessattillee. Salaatuleeylillee salaatuu ture Rasuulli Rabbii ﷺ, witrii fa’a salaatuu ture imaltuu keessatti. Kanaafuu sunnaan sunna yoo ka dandeettee ka salaattu taate. Wanni sirraa gabaabsaniif dadhabbii sirraa buusuuf.yoo ka dadhabbii hin qabne taate kaanillee lama lama salaatattee sunnaallee yoo salaatatte humaa hin qabu.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif