Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 16.92K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 26

2021-03-27 07:33:28 03: Foon Ummanni Ahlal Kitaab
qalan nuuf halaali moo
haraami?



Yaa gabricha Rabbi, hogguma takkallee wanti nuti itti amannu akka muslimaatti wahuma Rabbiin nuuf himee nuuf ibsee, ergaa Nabi Muhammad nutti ergee ifa nuuf baase. Rabbiin hoggaa nyaata waan nyaannee dhugnu cufaahuu waan haalaaliif haraamii quraana keessati ibsee jira. Quraana keessatti waa takka hin hafne. Muslima barachuu dhabetu rakkoo ufirratti fide malee.

Walumaagalattuu warri a’Ahlal Kitaabi jedhamu pirootestaantiif ortodoksiidha. Warren kaatolikii jedhamu takkahuu waaqeffataa jedhamu wanni isaan qalana haraami calla, dhalaa isaanii fuudhuun haram calla.

Ammo a’Ahlal Kitaabi ummanni piroteestaantiif ortodoksii ka akka yahuudaa ka akka naasaaraa bakkuma fedhettuu warri amanti jennetti amanan kun waan isaanii nyaachuun halaali Rabbumatu jedhe.

Tanaaf jecha bikka kanatti ibsi godhamuu qabu; a’alalkitaabiin sun qaliinsi hardhaan tanaa, kan meeshaa hammayyaatiin qalan harama. Ibiddaan gubuu haa ta’uu, elektirikaan qaluu haa ta’uu, meeshaa hammayyaatti naqanii daqiiqama muraasa keessatti qalanii kaldhoo irraa baasuu kana, wanni akkanaa haram calla. kanarraa fagaatuu qabna.

Tanaaf jecha wanni Rabbiin waan Ahlal Kitaabi halaal godhe waan isaan qalani; bikka tana addaan haa baaafannuu.

Dr. Liwaa’ulislaam
7.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:33
ओपन / कमेंट
2021-03-25 17:43:39 02: Sunnaa Wudu’aa

Gaafii: Yoo wuda’adhee bakka hojjadhutti osoo sunnaah wuda’aa hin salaatin na yaamanii deemee, saa’aa takka booda yoo dhufe bishaan sun narraa gogguudhaaf sunnaan wudu’aa na dabarte, kanaafuu maaltu narra jira?

Deebisaa: Yaa Gabrittii/Gabricha Rabbii, sunnaan wuda’aa Sunnaadha. sunnaa jechuun yoo dalagde waan ajrii irraa aragattu yoo dhiifte Rabbiin ka si hin gaafanne jechu. Tanaaf jecha sunnaa wuda’aa salaatuun jiidhaan wajjiin hidhannaan hin jirtu. Ammuma wudu’attee osoo huccuudhanillee ufirraa qoorsitee salaattee wama takkaa sirratti hin jiru.

Dr. Liwaa’ulislaam
7.5K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 14:43
ओपन / कमेंट
2021-02-17 00:51:56 537: Zahaba warra kiyyaaf bitee jira akkasuma qawweellee.

Gaaffii: Zahaba warra kiyyaaf bitee jira akkasuma qawweellee.

Deebisaa: Zahabni inni bite sun ka nigdii haa ta’uu ka niitii isaa haa ta’uu yoo inni giraama 85 gahe zakatu irratti dirqama ta’aa ufirraa haa baasuu. Yoo ka nigdiif bite ta’ellee horii biraa ka inni qabuun walitti herreeganii horiin isaa sun yoo zakaa gahe irraa haa baasanii. Qawween tama mana teettu yoo taate zakaan itti hin wajjabdu. Yoo ammoo ta daldalaa taate meeshaa daldalaa ta biraa waliin herreeganii zakaa irraa baasanii jechu.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
 
23.6K views21:51
ओपन / कमेंट
2021-02-17 00:51:50 536:  Sooma namaaf soomuun ni danda’amaa?

Gaaffii: Abbaan kiyya qaari’ee jira Rabbiin haa maaruu, soomaa amata tokko irraa qaban ummaa tiyyarraa.

Deebisaa: Sooma irraa qaban sani baasuu qabdi qadaa sani. Amata tokko ta’ee afur ta’ee qadaa ramadaanaa hunda baasuu qabdi. Maaliif jennaan deeynii Rabbiittu isii irra jiraa jechu. Deeynii Rabbii ka isii irra jiru san ufirraa haa kafaltuu. Nama manguddoo soomana hindandeenne yoo taate kaffaaraa irraa haa baasanii. Nama soddomaa nayaata haa nayaachisanii. Nama soomana qabu faxara/ lulluqqii kennaniif.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
16.7K views21:51
ओपन / कमेंट
2021-02-10 08:52:32 535: Namni tokko eega niitii isaa hiikee baatii sagal gahanii walitti deebi’uu ni danda’anii?

Gaaffii: Namni tokko eega niitii isaa hiikee baatii sagal gahanii walitti deebi’uu ni danda’anii?

Deebisaa: Ee ni danda’an. Haarawatti nikaha godhaniin yoo duraan marroo sadi hiikee hin jiraatin. Yoo ammoo nikahan irraa dhumatee jiraate yoo sadi hiikee jiraate fuudhuu hin danda’u. Yoo wayta hiiku takkaan hiike yookan lamaan hiike amma nikaha haarawaan itti deebi’uu ni danda’a warra isaanii irraa kadhatee, maarii haarwa kenneefii, aruuza haarawa godhee, karaa sanitti deebi’uu danda’a. Yoo ammoo dura sadiiniin ka hikee jiraatu taate irraa guurattee jirti itti deebi’uu hin danda’u.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
15.5K views05:52
ओपन / कमेंट
2021-02-10 08:52:07 534: Ilmaan eessumaa ajnabiidhaa?

Gaaffii: Eessumni kiyyaa haadha tiyya guddifatee ilmaan eessuma tiyyaa sun narraa ajnabiidhaa akka akaakoo kiyyatti laallamaa eessuma kiyya haa ta’uu malee.

Deebisaa: Yoo niitii eessuma keetii haadha tantee harma hoosifte inni akka abbaadhaa ta’aa niitiin eessuma keetii sunillee akka haadhaa taatii innillee siif akaakoo ta’aa, niitiin eessuma keetillee siif akkawoo taatii, ilmaan isaanii ammoo siif eeysumman ta’anii. Yoo isaan harma hin hoosiisin yoo eessumni kankee haadha tantee akkanumatti yoo guddifate ilmaan isaa sirraa ajnabiidha irraa hijaabatuu qabda. Maaliifi jennaan ilmaan isaa sun si fuudhuu danda’an.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
13.1K views05:52
ओपन / कमेंट
2021-02-10 08:51:55 533: Salaata garii dhiisaa garii salaatuun akkam?

Gaaffii: Nama salaata tokko salaata tokko dhiisu ammoo ka sadaqatu maal godhan? sadaqaan isaa sun salaata isaa irraa bakka buuti? Qadaa deebisaa?

Deebisaa: Bakka hin buutu. Nasihaa godhaniif akka walitti dhaabee salaatu. Towbadhu gama Rabbi kankeeti kadhu. Yoo ka beeku taate guyyaa inni irraa dabre sani qadaa deebisa. Yoo ka hin beeyne taate toowbaa godhaa jechu. Namni salaata dhiisu takkaa waliigalatti haa dhiisuu takkaa keessaa waa haa dhiisuu namni salaata dhiisu tokko Rabbi biratti abaarama. Ulamaa’ii islaama garii biratti inumaahuu kaafira diinaa islaamaa keessaa ni baha.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
11.3K views05:51
ओपन / कमेंट
2021-02-10 08:51:04 532: Ruku’arraa akka ol jedhaniin imaamni gariin wonti qara’u maali ?

Gaaffii: Biyyaa ani jiru kana keessatti imaamni raka’aa lammaffaa keessatti waa qara’aa wanni inni qara’u sun du’aa’ii waan isiin taate hin beekuu biyya keenna hin jirtuu.

Deebisaa: Wanni inni qara’u sun qunuuxa jedhama. Qunuxa jechuun du’aa’ii. Du’aa’ii suni salaata fajrii keessatti wayta raka’aa lammaffaa gad geessan ruku’arraa ol godhatan osoo sujuudaaf gad hin buuneen duratti du’aa’ii qara’an. Du’aa’iin qara’an sun shaafi’iyyaa biratti sunnaadha. Waliin salaati rakkoo hin qabduu. Wayta gara biyya keessanii dhayxellee ufirraa dhiisi humaa rakkoo hinqabduu. Asilitti Rasuula Rabbii irraa salaata subhii qofa irratti qunxxuxni irraaa hin sabanne. Garuu qunuuxni kun sadi; du’aa’iin qara’an tun ruku’a, ruku’a duuba, raka’aa lammaffaa haa taatuu raka’aa arfaffaa haa taatuu raka’aa irraa maayyii keessatti ruku’arraa wayta olgodhatan du’aa’iin qara’an sadi; qunxul nawaazil jedhamti du’aa’ii wayta musiibaan buute, qunuuxul witrii jedhan du’aa’ii witirii jedhan, quunuuxa subhii jedhan. Qunuuxin witrii fii qunuuxni wayta musiibaan buutee rasuula Rabbii irraa sabattee jirti. Gaafa warra 70 ka qur’aana haafizaa warri kaafiraa fixe rasuulli Rabbii gosa kaafiraa san warra sani fixxe Rasuulli Rabbii Abaare jechu. Ammoo qunuuxa subhii kana hadiisni itti dhufe da’iifa. Hadiisni da’iifaa kun imaamu shaafi’ii biratti humna qabaa daliila godhate. Mazahbi isaanillee sani irratti dhaabbatee jiraa jechu. Kanaafuu salaata subhii yoo nama shaafi’iyyaa tokko waliin salaatte namallee azaa hin godhinii atillee azaa ufi hin godhinii bida’a mitii waliin qunuuxa godhii. San irra wanti hamtuudhaa ati kilaafa kaaftee masjiida keessatti ummatni qoodamee wal lolanii sanirraa jibbansaafii wal abaaruufii wal arrabsuuf waliin ooduun irraa kaatu santu qunuuxa ati waliin gootu sani irra hamtuudha. Imaamu Ahmad ibnu hambaliifi imaamu shaafi’iin Muhammad ibnu Idriis. Imaamu Ahmad qunuuxni subhii kun akka hin jirre amana, imaamu shaafi’iin akka jiru amana. Saniin wajjiin waliin salaatan. Imaamu shaafi’iin imaama ta’eeti Imaamu Ahmad imaamu shaafi’ii duubaan salaatuu turee jechu. Gaafatanii jennaan qunuuxni fajrii bida’a moo sunna jedhanii gaafatanii jennaan bida’a hin jedhuu jedhe. Nama qunuuxa ganamaa godhu tokko wajjiin salaattaa jedhanii gafannaan ee ni salaataa jedhe. Gaafiin kankee kun imaamu shaafi’ii wajjiin hin salaattu jechuu feetaa jedheen. Kanaafuu dubbiin waan sirra laaftuu takkaa wanni qara’an sun waan beekamaa qunuuxa jedhama ufirraa waliin salaati rakkoo hin qabuu.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
10.8K views05:51
ओपन / कमेंट
2021-02-10 08:50:25 531: Ilmoo garaa bu’ee du’aa’ii godhuun danda’amaa?

Gaaffii: Niitii takka yoo ilmoon garaa bu’e ilmoon sun baatii shanii jaha ka geette du’aa’ii godhuun ni danda’amaa? Irratti salaatuun ni danda’amaa?

Deebisaa: Haadhaaf abbaa isaatiif du’aa’ii godhani. Irratti salaatuun hin barbaachisu ima awwaalan. Wanti na gaafataniif taasi’aa barbadan. Taasi’aan shariyaa islaama keessa hin jirti moo hin jirtuu, hin jirtu.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
9.8K views05:50
ओपन / कमेंट
2021-02-04 14:59:37
Baafataalee Fataawaa argachuuf.
1.8K views11:59
ओपन / कमेंट