Get Mystery Box with random crypto!

534: Ilmaan eessumaa ajnabiidhaa? Gaaffii: Eessumni kiyyaa ha | Fataawaa NuuralHudaa

534: Ilmaan eessumaa ajnabiidhaa?

Gaaffii: Eessumni kiyyaa haadha tiyya guddifatee ilmaan eessuma tiyyaa sun narraa ajnabiidhaa akka akaakoo kiyyatti laallamaa eessuma kiyya haa ta’uu malee.

Deebisaa: Yoo niitii eessuma keetii haadha tantee harma hoosifte inni akka abbaadhaa ta’aa niitiin eessuma keetii sunillee akka haadhaa taatii innillee siif akaakoo ta’aa, niitiin eessuma keetillee siif akkawoo taatii, ilmaan isaanii ammoo siif eeysumman ta’anii. Yoo isaan harma hin hoosiisin yoo eessumni kankee haadha tantee akkanumatti yoo guddifate ilmaan isaa sirraa ajnabiidha irraa hijaabatuu qabda. Maaliifi jennaan ilmaan isaa sun si fuudhuu danda’an.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif