Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 16.92K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 25

2021-04-15 18:30:22
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.

Gaafi gadii Tuqaa deebi argachuuf

#171: Taraawiha jiddutti haasayuun ni dhoorkamaa?

267: harka kiyya waa namuran sooma keessa akkamin ta’a?

269: Dubartiin Surree uffattee Soomuun akkami?

270: Bishaaniin qaama qabbaneefachuun Sooma diigaa?

202: Guyyaa Ramadaana Haadha warraa osoo hin tuqiin waliin rafuun akkami?

402: Abbaa ofii hamachuun maal qaba?
4.0K viewsedited  15:30
ओपन / कमेंट
2021-04-12 12:37:49 12: Dhalaa Dhungachuun soomana balleessaa?

Gaafii: Biyyarraa turee biyya dhaqe. Intalti takka muslimas haa taatuu, kiristaanas haa taatuu ajnabidhaa. Waan addaan turree walitti dhufneef akkuma aadaa biyya keenyaatti, natti fiigdee natti maramtee, dhungoo narra harkifte. Hogguu san Soomanan qabaa ture, soomanni kiyya sun bade moo hin badne?
 
Deebisaa: Yaa gabiricha Rabbii ajNabii hogguu jennuu waa yahuudaaf nasaaraa jechuu miti. Intalli adeera keetillee, ta adaadaalleen, ta haboolleen ajNabi.

Mallaa dhungachuun, harka fuudhuun dhoorka sirratti. Garuu waan fedhinnaan si keessa hin jirreen, hatantamaan wanni kun waan si mudatteef Rabbuma kee kadhadhu wamaa  sirratti hin jiruu.

Garuu itti hin deebi’in. Namoota sanninillee barsiisuu qabda. Soomanni kee sirraa hin tuqamne In shaa ALLAAH.

Yoo ammo ka dhungoo tana keessatti waa ka sirraa bahu taate wanni akka maniyyii sababa dhungachuudhaatiin soomanni kee bade.

Yeroo sanitti yoo itti irkattee ykn waliin teettee waliin haasoftee bishaan qaldhaan mazhii jedhamu sirraa dhufe taate sun wudu’a ni balleessaa bikka si tuqellee ofirraa dhiqi.
 
Dr. Liwaa’ul Islaam
6.5K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 09:37
ओपन / कमेंट
2021-04-11 04:16:10 11: Saahiba Kiristaanaa wajji ayyaana isaanii kabajuu

Gaafii: Ani hiriyaa intalaa qaba; intalti tun kiristaana; wajji nyaanna wajji dhugna, akka gaaritti wal jaalanna. Gaafa ayyaana isaaniillee nin kabajaafii, waan kana maaltu narra jira?
 
Deebisaa: Yaa jara keenya nuti akka muslimaatti; isilaamummaan tun haqa ilma namaa akkamitti laaltii haa barannuu. Yaahuudaas, nasaarasi, waaqeffatasi haala jiruu keessatti wajjiin daldalachuu, waan Rabbiin haaram hin godhin wajji nyaachuu, wajji dhuguu, ollummaatti nagaya walgaafachuun wama takkallee hin qabu. Wanni Rabbiin nu dhoorku namoota Aduwwii Rabbii ta’e yoo du’e dhiqnee reeffa isaa qabrii geessuun nurratti dhoorkadha. Ammo fayyaa yoo dhabe dhaqanii gaafachuun wama takkallee hin qabu.  Wajji nyaannee wajji dhuguunillee wamaa hin qabu. Wajji daldalachuunillee wamaa hin qabu waan kana keessatti ammo wanni Rabbiin jibbu akka kirismasaa haa ta’uu, guyyaa isaan waan Rabbiin jibbu kabajan isaaniin wajjiin kabajuun, farshoo wajji dhuguun, bataskaana wajji dhaquun ilmaan muslimaaa cufa irrattuu haarami calla. Wanni saniin achii takkallee rakkina hin qabu.
 
  Dr. Liwaa’ul Islaam
6.6K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 01:16
ओपन / कमेंट
2021-04-11 04:15:58  10: Wayta Roobaa Salaata Walitti Qabanii Salaatuu.

Gaafii: Sababaa Roobaatiif jecha gandi nu keessa jirru kun salaata lama walitti qabnee salaanna, hukmii Shari’aa keessa ni jiraa?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbi, salaatni guutuun; ta duraatii bifa lama qaba. Bifti takka takkaahuu walitti qabuun, takkaahuu gabaabsuun yoon imaltuu deemte. Salaata gabaabsuun kan akka zuhurii, Asrii, ka akka ishaa’ii lama lamatti deebisuun hukmii Shari’aati. Zuhriif Asrii walirra fiddee raka’a lama lamaan salaatuun, jiddutti attayyaata teessee salaammattee ka afuri walitti hin idaane hukmii Shari’aati. Akkuma san salaatni, inumaa gariin ulomaa’ii wanti jedhan, bubbeen hamtuun tan akka Ameerikaa keessa jirtuu ta fooqii gaggaragalchitu, hamtuun akkanaa yoo jiraatte masjiida yoo dhaquu hin dandeenye manatti salaatuun wamaa hin qabu jedhan. Akkuma sani Roobni hogguu jirus salaata walitti qabanii Magriibaaf Ishaahii salaatuun sunnama Nabii keenyaati SAW. Wama takkallee Rakkoon sirratti hin jiru. Ammoo, akkanumatti hurriif Rooba xixiqqaa sababa godhattee, keessahu warren gartee sababaa lulluuqaatatiin jecha masigiidarraa hafuuf uzrii godhatu kun dogongora. Salaanni akkuma namni hoggaa tokko kampaanii dhaqee hojjatutti salaataaf masjiida dhaquu qaba yoo dhalaa taate malee.
 
Dr. Liwaa’ul Islaam
5.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 01:15
ओपन / कमेंट
2021-04-06 11:33:57 09: Mallaqaaf Jecha Eessuma kiyyaan wal dhabe.

Gaafii: Eessuma kiyyatu na guddisee, abbaan kiyya ganamaan narraa du’ee. Abbaa kiyya hin beekuu. Tanaaf jecha eessuma kiyya kana akka abbaatti laalaa. Waanin qabu cufa addunyaa isa biratti erga. Addunyaa itti ergu kana itti fayyadame. Hori kana naaf kafaluun isarra jira moo isarra hin jiru? sababaa kanaaf wal afaan dhufne.
 
Deebisaa: Yaa gabritti Rabbii, Adeerri kee, akaakoon kee, obboleessi kee jarri kun cuftinuu foon kee yeroo tahu, nama tokko yeroo waa itti ergitu, waan ergituuf san addaan baasuu qabda.

Wanni kun gargaarsa keetii, kun ammo amaanaa tiyyaa jettee itti erguu qabda. Akkanumatti cal jettee waa itti erguun kee dogongora.

Kanaafuu addunyaa tanaaf jecha wal hin dhabinaa, toltuu isaan sirratti oolan laalii, yoo mallaqni sun jiraates hanga dhaqabatte fudhadhu, addunyaaf jecha wal hin murin, Rahiimummaan bakka haa jiraattu.

  Dr. Liwaa’ul Islaam
7.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 08:33
ओपन / कमेंट
2021-04-06 11:33:47 08: Wudu’a Malee Qur’aana
Qara’uun Hayyamamaa?

Yaa gabricha/gabrittii Rabbii, Quraanni kun kalaama Rabbiiti. Quraanni kabajamuu qaba
quraana wudu’an maletti hin tuqinaa.

Ammoo hifzii yoo qabatte qara’uu ni dandeessa, yoma janaabdaaf heeydii qabaattellee yoo hifzii
qabaatte qara’uu ni dandeessa.

Siif kaayanii wayiin garagalchitee qaraatullee wamaa hin qabu, garuu ammo, quraana harkaan tuquun
dhoowwaadha.

Dr. Liwaa’ul Islaam
6.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 08:33
ओपन / कमेंट
2021-04-02 08:42:15 07: Sunnaa Wudu’aa eega bishaan wudu’aa namarraa gogee booda salaatuun danda’amaa?

Gaafii: Yoo wudu’adhee bakka hojjadhutti osoo sunnaah wudu’aa hin salaatin na yaamanii deemee saa’aa takka booda yoo dhufe bishaan sun narraa gogguudhaaf  sunnaan wudu’aa na dabarte jechuudhaa?
 
Deebisaa: Yaa Gabrittii/Gabricha Rabbii, sunnaan wudu’aa Sunnaadha. sunnaa jechuun yoo dalagde waan ajrii irraa aragattu yoo dhiifte Rabbiin ka si hin gaafanne jechu. Tanaaf jecha sunnaa wudu’aa salaatuun jiidhaan wajjiin hidhannaan hin jirtu. Ammuma wudu’attee osoo huccuudhanillee ufirraa qoorsitee salaattee wama takkaa sirratti hin jiru.

Dr. Liwaa’ul Islaam
7.7K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:42
ओपन / कमेंट
2021-03-31 05:43:24 06: Sunnaa Rawaatibaa Eega
eegalanii dhiisuun danda’amaa?


Gaafii: Ani yeroo hedduu hoggaa salaata fajrii zuhrii, Asrii, Magriiba, Ishaahii salaatu cufaahuu sunnoowwan salaata kanneen waliin deemu nin eeggadha. Gaaf garii immoo firraa dhiisa. Maaltu narra jira?

Deebisaa: Yaa gabrittii/gabricha Rabbii ati amma fakkeenyaaf dalagaa nama bira dalagdee yoo overtime itt ida’achuu baatte maal hir’ifta?

Ufirraa waa hirdhista jechu. Mindaa kee kan ji’aan kan wal taateen numa fudhatta. Garuu overtime irraa wanta aragattu san simatuu uf hoongesse.

Sunna jechuun waan namarraa
hir’ate yookaan salaata fardiidhaa ka si duraa irraa hir’ate, ka hir’inna qabu kun isiidhaan guyyaa boruu Rabbiin akka siif guutamtu godha.

Tanaaf Rabbiin wanni dura ilma namaa kana herreegu fuula isaa duratti haqa ilma namaa keessatti, dhiiga; haqa isaa keessatti, salaata.

Salaatni kun duuba yoo hira’ate, gaaf garii namni ka walitti hin dhaabne takkaa irraanfiin waa hedduu namarraa argamaa, waan kana keessatti hir’inni kan aragamu yoo taate, Rabbiin mee gabricha kiyya gabrittii tiyya tana sunnaa laalaafii jedha.

Akkasitti galmee sunnaa hogguu siif laalan, sunnaan tun salaata kee san bakka hira’atte Rabbiin tanaan guutaaf.

Faaydaan sunnaadhaa tana. Garuu, guyyaa dandeette salaataa, guyyaa dandeettii hin qabne dhiisuudhaaf hin gaafatamtu In shaa ALLAAH.

Dr. Liwaa’ul Islaam
8.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 02:43
ओपन / कमेंट
2021-03-29 03:45:45 05: Qabrii Keessa Deemuufi
Loon Keeysatti Tiysuun akkami?


Gaafii: Biyya takka takka keessatti horiin kun qabrii keessa oolaa akkasumas karaa keessa baafatanii irra deemanii; wanni akkanaa kun isilaamummaa keessatti akkami?

Deebisaa: Yaa jara teenya, Nabiin keenya akki jedhan SAW,
namni tokko eega du’ee yeroo awwaalamu ta’uu, eega awwaalamee ta’uu, kabajamuu qaba.

Qabriin kabajamuu qabdi, karaan irra baafamuu hin qabu, horiinillee irratti tikfamuu hin qabu. Bikka jirtan hundattuu, mee naannoo takka warreen jirtan Rabbiif jecha walitti gumaanfadhaa qabrii teeysan dallaha itti ijaaraa.

Hedduu qabrii keessaahu qabriin biyya Afrikaa keessa jirtu hedduu kabajaa dhabde. Sanbira kutaniii, Awuliyoota jedhanii hujubaa gurgurdaa tokko tokko ka achi keessa jiruuf walgahanii akkasitti qabrii irra taa’an fa’atu jira. Qabriin kabajamuu qabdi ammo, tika horii osoo hin ta’in, akka daggala taatee achi keessatti badiin hin hojjatamneef muka irraa ciruuf citaa irraa haamuun, osoo gubbaa qabrii irra hin
dhaabbanne wama takkallee hin qabu.

Ammo keessa taa’uun, keessatti Rabbi kadhanna jechuun, keessatti horii tiysuun kabajaa qabrii irraa fuudhuudhaa. Akkasumas, warren addunyaa irraa gale kana isaan miidhuudha.

Dr. Liwaa’ul Islaam
7.7K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 00:45
ओपन / कमेंट
2021-03-27 07:47:23 04: Ambiyoota Meeqatu Ergame? Garaagarummaan Nabiyyiifi Rasuulaa Maali?

Gabricha Rabbii; ta duraatii hogguma takkallee wanti nuti haasofnu kaalama Rabbiiti. Wanni deebisaa goonuunis akkuma sani itti aansinee jecha Nabii keenyaa qofa. Tanaaf jecha Ambiyoonni lakkoofsi isaanii hagana jechuu Rabbiin Qur’aana keessatti hin dubbanne.

Akkuma san rusultoonnis hangana jechuu Nabiin Rabbiillee nuuf hin bayaansine. Ammo ummatni tokko tokko, warren akka qisasatti himan, ambiyoonni waliigalli isaanii, ambiyootaaf rusltoota jechuun 1,024,000 warri je’ullee ni jira warri qisasaa. Akkuma san, inumaa warri gariin ambiyoota qofatu 1,024,000 malee, warren ergaman nama 313 warri je’us ni jira.

Deebisaan quubistuun Hadiisni akkas je’u sun kan Ibnu Hibbaan odeeyse hadiisa da’iifa/laafaadha. Inumaa warri gariin hadiisa mowudu’a Nabii Rabbii irratti kijibani je’u. Daliilli/Ragaan hadiisa sahiihaa tokkollee hin jiru jennee irraa dhaabbachuudha.

Ambiyootaaf rusultoonni lakkoofsa hin qaban, Rabbiin hin himne, Nabii Muhammad nuuf hin baayaansine jennee kijibatti uf dirquu irraa haa dhaabbannuu. Tanaaf jecha ambiyootaaf rusultoota keessaa warreen Rabbiin Qur’aana keessatti ibsee maqaa isaan dubbate qofa dhibbarraa dhibbatti himuu dandeeenya. Sunis toora nama 25 ti.

Fakkeenyaaf, Aadam , Idriis, Nuuh, Huud, saalih, Ibrahiim, luux, Ismaa’il, Is’haaq, Ya’aquub, Yuusuf, Ayyuub, Shu’eeyb, Muusaa, Haaruun, Yuunus, Daawuud, Sulyemaan Iiliyaas, Alyasaa’, Zakariyaa, Yahyaa, Iisaa. Warren mufassirtootaa gariin Zulkiflillee keessa jira je’an. isa wajjiin 24. kabajamaan jaalatamaan, kan irraa boodaa kan Rabbiin filatee ergate Nabi Muhammad ﷺ diydamii shaneessa.

Haga kana Rabbiin Qur’aana keessatti hime je’an. Duuba tanaaf jecha Rabbiin Lakkoofsa Ambiyootaatiif Rusultootaa nuuf hin dubbanne. akkasuma Nabiin keenyallee nuuf hin ibsine. Kanaaf waan Rabbiin nuuf hin dubbatin tan Nabiin nuuf hin ibsin irraa fagaachuudhatu gaari.

Garaagarummaan Nabiyyiif Rasuulaa ammo, Nabiyyii jechuun nama Rabbiin waahyii itti godhee daandii irra kaayee keeyrii hojjadhu je’een. Rasuula jechuun nama Rabbiin waahyii itti godhee ifiifis hojadhuu, namattillee geessi kan Rabbiin je’een. Garaagarummaan kana. Durri namni Rabbiin dura ergatee maqaa Rusultootaatiin, Nabi Nuuhi amata 950, osoo hin ergaminiin duratti ammo hanga inni taa’e Rabbuma tokkochatu beeka.

Ammo warri amata 300fi wahi je’ellee ni jira, garuu hanga da’waa tana irra ture amata 950.

Dr. Liwaa’ul Islaam
7.5K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:47
ओपन / कमेंट