Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 16.92K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 22

2021-06-29 10:03:19 34:Gaafii: Ganda Arabaa tokkoon dalaga, ummanni Arabaa kun yeroo cufaahuu duaaii ykn wadaaja ykn waliimaa godhan.

Nama hedduu dhiiraaf dhalaa bikka tanatti yaamanii, waan warri yaamaman kun shaayiifii buna irraa dhugan burcuqqoo keessaa walitti naqaa waan akka barmiilaa takkahuu saafaa takkatti walitti qabaa nuun je’an.

Achitti walitti naqneefii mana kaayyatanii irraa fayyadaman.

Hukmii shariaatti wanni kun maali?

Deebisaa: Yaa gabritti Rabbii namni gariin hogguu waa siin je’u maashaa Allaah jechuu hin beeku.

Nama tokko ka ija isaa shakkan tufsiisuun humaa rakkoo hin qabu. Gaaf tokko namni tokko ummata wajjiin karaa deemu afaan dhufee nama fuula bareedaa qabu tokkotti dubbate.

Eeganaa nama saniin adda yaa’anii namni sun lafa dhahe. Akkasitti qabanii Nabii Rabbitti ﷺ geessanii nama tokkotu nu afaan dhufee akkana je’e jennaan dafaa nama san dhaqqabaa je’ee nama san fidanii itti tufsiisan. Kanaaf jecha kanarraa daliila fudhatanii, gorora nama shakkan sanii kophatti jechuunii waan qaanfataniif, dhalaa ta’us dhiira ta’us waliimaa tana keessatti yaamanii waan inni itti dhuge san akka itti fayyadamaniif akkas godhanii hukmii shariaa keessatti humaa hin qabu.


Dr. Liwaa’ulislaam
1.5K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 07:03
ओपन / कमेंट
2021-06-22 07:06:00 33: Qur’aana qubee Afaan Oromootiin katabuun ni dandayamaa?

Gaafii: Qur’aana nin jaaladhaa garuu Qur’aanni kun hedduu na dhiba, tanaaf jechaa Afaan Oromootiin yoon barreeffadhe maal rakkina qaba?
 
Deebisaa: Kalaama Rabbii harfii inni ittiin dhufeen alatti jijjiiruun haraami. Warri wamaa hin qabu je’ullee ni jiraa garuu san daliila isaanii isaanumatu beeka. Sahaabootni guyyaa tokkollee Qur’aana kana osoo Aliif Baa je’anii hin qara’in suuratul Baqaraa irraa eegalanii aayata tokko tokkoon waan danda’aniin barachaa turan. Kanaafuu, qubetti jijjiiruun waan ma’naa harfii Qur’aanaa jijjiirtuuf jecha, irraa fagaadhu.

Dr. Liwaa’ulislaam
731 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:06
ओपन / कमेंट
2021-06-22 07:05:54 32: Haadhaafi abbaa kiyyarra eenyuun irra gargaaruu qaba?

Gaafii: An haadhaafi abbaa qaba. Haadhaa abbaan koo waldhabanii addaan yaa’aanii isiinillee heerumtee innillee fuudhe. Bakkuma jiranitti isaan lamaan irraa eenyuun gargaara?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, akkuma Nabiin keenya ﷺ nu barsiisetti tajaajilli haadhaafi abbaa waldhaba. Harka sadii haadha, harki tokko abbaadha. Kanaaf jecha jara lachuutuu waan dandandeessuun tajaajili. Ka isiidhaa ammoo irra guddisi.

Yoo ammoo abbaan kee irra dhibamaa ta’ee haatee jiruu gaarii keessa jiraattee rakkinna hin qabaanne, abbaa kee quba qabaadhu. Haateetillee waan dandeessuun tajaajili.

Dr. Liwaa’ulislaam
779 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:05
ओपन / कमेंट
2021-06-20 23:46:13 31: Qabeenyi namaa yoo na bira jiraatee abbaa dhabe akkam godhuu qaba?

Gaafii: Geeleen tiyya takka huccuu amaanaa na biratti dhiiftee eega dhabamtee amata tokkoofi wayii maal godhuutu narra jira?

Deebisaa: Amaanaan waan Rabbiin jabeesse keessaa takka. Rabbiin, amaanaa dachiifi samitti kennee dachiifi samiin didanii ilmi namaa baadhate.

Amaanaan xiqqoo guddoo hin qabduu garuu, waan akka huccuu takkaahuu waan rakkinna nama san irra hin fidne, ka sirrattillee wamaa hin fidne, baatii jahaa hanga amata tokkoo eeguun dirqama. Yoo wanni sun ammoo waan wamaa keessa hin jirre huccuu xixiqqoo dullattii taate, baatii jaha eeydee yoo dhabde bakka khayrii geessitee isiidhaaf sadaqachuu ni dandeessa.

Yoo Rabbiin wal isin garsiise ammoo “waan san si eegee dhabeetiin siif sadaqadhee yoo jaalatte jaalattee yookiin ammoo siifin kafala” jechuu qabda.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.8K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:46
ओपन / कमेंट
2021-06-20 23:46:10 30: Maaliif Ka’baa Xawaafan?

Gaafii: Mee akkamitti kaabaa xawaafna, yoo kaabaa xawaafnuuf yoo dhungannullee yoo ummanni tokko gaafii nutti dhiheesse, akkamitti kaabaa xawwaaftan maaliif dhagatti naannoftan maaliif dhagaa dhungattani? Isinillee Rabbii gaditti waa gabbarumatti jirtan yoo nuun jedhan maal jennee deebisnaa?
 
Deebisaa: Rabbiin SW wanni inni buusee Shari’aa godhee karaa nuuf godhe nuti jecha namaatiif dubbii namaa jala hin deemnu. Dubbiiin tun Rabbirraa dhuftee jirti moo Ergamaa Rabbi irraa nuuf sabattee jirti moo? Karaan Rabbii ittin gabroomnu kun Rabbi biraa dhugaan dhugeeffamee dhufee jiraa jechuu qofatu nu yaachisuu qaba. Amrii Rabbiin Guddaan gartanii buusee ta’uu qofa hubanna malee nuti, wanni gartanii kuffaarri gaafii hamtuu nutti darbataniiif, jecha hin taane wayii sammuu keenya jeequuf darbataniif jecha hin wareerru hin dhamaanu jecha diinii keenya keeessatti.

Kana Rabbiin SW Qur’aana keessatti kaabaa qulqullicha san itti xawaafuudhaani hujii hajjii keessanii xumuradhaa. Hattaa Kaaba qofa jettee gaafii kankee keessatti beeynal safaa wal marawaa jedhamutu jira bakki  biraa ka isin beeytan achillee xawaafuu Rabbii guddaan Qur’aana keessatti dubbate. Seera diiniin Rabbii guddaa ittiin muldhatuu, Shari’aa Rabbii guddaatii achi xawwaafuufi safaa walmarwa xawwaafuunillee jedhe Rabbiin guddaan dubbatee jira. Kun Aayaata Qur’aanaati.

Akkasuma Rasuula Rabbiittu Aayaata Qur’aana kana fudhatee karaa nuuf godhee jechuudha. Nutillee karaa Rasuula Rabbii jala deemuun ajaja Rabbii guddaati. Akka Rabbiin guddaan Qur’aana keeessatti nuu dubbatee Rasuula kana imaama isiniif godhee, nabiyyicha kana dura deemaa isinii godhee, mataa isinii godhee jala deemaa.

Namni guyaa irraa boodaa Rabbirraa galata keeyrii jaallattanii jannata barbaaddanii ibidda jalaa nagaya bahuu feetan nabi Muhaammadiin imaama godhadhaa jala deemaa, karaa isaa malee karaan natti isin fiduuf nagaya isin baasu hin jiruu jechaa Rabbitu nuuf kennee, Kanaaf Nabi Muhaammad Kaaba xawwaafanii jechu.

Hujii Hajjii hunda godhanii, waan jedhani; kunoo hujiin hajjii tanaa narraa qabadhaadhaa Jedhan Rasuulli Rabbi ASW. Kanaaf xawaafa Rasuulli Rabbii xawwaafan nutilleen itti hidhannee xawwaafuu qabanaa. Kanaaf Umari Ibnu Kaxxabi dubbii bareedduu takka ka asitti dubbatamuu qabu dubbate. Yaa hajaruu jedheeni yaa hararulaswad ka jannataa si fidan wallahi yoo ati jannataa dhuftelleen dhagumaa jedheen.

Osoo Nabi Muhammadi si dhungatanii amrii Rabbiitiif jecha si dhungachuu baatanii kanin arge silaa si hin dhungadhuu jedheen. Wamaa takka nama hin fayyaddus wamaa takka yoo si dhungachuu baatan nama hin miitullee jedheen. Kana jechuun haqiiqaa warra shakkii namatti facaasuu sani harkaa facaasaa jechu.

Garuu rakkoon guddaan nu qabatee harkaa nu qabu diinuma Rabbii kanaa wallaaluu keenyaaf aduwwii ofirraa deebisuu dadhabuudhaan ufitti qaanyawutti jira malee, yoo silaa diiniin Rabbii guddaa akka amma Rabbi isinii laaffisee Raadiyoo nuuralhudaa irratti gartee nuura bareedduu tanaan, ibsa bareedduu tanaan galuu baanne yeroo hedduu jiruu teenya ufitti qaanfachuun ni malaa jechudha.
 
Sheik Alii Jimmaa
 
2.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:46
ओपन / कमेंट
2021-06-16 07:17:28
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.
1.7K viewsChannel Help, edited  04:17
ओपन / कमेंट
2021-06-16 07:12:18 29: Salaamtaa Kattabiin namaa erguun akkami?

Yoo barruudhaan katabanii erganis, bakka barruudhaan katabanii erguun dirqama taatutti bakka namni walbira hin jirre jechuudha, akka xalayaa yookan ergaatitti yoo gartee screen irratti kataban akkuma ati jette yoo telefoona taatellee ka sagaleen waldhageessisan salaamataani isiin sun maanaan isii akkasumaa ajriin isiillee akkasumaa jechuudha. Deebisaa keessattillee dirqama. Kanaaf salaamataa jechuun sunnaa yoo ta’uu deebisuun isii ammoo dirqamaa haqa obboleessa keetiitii.
 
Sheik Alii Jimmaa
 
1.8K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:12
ओपन / कमेंट
2021-06-15 10:37:57 28: Salaamata walirratti Qara’uun Bid’aadhaa?

Gaafii: Salaamataa waliin jechan kun bidaayaadha moo?
 
Deebisaa: Bidaayaadha yoo jettuu afaan Arabaatiin gaafattee bidaayaadha jechuun jalqaabaa jechutti feeteeti moo gaafii kankee silaa addeeffattee bareeda ture.

Ammoo akka naa galetti jalqabaan salaamataan tun jalqaba nagaya nama gaafachuuti moo jechaa yoo itti feetu taate, salaamataani jalqaba gartee keeyrii namaan calqaban. Gaaf dur jaahilyummaa keessa jiran ganamni kankee ganama gammachuu siif haa ta’u waliin jedhaa turan aadaa Jaahiliyyummatti. Akkuma bultee ooltee waliin jedhamu kana jechu.

Oolmaya nagayaa bultuma nagayaa akkuma oromoon waliin jettu tana, Arabani aadaa akkasi duraan qabdi turte. Ammoo ammaan tana Islaamummaan hogguu dhufee Ergamaan Rabbii ﷺ dhufan Assalaamualeykum warammatullahi wabarakaatuh jechuun Islaamummaa keessatti dhufee jechu.

Kunis daliilli isaa akkuma ati gaafatetti Rabbii guddatu Qur’aana keessatti Yoo jireefamtanii nagaya isin irratti qara’uudhaan ya’anii tokko dhufee isin jireesse, du’aahii isinii kadhate ka irra caaltuun deebisaafii isinis.

Yoo tokko Assalamualyekum jedhee caldhise Waaleykumsalaam warammatullah itti dabalaa jechu, yoo ammoo Assalamaleykuum warahammatullah isiniin jedhe isin ammoo sadaffaa itti dabalaa waaleykumussalaam warahammatullaah wabarakaatuhuu jechuudhaan deebisaafii jedhan.

Kanaaf Rabbiin guddaan awwala jalqabaa Aadaamiif Maleeykaa jiddutti salaamtaa tana argamsiisee. Aadam abbaan nama cufaa salaamata akka gartee inni maleeykaan itti dubbattee jennaan, salaamataa jedhanii jennaan aadam deebiseef san akkasitti gartanii sababaan dhufteef jechu.

Mee deemaatii Aadam irratti salaamataa qara’aa jedhee Rabbiin ergee akka inni jawwaaba deebise santuu salaama ummataa Muhaammadii jechaadhaan nuuf kennamte.

Kuni hikmaan salaamataa du’aahiidhaa, salaamataadhan wal jalqabuun irra caalaa namaati jechu. Nama lamaan walitti dhufan keessaa karatti ka walitti dhufan deemaa ka walitti dhufan irra caalaan isaan nama salaamataan calqabee jechutu jira.

Kanaafuu salaamataan du’aahiidha, Rasuulli Rabbii ASW salaamataa keessatti tartiiba hedduu nu barsiisan jiran, garuu baaba dheera sani keessa seenuu yeroon nuuf hin hayyamtuu.

Namni tokko yoo mana namaa dhufe Assalamaaleyikum haa namaan jedhuu. Yoo gartanii deemuu ka’ellee Assalaamuaalyekum namaan haa jedhu lachuu darajaan isii Jajjabduudha jedhe Ergamaan Rabbi ASW.

Tokko ka jalaqaba hayyama gaafachaati ka du’aahii kadhachaatii, lammanni ka gartee ka geggeessaatiifii walitti dhaammachaati kanaafuu gartee salaammataan lachuu akka malee jaallatamtuudha jechaadhaan Hadiisni sabatee jira.

Sheik Alii Jimmaa
 
1.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 07:37
ओपन / कमेंट
2021-06-12 10:36:15 27: Obboleessa ofii abaaruun akkami?

Gaafii: Obboleesssa kiyyaan wal dhabnee rakkoo haala adda addaa irratti miidhaan natti muldhatee jennaaan abaaree, obboleessi kiyya yeroo gabaabduu keessati miidhamni isa mudatee eegasii ofirratti beekee dhiifama na gaafatee, akkami dubbiin kuni? Ani ammoo anaa miti jedhee waakkachutti jiraa, Rabbuma biraa sitti dhufte jechutti jiraa akkami dubbiin kun?
 

Deebisaa: Dubbiin Rabbi biraa dhuftus si biraa dhuftus, namni tokko yoo gaafatame Awfii godhuudha qaba yeroo hundaahuu. Obboleessa keessaniif irra dabraa jechuunis ni jira Rasuula Rabbi biraa ﷺ hadiisni sahiihatu jira.

Kanaafuu namni tokko  yoo naa dhiisi obboleessa kiyya jedhe dhiifama gooneef Rabbitu dhiifama nuuf godhaa jechaadha. Qissaa Abu Bakriifi Mistaha sana keessatti Rabbiin suuratul Nuuri irratti ka dubbate akkasii Inshallaha Awfii godhuun barbaachisadha.

Eega abbaan tokko Awfii naa godhi jedhee Awoofi namaa godhuun jaalattamaadha barbaachisaadha jechudha.

Sheik Alii Jimmaa
2.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 07:36
ओपन / कमेंट
2021-06-11 07:10:36 26: Asriifi Zuhrii Walitti hidhuun tahaa?

Gaafii: Namni tokkoo nama an bira dalagu kafiila. Namni sun nama hedduu nyaachisaa, guyyaa tokko nama 40 ta’u fidee nyaachisee akkasumatti turanii salaata isaanii zuhurii Asrii waliin qasrii godhanii salaatanii, guyyaan sunillee guyyaa Roobaatii, hukmiin tun maal fakkaatti?

Deebisaa: Namni gartanii yoo bikka takkatti walitti qabamee jiraate, yoo Roobni jiraate salaata jam’ii  godhuu numa danda’an masaajidattillee godhuun numa danda’ama. Maalif jennaan uzriidhaaf Rasuulli Rabbii hadiisa Abdallaah ibnu Abbas, abu daawud biratti ka odeeyfame.

Hadiisni sun gaafatamanii nabiyyiin Rabbi ﷺ maaliif gootani Jam’ii kana jennaan; ummata kiyaa laaffisuufii Rahammata godhuufii jechaan argamee jira. Kitaaba ahakamul shita’I jedhamu keessa laallachuun ni daanda’ama.

Duuba kun rakkoo hin qabu aadaa godhachuu hin barbaachisu malee, rakkoo hin qabu yeroo tokkoof yoo akkana godhame ulmaan itti walii galanii jiru.

Sheik Alii Jimmaa
3.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:10
ओपन / कमेंट