33: Qur’aana qubee Afaan Oromootiin katabuun ni dandayamaa? Gaafii: Qur’aana nin jaaladhaa garuu Qur’aanni kun hedduu na dhiba, tanaaf jechaa Afaan Oromootiin yoon barreeffadhe maal rakkina qaba? Deebisaa: Kalaama Rabbii harfii inni ittiin dhufeen alatti jijjiiruun haraami. Warri wamaa hin qabu je’ullee ni jiraa garuu san daliila isaanii isaanumatu beeka. Sahaabootni guyyaa tokkollee Qur’aana kana osoo Aliif Baa je’anii hin qara’in suuratul Baqaraa irraa eegalanii aayata tokko tokkoon waan danda’aniin barachaa turan. Kanaafuu, qubetti jijjiiruun waan ma’naa harfii Qur’aanaa jijjiirtuuf jecha, irraa fagaadhu. Dr. Liwaa’ulislaam 731 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:06