Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 16.92K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 19

2021-10-25 19:40:47 60: Soomana namaaf soomanuu niin dandayaa?

Gaafii: Haati tiyya walitti dhaabdee yeroo sadii soommana keessa deessi, yoo isiirraa bikka bu’ee soommane danda’aa?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii, namni tokko osoo addunyaa irra jiruu, waan isarratti Rabbiin dirqama godhe namni tokkollee bikka bu’ee godhuu hin danda’u.

Walumaagalatti haati tee ta Ramadaan keessa deesse, Ramadaan boodaan baatii 11tu lafa jira. Walumaa galattuu wanti irra jiru amata tokko keessatti baatima tokko jechu. Hamma dandeessutti qadaa ufirraa fixuudha qabdi.

Yoo rakkinni fayya dhabaa isii mudate, amata sadeen kana qadaa waliin afuun, wamaa isii irratti hin jiru. Qaduma baafti malee kaffaaraalleen irratti hin jiru. Yoo ammoo osoo fayyaa qabduu beekaa teessee Ramadaan kaaniin afte ulamaa’iin gariin kaffaaratu irra jira je’an.

Kaffaaraanis guyyuu nama tokko uf wajji fursiisu. Takkaahuu nama tokkoof midhaan jiraa lakkoofsa guyyaa saniitiin kiiloo lamaaf cinaa kennu. Yoo akkasitti adda addaan hin dandeenye, nama walitti qabdee bikka takkatti lakkoofsa baatiitti nam soddom nyaachisuu ni dandeessi.

Rabbiinillee namni tokko ka soommana fure fayya dhabaan ykn imaltuun qadaa akka baasu waan nuu ibseef wanni irratti jiru tawbuma malee kaffaaraan irratti hin jiru je’an ulamaa’iin gariin. Walumaa galattuu yoo qabaataa taate akkasitti kaffaaras godhi.

Yoo dhabaa taate ammoo soommanuma kee qadaa sirra jiru baasiitii  Rabbii kee araarama kadhadhu.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
2.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 16:40
ओपन / कमेंट
2021-10-24 10:32:51 59: Yoon attahiyyaata duraa irraanfadhe maal godhuu qaba?

Gaafii: Salaata Maghribaa salaateetiin attahiyyaata duraa irranfadhee osoon niin sujuuda je’uu salaata kiyya fixe.
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, attahiyyaanni duraa ka salaata raka’aa afurii keessatti dhufu ruknii mitii waajiba. Waajibaanni yoo beekaa dhiifte salaanni kee bade; yoo irraanfiin dhiifte ammoo sujuudussahwiitu bikka sirraaa dhaabbata.

Yoo waan kana eega salaata fixxe yaadatte, salaata kee deebi’iitii salaati. Yoo ammoo yeroo gabaabduu keessa yaadatte deebitee qiblatti gara galtee sujuuda lamaan sujuuddee attahiyyaata teeysee, osoo hin salaammanneen duratti sujuudussahwii buutee salaata kankee xumurta. Yoo yeroon turte ammoo salaata jala irraa itti deebi’i.

  Dr. Liwaa’ulislaam
1.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 07:32
ओपन / कमेंट
2021-10-24 10:32:46 58: Qur’aana gubuun ni hayyamamaa?

Gaafii: Ganda dalagaatti kitaaba zikriitiifii Qur’aana walitti qabanii guban. Maaliif gubdan jennaan akkanaatu irra caala naan je’an. Tanaaf jecha Qur’aanas haa ta’uu kitaabban faayidaa qabu ka jechi Nabii keenyaa keessa jiru kanneen akkanaa gubuufi awwaaluu kamtu irra caala?

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, kabajaan Qur’aanaa waan ciccirame walitti qabanii gubanii, hoggaa guban daaraa san bikka xahaaratti awwaalu.

Akkuma san yoo walitti qabdee masjiida geessites irra fiinxe. Yoo ammoo walitti qabdee baharis naqxe wama takka rakkoon hin jiru.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 07:32
ओपन / कमेंट
2021-10-23 13:31:36 57: Peepsiifi kookaa dhuguun haraamii?

Gaafii: Biyya Sauudi Arabiyaa keessatti peepsii, mirindaa, kooka koollaafii waan dhugamu cufaahuu haraam godhanii dhoorkan je’anii garuu wanni kun halaali moo haraami?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii, Nabiin keenya ﷺ akki je’e wanni halaalis daliilaan ifa galee jira; haraamillee akkasuma. Wanni gariin ammoo ta halaalis fakkaattu gar tokkoon haraamis fakkaattutu jira. Waan namarratti walfakkaate san namni irraa fagaate, gurra isaatiifii naamusa isaallee tolche. Daliilli kun waan cufa qabata.

Ta peepsiifii kookaa koollaa, warshaan biyya Sa’uudi Arabiyaa keessa ni jira. An ufii garuu ulamaa’ii wal geessee, hin dhuginaa jettu daliila tokkollee itti hin agarre. Peepsiifii waan kana fakkaatu cufa keessatti cooma karkarrootiifi waan akkanaattu godhama je’amee haasawama malee, ulmaa’iin waan kana mataa ufiitiin arke je’ee murtii godhe hin jiru. Kanaafuu yoo shakkiin si keessa jiraatte irraa fagaadhu.

Ani gama kiyyaan wanni kun haraami jechuu daliila tokkollee irratti hin agarre. Ulmaa’ii biyya tanaa ta wal geessee fatwaa goote hin agarre. Biyya tana keessatti muftii irraa eegalii ulamaa’iin an dhaqqabe ka duraa sheekh  Abdul aziiz binu Baazi. Ka akka Sheekh Fawzaan, Usayminiifii Abdallaah bin Jibriil tokkoraahuu isaanii fatwaa waan akkanaa godhu hin agarre.

Kanaaf jecha waaniin hin argin kaniin ulumaa’iin tun barreessanii hin dubbisin haraami jechuu hin danda’u. Warreen ammoo inni haraam calla siin je’an osoo oduu feesibuukiitiifi intarneeta irratti waan faca’u hin ta’in, waan kana dhaqanii ija ufiitiin yoo arkan san isaan irraa bilcheeffadhu.

Dr. Liwaa’ulislaam
2.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 10:31
ओपन / कमेंट
2021-10-22 08:07:19 56: Haadha warraa tiyyarraa hangam turuutu naaf hayyamama?

Gaafii: Warra biyyaa qaba. Warra kiyya kana dhiisee deemuun kiyya, nyaataa dhugaatii qofaa mitii haqa firaashaa narraa qabdii, hukmii shariaatti hangam takka isiirraa turuudhaaf mirga qaba?
 
Deebisaa: Gabricha Rabbii, hukmii shariaatti baatii afurirraa hanga baatii jahaati. Achii ol ammoo amata lama ta’us amata sadii ta’us yoo isin jidduu waltahiinsi jiraate, wama takkallee rakkoon hin jiru.

Amata lama ta’u sadii ta’u waan rizqiif deemtuuf, waan isiinis waa nuuf godhutti jiraa beeytuun, fedhinnaa isiitiin haqa firaashaa dhiifama siif gootee hangas teessee yoo itti dhaqxe, wamaa takka sirratti hin jiru. Garuu Rabbi rizqii sitti kennee yoo dandeettii qabaatte, amatuu dhaqi.

Obboleeysi keenya itti aansee wanti gaafate, Anaafi isiin yoo amata lamatti wal taane rakkoon jirtii? Je’e.

Sadihittillee rakkoon hin jiru garuu intalti tun yoo sababa ati fagaatuutiin waan biraa keessa galte, dhiiraan wajjiin nyaachuu, dhiiraan wajjiin shirshirii, dhiiraan wajjiin deemuu, dogongora keessa yoo galte, itti gaafatamtaa beeki. Jaartii tantee akka jaartiitti qabattee mirga isii eegdee akka Rabbiin jaalatutti wajjiin jiraachuu qabda.

Yoo isii tana dhiiftee ta biraa fuudhuun si keessa jiraattes, Rabbiin si beekaa ilmoo namaa hin qoronya’in, hin rakkin, akka jaarsaa jaartiitti wajji jiraachuu takkaa ammoo intala tanaaf karaa gad dhiisutu sirra jira.

Dr. Liwaa’ulislaam
2.8K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:07
ओपन / कमेंट
2021-10-20 07:19:48 55: Ajaja jaarsa  kiyyaa diduu niin dandayaa?

Gaafii: Gurbaa tokko ka biyya jiruuf nikaaha na hidhan. Gurbaan horii natti ergi naan je’a. Lammeessallee amata kana booda koottu naan je’aa dideetiin amata tokko booda aanee maaltu narra jira?
 
Deebisaa: Horiin ati carraaqachaa jirtu halaal keetii isatti erguudhaaf dirqama hin qabdu. Abbaa keetti, haadha keetti nama feetetti ergachuu dandeessa.  Ala bahuun kee daangaa cabsuudhaa san Rabbii kee kadhadhu.

Amma ammoo eega jaartii namaa ta’uu uf beeytee bakka jaarsi kee koottu siin je’etti gali. Diddee taa’uun keetilleen balleessaadha. Rabbii kankee araarama kadhadhuu isallee dhiifama gaafadhu. Abbaa warraa keetiif qajeeli, dalagatti hin deebi’inii taa’i yoo siin je’es taa’i. Waajibni nafaqaadhaa isarratti jira.

Dr. Liwaa’ulislaam
3.6K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:19
ओपन / कमेंट
2021-10-18 13:32:26 54: Dhalaan sagalee ol fuutee ni salaattii? Jama’aa hoo akkamitti salaatan?

Gaafii: Yeroo salaatu suuratul Faatihaa akka dhiiratti ol fuudhee yoon qara’e akkami? Yeroo dhalaa waliin salaannu salaatul jama’aa akkamitti salaatuu dandeenya?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii waan dhiirti si bira hin jirreen, waan ajnabiin sibira hin jirreen, dhalaa biratti sawtii tee hamma gurri kee si dhagayutti qara’uun wamaa hin qabu.Nama dhageessisuu hin barbaadin.

Waldhabbiin salaatul jama’aa dhiiraaf dhalaadhaa ammoo dhiirti yoo imaamni dura bu’e, isumaan duubatti saffiin dheertuun godhamti.

Yoo masjiidni xiqqaate, dhiirti mirgatti dhaabbachuu ni dandeessi. Karaa bitaatiin ammoo dhaabbachuu hin dandaa’an.

Akkataan dhalaan itti waliin salaattu ammoo mirga imaamatiifi bitaa imaamatiin dhaabbatti. Ta imaama taatu akkuma beekkamtuuf xiqqo hanga taakkuu takkaa duratti achi siqxi malee walakkuma dhaabbatti.

Haalli dhalaan dhalaa wajjiin itti salaattu kanaa Rabbiin sirraa haa qeebalu.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
962 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 10:32
ओपन / कमेंट
2021-10-15 10:08:17
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.
2.4K views07:08
ओपन / कमेंट
2021-10-14 22:42:55 53: Soomana akkamittiin qadaa baasa?

Gaafii: Soomana guyya sagaliittu narra jira, akkamitti kaffaaraaa wajjin qadaa baasa?
 
Deebisaa: Wanni sirra jiru guyyama sagali. Hamma dandeetutti ufirraa baasi, ta kaffaaraadhaa ammoo ulamaayiin irratti wal kallafe. Fiinxeen wanni ati qabachuu qabdu, bikka kaffaaraa yoo tawbattellee ni dandessa. Qadaan garuu tawbaan namarraa hin bu’u. Qadaa kee soommanii  Rabbii kee araarama kadhadhu.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
2.9K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 19:42
ओपन / कमेंट
2021-10-14 22:40:55 52: Eegaan zinaa dalagee nikaaha hidhadhe.

Gaafii: Gurbaa tokko jaaladheetiin badii walitti hojjannee achi booda nikaaha hidhanne.
 
Deebisaa: Yaa jara keenya bakka jirtan cufatti mee Rabbillee kadhadhaa. Tun khiyaanaa bar. Wal khaainne jechu malee wal kaadhimne jechuu miti. Jarreen khiyaanaa akkanatti walitti godhan kun nikaan isaaniilleen haraami.

Zinaarratti nikaan hin hidhamuu nikaan duraa sun baaxili. Addaan bahuu qaban. Baatii takkarraa hanga baatii sadii adda fagaachuu qaban.

Eega addaan bahanii tawbaa qulqullii tawbataniin booda yoo nikaaha godhatan nikaan isaanii bakka jira.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
2.9K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 19:40
ओपन / कमेंट