Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 16.92K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 21

2021-07-24 06:25:08 43: Ramadaan keessa soomana furuun akkami?

Gaafii: Ramadaan keessa soomana fure garuu sunillee baxraanummaa kiyyaani malee waa rakkoon akkasii narratti hin jirtu.
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, baxraanummaan ta’u fayya dhabaan ta’u, walumaagalattuu guyyaa hanga furte san lakkaawwadhuu, yoo guyyaa shan ta’es shanan kee guutumatti tawbaa deebi’ii, Rabbii kee kadhadhuu qadaa ufirraa baasi. Yoo ammoo lakkoofsa guyyaa keessatti ka shakkitu taate, fakkeenyaaf guyyaa shaniifi jahatti yoo shakkite guyyaa jaha godhi. Gadi hin deebi’in.

Yoo torbaafi saddeetitti shakkite, saddeet godhi. Ta kaffaaraadhaa ammoo irra fiinxeen araarama Rabbii kadhachuudha. Warreen kaffaaraan irraa barbaachifamti je’u ni jira. Kaffaaraaan ka itti barbaachifamtu yoo soomanni bara dheengaddaa si kutee osoo ati ufirraa hin baasin soomanni hardhaan tanaa sitti dhufe, ka dhufe kana soomantee kaan qadaa wajjiin kaffaaraa baafta.

Kaffaaraan sunillee lakkoofsuma guyyaatti miskiina nyaachisuu, takkaa midhaan jiraa kiiloo takkaafi cinaa lakkoofsa namaatiin kennu. Haata’uu ammoo yoo tawbattellee qadaa ufirraa baafta. Qadaan hafiinsa hin qabuu bakka tana akka hin irraanfanneen siin je’a.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
1.7K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:25
ओपन / कमेंट
2021-07-15 16:38:25 42: Waahela kiristaanaa qabaachuun akkami?

Gaafii: Geelonni kiyya dhalaa kiristaanaatii, isaaniin waliin nyaadhee dhuguun akkamitti laallama?
 
Deebisaa: Islaamummaan nama aduwwii godhaa wajjiin hin nyaatinaa wajjiin hin dhuginaa hin jettu. Islaamummaan ifa; daawwitiidha. Waan cufaahuu rakkina nama mudatu, waan jibbamuufii waan jaalatamus siif ibsiti. Kana waan ta’eef, Muslimaaf kiristaanas haa ta’uu, yahuudas haa ta’uu, dhalaan dhalaa wajjiin dhiirti dhiiraan wajjiin, walumaa galatti wajji nyaatanii dhuguun wamaa hin qabu.

Wannummaan ati waliin nyaattu sun waan haraam hin ta’in. Booyyeefi karkarroo, akkuma san farshoo hin ta’in. Wajjiin daldalachuun, ollummaadhaan wal tajaajiluun humaa hin qabu.

Dr. Liwaa’ulislaam
2.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 13:38
ओपन / कमेंट
2021-07-15 16:38:25 41: Salaanni sa’aa 8titti salaatamu salaata kami?

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, salaanni eega aduun baatee sa’aa saddeetirratti salaatan ka biraa hin jiru duhama. Ka sa’aa kudhanitti Zuhriin duratti salaatanis salaatuma duhaati. Takkaahuu namni gariin salaanni subhii isa dabree subhii salaatuunillee ni malti.

Yoo san hin ta’in wanni yeroo sanitti salaatamu salaatuma duhaati. Salaata imaltuu keessatti walitti qabuun takkaahuu gabaabsuun ammoo sunnaa Nabii keenyaati ﷺ Ganda itti yaa’an san hoggaa gahanis salaata akkasumatti jam’itti salaatuunis sunnaa Nabii keenyaati ﷺ.

Yogguu karaa deemtu hanga biyya san geessutti salaata gabaabsitee jam’ii goota, yoo feete salaata Zuhrii wajjiin Asriillee salaatta. Yookaan Zuhrii Asriirra fidanii raka’aa lama lama salaatuun ni dandayama. Kun cuftinuu hukmii shariaa keessatti humaa hin qabu. Akkaataan isaan itti salaatan kun sunnama Nabii keenyaati ﷺ Jabeeffadhu.

Dr. Liwaa’ulislaam
2.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 13:38
ओपन / कमेंट
2021-07-13 18:51:39 40: Salaanni akaakuu meeqatu jira?

Gaafii: Salaata shanan, salaata duhaatiifii salaata halkanii malee, salaanni biraa ni jiraa?
 
Deebisaa: Salaanni farditti laallamu salaatuma shanani. Salaata shanan boodaan jaalatamaan salaata halkaniiti. Salaanni biraa ammoo. Rawaatibni salaata shanan kana boodaan ka deemu raka’aa kudha lamatu jira.

Salaata fajrii dura raka’aa lama, salaata Zuhriii dura afur, Zuhrii booda lama, salaata Asrii durattis raka’aa Afur, Asriin sunnaa boodaa hin qabdu. Magriiba boodas raka’aa lama, ishaa’ii boodaanis raka’aa lama. Ishaa’ii duraafi magriiba durattis sunnaan hin jiru.

Salaanni lamaan kun uf boodaa qaba jechu. Ka kanaa achii salaanni sunnaadhaa, salaata istikhaaraattu jira, salaata iidaattu jira, salaata Jumuaattu jira, wanni fardii kana malee jiru hedduudha. Dura ammoo ka jabeeffachuu qabdu salaata shanan keeti. Wanni achi boodaa cuftinuu sunnaa ta’uu beekuun dirqama sirratti haa ta’u.

Dr. Liwaa’ulislaam
3.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 15:51
ओपन / कमेंट
2021-07-12 09:21:51 39: Waaniin ahdii namaaf seene yoon nama san dhabe akkamiin godha?

Gaafii: Ganda keenya keessa ijoollee darasaa takkatu jira. Ijoollee saniin gaafan biyya Arabaa dhaqe birrii kuma lamaan isinii ergan je’een. Garuu ammoo jarri sun cuftinuu bikka san irraa yaa’anii jiru. Ummata kanaaf waan kana akkamitti erga?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, nama khayrii jaalatu Rabbi si haa godhu. Garuu Muslimni hogguma hunda waan baallama godhe ni guuta. Ati wanni sirra jiru, jarri bakka fedhellee addaan faca’ee haa jiraatuu, biyyatti maallaqa nama tokko bira kaayii jarreen saniif yeroo agarte kenniif je’i. Takkaahuu ammoo yoo ka biyya dhaqxu taate, gaafuma dhaqxe san waan baallama gooteef guuti.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:21
ओपन / कमेंट
2021-07-12 09:20:26 38: Nikaan eega zinaa dalage hidhadhe akkami?

Gaafii: Gurbaa tokko wajjiin waljaalannee sheeyxanni nutti bareechee zinaa walitti hojjanne. Eega  zinaa kana walitti goonee baatii tokko teenye booda warreen keenyatti himnee, akkasitti gurbaan warra keenya dhaqee nikaaha godhanne. Nikaan keenya kun akkami?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii “nikaan fayyaa ta’aa?” jechuu dura, zinaa dalagee zinaa dalage san hukmiin isaa maali jechutu sirra ture. Ta duraatii akka hukmii shariaatti yoo nama dardaraa taatan xiilaa dhibba dhibba dhahamtanii, biyyarraa isin fageessu. Yoo ammoo warreen duraan fuutanii jirtan taatan, mudhii gad isin awwaalanii dhagaan isin ajjeesu. Hardhaan tana garuu namni hukmii shariaa hujirra oolchu waan hin jirreef hatattamaan addaan yaa’uudha; adda bahuudha. Isin zinaa walitti godhaa jirtan malee, zinaa gubbaan nikaan fayyaa hin ta’u. Yoo xiqqaatte baatii takkaafi lamaa hamma sadiitti addaan fagaattanii tawbaa qulqullii eega tawbattaniin booda nikaaha haarawa godhachuu qabdan.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:20
ओपन / कमेंट
2021-07-11 00:07:47
Guyyaan boruu ZulHijjaa 1. Kurnan ZulHijjaa warri Soommanuu barbaaddan edanu Hiraabbadhaa. Ammarraa kaasee hanga guyyaa Iidaatti warri dandeessan Soommanaa.

 Rabbi isinirraa haa Qeebalu.

NUURALHUDAA

Soora Qalbii Muslimaa

 
1.9K viewsFii sabiilillaah, 21:07
ओपन / कमेंट
2021-07-03 23:24:53 37: Salaanni attahiyyaata malee ni tahaa?

Gaafii: Ani numaan salaataa garuu attahiyyaata hin beeku. Qara’uullee hin danda’u, Yoo attahiyyaata ufirraa dhiisee salaata kaan salaate salaanni kiyya fayyaa naaf hin ta’aa?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii waa hunda dura Rabbiin siif haa laaffisu, wanni ati beekuu qabdu, waa sadi salaata keessatti dirqama. Heeraa seera salaanni itti namarraa qeebalamu barachuun, salaata keessatti arkaana waan je’amu, arkaanni kudha Afuri; kudha afran barachuun, waajibaanni saddeeti; waajibaata saddeettanis barachuun dirqama.

Tanaaf jecha attahiyyaanni ati dhiiftu kunis, harakaa salaata raka’aa afurii keessatti ka duraa waajiba seena; waajibni yoo beekaa dhiifte salaanni kee sirraa bade; irraanfiidhaan yoo sirraa arkame sujuudussahwii sujuudda.

Attahiyyaanni dhumaa ammoo rukni; ruknii dhiifnaan beekkumsaan, wallaalaan, irraanfiin dhiistu salaanni kee bade. Kana waan ta’eef jecha, karaa danda’amuun osoo qubettillee katabattee, afaanuma harfii biraa ka beektuttillee yoo katabatte katabadhu.

Kalaama Rabbii yoo taate malee ka akkanaa kana, qubetti deeffachuun rakkina hin qabuu akkasitti attahiyyaata baradhu.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.5K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:24
ओपन / कमेंट
2021-07-03 23:24:47 36: Abbaan warraa kiyya si wajjiin jiraachuu hin fedhu naan je’aa maaliin godha?

Gaafii: Abbaa warraa kiyyaan wal jaalannee wal fuune, Abbaan warraa kiyya kun nama iccitii isaa qabachuu hin dandeenne. Hogguu ganda dhaqe cufaahuu jaartii tiyya tana bar an yeroofin waliin jira malee, gammachuu hin qabu je’ee haasawa. Ummannilleen waan kana naaf himan. Waan kana deebi’ee gaafannaan, ee bar an waa gammachuu si waliin jiraachuu hin qabuu  naan je’e. An ammoo carraaqeetiin isa jalatti uf bulchaa jira. Mee maal dhaamsa naaf dhaamtan?

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, ilmi dhiiraa tokko intala takka hogguu fuudhu, akkuma abbaan kiyya intala dhalaa takka fuudhetti fuudhee yaadachuu qaba. Fuuni waan baatii lamaa sadihiitii miti. Eega wal fuutanii haalaa amalaan walii galtanii hamma arrii filattanitti wajjumaan jiraachu.

Yoo waldhibdanii walii galuu dadhabdan wal eebbisu. Magaalarraa akka horiitti wal hin binnee, gurra walii dabarsanii ala wal baasuun Islaamummaa keessatti dhoorkaadha. Kanaaf jecha waan gurra keetiin dhageesse yoo taate malee, waan namni siin je’u dubbii alaa hin fudhatin. Irra hedduun dhalaafi dhiiraatis wal hassadee, jaarsaa jaartii adda diiguun heddummaatee jira.

Yoo inni afaan isaatiin wanni akkasii nabira ni jirti ka je’u taate, eega siif hin ta’in na gad dhiisi je’ii hiikkaa gaafadhu.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.6K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:24
ओपन / कमेंट
2021-06-29 10:03:24 35: Qadaatu narra jiraa garuu na dhukkubaa akkamiin godha?

Gaafii: Ramadaana keessa dahee garuu fayyaa dhabee haga Ramadaanni kuun dhufuttis hin fayyinee maaltu narra jira?
 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii ta duraatii Rabbi si haa fayyisu. Ta lammeessaatii soommana bara dheengaddaatiifi ka ammaa ka as deemu jidduu balleessaan takkallee sirra hin jiru. Haalli qadaa itti soomantu ammoo soommana ammaa hoggaa Ramadaanni kun bahe shawwaal irraa eegalii sunnaa itti dhiisii fardii dabarte qadaa ufirraa kafali.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 07:03
ओपन / कमेंट