Get Mystery Box with random crypto!

521: Istinjaan duratti harka dhiqachuun barbaachisaadhaa? Gaa | Fataawaa NuuralHudaa

521: Istinjaan duratti harka dhiqachuun barbaachisaadhaa?

Gaaffii: Wayta mana sagaraa seenaan istinjaa osoo hin godhiniin duratti harka dhiqatuun barbaachisaadhaa? Namatuu osoo istinjaa hin gooneen duratti harka dhiqatuun barbaachisa naan jedhee akkasitti namaan wal moromnee harka dhiqatuun osoo istinjaa hin gooneen duratti barbaachisaa hadiisa irra jiraa?

Deebisaa: Yoo namni tokko yoo ka janaabaa qabu taate, booda yoo ka dhiqatuu barbaadan taate osoo istinjaa hin gooneen duratti harka dhiqatuu qaban. Sunillee sunnaadha dirqamaa miti garuu sunnaa rasuulaati ﷺ. rasuulatu ﷺ akkas dalage. Namni gariin sunnaa barabaaduuf akka rasuulli ﷺ dalage dalaguuf akkasi dalaga namani gariin. Ammoo ka dirqamaa istinjama gootee achi booda wodda’attee dhiqattaa jechu. Garuu wayta nagayaa osoo istinjaa hin godhiniin duratti harka dhiqachuun barbaachisaa miti. Istinjaa gootee yoo ka harka kankee irratti ka waa hafanii sodaattu taate saamunaa dibattee harka ufirraa dhiqxaa kana malee wanni dirqamaa ka bairaa wanni sirra jiru hin jiru jecha.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif