Get Mystery Box with random crypto!

520: Qiblaafi azaanni shii’aa keennaan akkuma tokkoo? Gaaffii | Fataawaa NuuralHudaa

520: Qiblaafi azaanni shii’aa keennaan akkuma tokkoo?

Gaaffii: Ganda shi’aa dalagaa warra shi’aa sani azaana isaaniitiif qiblaa isaaniillee ni shakkee maal ta’uu qabaa?

Deebisaa: Jarri qiblaa nurraa addaa qabdii hin beeku. Irra hedduun isaanii garuma qiblaa islaamaa garagalanii salaatan natti fakkaata. Ammoo azaanni keenyaaf ka isaanii bakka itti waldhabdutu jiraa bakki itti walitti galtullee ni jira. Yeroon itti azaanamullee garaagarummaa qabaatuutu mala jechu. Maaliif jennaan shi’aan tun garaagarummaa hedduu qabdi isnaa’a ashariyaatu jiraa, imaamiyaatu jiraa, zeeydiyyaadhatu jiraa, bohorattu jiraa, useeriyaatu jiraa maqaa adda addaa kana qabdi, maqaa hedduu isiin qabdu san keessaa ka ati isaan waliin dalagdu kun warra kami ani beekuu hin danda’u. Kanaafuu yeroo itti azaanan nama biyya ati jirtu sani jiru gaafadhu. Qiblaallee nama biyya ati jirtu san jiru ka shi’aa hin ta’in gaafadhu. Google seentee telefoona smartphone gaafachuu dandeetta. Azaana irratti shii’aan garaagarummaa ni qabna. Nuti woyta azaana baafnu

“Allaahu akhbar allaahu akhbar

Allaahu akhbar allaahu akhbar

Ashhadu allaa ilaaha illallaah

Ashhadu allaa ilaaha illallaah

Ashhadu anna muhammadan rasuulullaah

Ashhadu anna muhammadan rasuulullaah

Hayya alassalaah hayya alassalaah

Hayya alalfalaah hayya alalfalaah

Allaahu akhbar allaahu akhbar

Laa ilaa ha illallaah”

Isaan wayta azaanan

Allahu akbra allah akbar, Allahu akbra allah akbar

ashadu allaahu laa ilaaha illallaah ashadu allaahu laa ilaaha illallaah

ashadu anna muhammadu Rasuulallaah ashadu anna muhammadu Rasuulallaah

gariin isaanii Ashadu anna aliyyun waliyyullaahi jedhani wayta alasalaa silaa jedhanillee hayya alaa keeyrili amal jetti. Kanaafuu jechoonni azaanaa nu biraaf isaan biratti waldhabaa.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif