Get Mystery Box with random crypto!

522: Hijaaba gubbaan haqachuun (quyyifachuun) ni danda’amaa? | Fataawaa NuuralHudaa

522: Hijaaba gubbaan haqachuun (quyyifachuun) ni danda’amaa?

Gaaffii: Yeroo wuda’atan osoo hijaaba mataa irraa qabu mataa gubbaa tuqachuun (haqatuun) ni danda’amaa?

Deebisaa: Ee ni danda’ama. Mataa akkaataa saditti haqachuun ni danda’ama. Mataa haquun dirqama irraahi. Waan jedhu Rabbiin SW yaa warra Rabbitti amane hoo; wayta salaatuu barbaaddan wodda’adhaa, fuula keessan dhiqaa; fuula wayta jedhan fuula guutuu dhiquu qabda, harkallee haga ciqiletti dhiqaa jedha Rabbiin SW , akkasuma mataa keessanillee rifeensa haqaa jedha. Haquu kana ulamaa’iin irratti wal kilaafan, imaamu shaafi’iin wanni jedhe mataa kankee irraa rifeensuma tokko yoo bishaan dhaqqabsiifte haqxee jirtaa jedha. Kilaafa dheeraa ulamaa’ii san keessa hin seeninii, mataa kankee gara fuula duraa kana haquu dandeessa takka, akka sunnaa Rasuulaa ﷺ hadiisni hedduun itti dhufu mataa guutuu haquudha rifeensa mataa kankee cufa jiidha harka kankeetii dhaqabsiisuun barbaachisaadha. Yoo mataa guftaan irra jiraate yookaan fooxaan wayii irra jiraate yoo dhiirtillee si wajjiin jiraatan ka ati mataa kankee rifeensaa bishaan waliin gahuu hin dandeenne gara fuula duraa kana tuqsiisteetiin guftaa san gubbaadhaan gad geessita jechudha. Akkasuma ammallee ka rifeensa tokkollee hin tuqsiisne guftaa gubbaan haquunilleen ni danda’ama.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif