Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 16.92K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 13

2022-01-28 15:30:18 118: Dhalaa biyyaa baatee hojjattu sadaqaan irraa ni qeebalamtii?

Gaafii: Dhalaalee biyyarraa dhuftee as keessa hojjattu tana sadaqaan irraa ni qeebalamtii?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii;, hin qeebalamtu warra siin je’etu jiraa? Gaafiin tun maal irraa kaate? Yoo warri nama hurkaa ufiitiin carraaqatu kana sadaqaan isaa hin qeebalamtu je’u jiraate nama akkas je’u saniin jechi keessan baaxila je’iin. Intalti dhalaa takka biyyarraa kaatee bahuu isiitiif dogongora qabdi malee ala bahuudhaaf hin kafarre.

Murtaddiillee hin je’amtu. Yahuudaallee nasaaraallee hin je’amtu. Wanni isiin balleessite, dalagaadhaaf jecha ala baatee daangaa cabsite. Daangaa cabsuun ammoo tawbamatti haajomti. Ka hurkaa isiin mana namaa dhiyxee, gidaara dhiyxee, huccuu miiccee, kaawiyyaa gootee, nyaata gootee, ijoollee tajaajiltee carraaqqatte kanaan haraami je’u garuu jaahila. Yoo intalti sun wanni isiin fudhattu sigiggaalummarratti, ribaa irratti, sihrii irratti, foon karkarroo, booyyee, waan Rabbiin haraam godhe gurguruu irraa taate hoggaa san horiin isii haraami.

Warren akkanumatti lafaa ka’anii danfa nama tokkoo haraami je’aniin Rabbi sodaadhaa jennaan. Sadaqachuu dandeessi; haadhaa abbaan tajaajiluu dandeessi; hajjiin dhaquu dandeessi; waan feete abbaa feetee kennuu dandeessi; waa takkallee wanni isii dhoorkaa hin jiru jechu.
 
  Dr. Liwaa’ulislaam
882 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:30
ओपन / कमेंट
2022-01-28 15:30:11 117: Soomanaan qodhaa godhe osoon hin soommanin Ramadaanni natti dhufee maaliin godha?

Gaafii: Gaaf tokko Rabbii kiyyaaf jechaan qodhaa godhe. Yoo Rabbiin waan akkanaa muraada naaf guute baatii takka nin soommana je’eetiin qodhaa godhe. Hardha ammoo osoo waan san danda’ee ufirraa hin soommanin Ramadaanni natti dhufee akkam ta’uu naaf wayya?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii soommana kee walitti dhaabdee ufirraa fixuun dirqamaa miti. Adda addaan suuta soommanuu ni dandeessa. Garuu sirratti dirqama akka ta’e beeki. Eega soommanni sitti dhufee soommana kee soommanadhuutii achi boodaan waan  qodhaa goote itti aansi.

Yoo soommana ufirra keesse sun ka hin dandeenye taate ammoo Rabbiin sitti beekaa kaffaaraa yamiinaatti jijjiirii guyyaa kudhan nama kudhan nyaachisi. Yookiin nama kudhan uwwisi. Takkaa gabra bilisa baasi. Waa sadeen san yoo hindandeenye ka boodaa sanitti deebita guyyaa sadi jechu. Garuu baatii takkattii ufirratti goote walitti dhaabuun sirratti dirqii mitii hamma dandeessetti ufirraa fixi.
 
  Dr. Liwaa’ulislaam
839 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:30
ओपन / कमेंट
2022-01-26 09:23:10 116: Waan namni hin beeyne nama nyaachisuun akkami?

Gaafii: Akaakoo kiyya tokko hedduun jaaladhaa nin kaddama. Gaaf tokko odoo foon muruufii harki na muramee dhiigni narraa yaa’e. Foonuma dhiigni kiyya irratti yaa’u san mummuree inni ijaan hin arkuu kenneefii maaltu narra jira?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii; namni kun ijaan hin arku je’ee nama nama goowwoomsu /gashashu/, nama nama sobu, Rabbiin guyyaa boruu ni gaafata. Kanaafuu yoo inni jiraate waan akkanaa si nyaachisee iznii naaf godhi jettaan, yoo inni hin jiraanne ammoo wallaala keetiin wajjiin waan dalagdeef Rabbuma kee araarama kadhu. Ta ganaatiif waan gashii akkanaa itti hin deebi’in.
 
  Dr. Liwaa’ulislaam
1.9K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:23
ओपन / कमेंट
2022-01-26 09:23:08 115: Dhalaa dalgaaf biyyaa baate fuudhuun ni tahaa?

Gaafii: Dhalaa dalagaaf biyyarraa dhufte fuudhuun kun akkami?
 
Deebisaa: Dhalaan dalagaaf ala baate daangaa cabsite malee wahi kafartee? Yahuudaa wahi taatee? Nasaaraa taatee? Yoo ka akkasitti fudhattu taate tawbadhu. Intalti dalagaaf ala baate daangaa cabsite malee intala Muslimaatii halaali. Qabxima tanallee obboleeyyan tee dhalaa Muslimaatti yaaduun kee dogongoraa Rabbi siif haa araaramu.
 
  Dr. Liwaa’ulislaam
1.7K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:23
ओपन / कमेंट
2022-01-20 02:12:48 114: Dalagaan biyyaa baanee dalaynu haraam qabaa?

Gaafii: Nuti warri ala baanee waa carraaqnu kun khayrii dalaguu feena. Carraaqnee sadaqachuus ni feena. Garuu horiin keessan haraami nuun je’an. Ka masjiidaaf erginullee nurraa qeebaluu didan.
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, ta duraatii ati waan dalagdu sumaatu uf beeka. Yoo sigaggaalummaa ka hojjattu taate, yoo mallaqni kee ka ribaa ta’e, yoo faana laaltuu taate, waan Rabbiin jibbu yoo ta’e horiin kee haraami.

Yoo hurkama kee taate ammoo, hurkaa kee itti fayyadamuu, nama fayyaduu, sadaqachuu, hajjiin dhaquu ni dandeessa. Namni horiin hurkaa keetii haraam siin je’u wallaalaadha. Nabiin ﷺ akki je’e irra caalaan dalagaa waan namni hurkee carraaqqatu. Horiin kee horii halaalii sadaqadhu.

  Dr. Liwaa’ulislaam
39 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 23:12
ओपन / कमेंट
2022-01-16 23:34:17 113: Garaagaruummaan waajibaataafi arkaana salaataa maali?

Gaafii: Waldhabbiin waajibaataa salaataatiifi arkaana salaataa maali?
 
Deebisaa: Salaanni shuruuxa shan qaba. Waajibaata saddeet qaba. Arkaanni salaataa kudha afuri. Waajibaata jechuun waan salaata keessatti yoo beekaa dhiifte salaanni badu, yoo irraanfiin dalagde ammoo sujuudussahwiitu bakka bu’a.

Arkaanni ammoo beekaan dalagdu, wallaalaan dalagdu, irraanfiin dalagdu, kudha afur keessaa tokko yoo dhiifte salaanni kee baaxila.

Kana cufa asitti lakkaahuuf waan yeroo hin qabneef jecha bikka ulamaa’iin jirtutti dhihaadhuutii baradhu.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
283 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:34
ओपन / कमेंट
2022-01-12 15:39:30 112: Dubartiin nikaaha if hidhuu ni dandeessii?

Gaafii: Obboleettiin teenya takka akka jettutti, akkanumatti matuma ufiitiin kaatee gurbaa tokko jala deemtee if heerumsiiste. Wallee nikaan kee baaxila je’aniinii Saudii dhuftee nikaaha uf goote. Amma eega waa babbarattee rakkoo ufitti dhageesse.
 
Deebisaa: Yaa gaabrittii Rabbii, osoo abbaan kee akaakoon kee, adeerri kee, obboleessi kee, ilmoo sii gahe yoo qabaattes osoo lafa jiranuu nikaan ati gaafa duraa of goote sun baaxili. Wanni sirra jiru isa san irraa tawbachuudha. Gurbaan ammoo nikaaha naa qabdi jechutti si beeka, haalli inni itti nikaaha si godhate kun garuu baaxila.

Karaa qaaditti dhihaattee isa kana faskii ufirraa godhuu dandeessa. Nikaalleen hin jiruu inni garuu nikaaha naaf qabditti fudhata. Kan warri keessan nikaaha si godhan kun ammoo ka lammeessaadhaa nama nikaaha si godhe san addaan baradhu.

Abbaa kankee yoo ta’e nikaaha duraa san akkam ufirraa gooteeti? Yoo sun badiidha jechuu ufitti beeyte isa san irraa toowabattee, hamma haydiin takkarra lama sadi sitti dhuftutti ni eeyda.

Eega gadaamessaa kee xahaaratteen boodatti yoo abbaan kankee nikaaha si godhe nikaan kankee kanuma boodaa kana. Ka duraa baaxilii bakka hin jiru.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
1.5K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:39
ओपन / कमेंट
2022-01-12 15:39:21 111: Lukkuu fayyaa dhabde ajjeesuun ni tahaa?

Gaafii: Warshaa lukkuu itti guddisan keessan dalaga; doktoroonni fayyaa lukkuudhaa kana eegan nutti dhufanii lukkoolee dadhabbii qabdu tana gataa nuun je’an, akkasitti gidaaraan dhoofnee ajjeesnee darbina. Eega ajjeesneen boodatti ibiddaan gubaa nuun je’anii akkasitti gubna.
 
Deebisaa: Dhiiroo jarri akkana godhaa isiniin je’u kun warruma Muslimaatii? Gaafii tee walumaagalattuu Yaa gabricha Rabbii; Nabiin keenya ﷺ akki je’e, abbaa ibiddaa malee ibiddaan namni tokko nama azaabuu hin danda’u. Mootummaan tama Rabbiiti. Tanaaf jecha makhluuqa ibiddaan gubuun dhoorka. Gidaaraan tumtanii ajjeesuun dhoorka.

Hoggaa waa qaltanillee albee qaradhaa nuun je’e Nabiin keenya ﷺ. Kanaaf jecha ablee fuudhaatii lukkuulee dhukkuba qabdu san qaqqalaa. Ibiddaan gubuu didaa isaan haa gubanii.

Yoo akkas malee si didan dalagaa san bakka sanirraa jijjiiradhu. Namni waan takka Rabbiif jecha dhiise Rabbiin ta irra caaltu isaaf kenna.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
1.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:39
ओपन / कमेंट
2022-01-09 09:49:40 110: Nama salaata yeroo hunda hin salaannetti hidhachuun akkami?

Gaafii: Jarri salaata Rabbii hin fardeessanii akkuma fedhanitti salaatan. Hoggaa namni isaanitti dhufe garuu ummata kanaan wajjiin ni salaatan. Nudura dabranii nuun salaataanii an ammoo wajjumaan itti hidhadhaa, itti hidhachuun kun akkami?
 
Deebisaa: Jarri ati himtu kun yaahuudas hin jennee nasaaras hin jennee salaata hin fardeessanii akkuma ofii fedhanitti salaatan jette. Ummanni kun Muslima je’aman. Garuu daandiin isaan irra jiran daandii nifaaqati; daandii faasiqummaati. Tanaaf jecha salaata namni akkasii namaan salaatuun salaata kee qeebalamiinsa hin dhoorku.

Ummanni sahaabaa Hajjaaj ibnu Yuusuf saqafii damiina warra xaa’if ka ummata sahaabaa meeqa fixe boodaanuu numa salaatanii tana hin irraanfatin. Waan dandeessuun nasiihaa yaadiif. Ummata akkanaa garuu karaa yahuudaafi nasaaratti hin lakkaawin.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
1.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:49
ओपन / कमेंट
2022-01-07 11:12:47 109: Bishaan qaama saalaarraa bahu (Mazyiin) soomana ni miidhaa?

Gaafii: Jaarsaafi jaartiin bakka bakka jiran isaanii haasawa jaalalaa haasawu, Mazyiin yoo isaanirraa bahe soommana ni miidhaa?
 
Deebisaa: Siifi jaartiin tee takkaahuu jaarsi kee adda fagaattanii fagoodhaa haasawa haasawuun fedhinnaa walitti kaasuun shahwaa hirriibaa ufitti dammaqsuun gaaga’ama guddaa ufirra fiduudha. Namni harka uf kaayee haqqisaa ufirra barbaadu laagaa isaattu murama. Fedhinnaan haasawaan ufitti kaaftu kun rakkinna sitti fida.

Dhukkuba muldhii, dhukkuba cophxoo. Maaliif? Wanni sosso’e sun bakkarraa sosso’ee ala hin baane jechu. Tana waan ta’eef dura haasawuma nagayaa wajjiin haasawaa malee waan fedhinnaa isinitti kaasu hamma dandeessanitti irraa fagaadhaa.

Garuu mazyiin namarraa bahuun soommana hin balleessuu wudu’a balleessa. Ajriis namarraa hir’isaa soommana keessa of eegaa.

Dr. Liwaa’ulislaam
133 views08:12
ओपन / कमेंट