Get Mystery Box with random crypto!

141: Intalti laguun isii ciccitee dhufu akkamitti salaatti? G | Fataawaa NuuralHudaa

141: Intalti laguun isii ciccitee dhufu akkamitti salaatti?

Gaafii: Intalti takka yoo aadaan isii ciccitaa itti dhufe, fakkeenyaaf torbee tokko ykn torbaan lama irraa badee ammas itti dhufee irraa bade, haala kamiin salaatti?
 
Deebisaa: Dubartoonni aadaan ji’aa kun tartiiba ufii dhabee yeroo soomaallee, yeroo salaataallee isaan jeequ, warra yeroo hedduu kiniina fudhatee aadaa ji’aa kana karaa irraa gatee kiniinaan uf balleessu akka tahe irra gahamee jira. Yeroo tokko tokko ammoo dubartii garii dhukkubumatu akkas isaan godhaa shariaan Rabbii waan hunda adda baasee ibsee jira.

Dhiigni aadaa dhiiga furdaa, gurraacha, xiqqo foolii qabu. Kanaafuu yoo dhiigni furdina, gurraachinaafi foolii qabaate dhiiga aadaati. Yeroo san salaata irraa dhaabbatti. Yoo inni irraa dhaabbate ni xahaaratti; yoo inni itti dhufe ammallee ni dhaabbatti. Dhiiga biraa ka aadaa kan hin tahin ka akkanumaan dubartii irraa yaautu jira. Dubartii garii Shayxaanatu hormaata isii keessa dhiitee irraa yaa’a. Ta Rabbi kanaan qormaatetu jira.

Ka ji’a tokko, ji’a lama osoo walirraa hin cinne irraa yaautu jira. Dhiiga diimaa akkasii saniifii dhiiga gurraacha san gargar baafachuu qaban inshaa Allaah. Kiniina fudhachuudhaan ufii dhiiga olii gad dhahuunillee barbaachisaa miti.

Sheikh Alii Jimmaa