Get Mystery Box with random crypto!

140: Sadaqaa abbaa kiyyaaf godhuun akkami? Gaafii: Yoo biyya | Fataawaa NuuralHudaa

140: Sadaqaa abbaa kiyyaaf godhuun akkami?

Gaafii: Yoo biyya kiyyatti galee qalee nyaachisee abbaa kiyyaaf sadaqaa niyyadhe sadaqaan sun ni taatii?
 
Deebisaa: Ilmoon abbaafi haadha ufiitiif qaltee nyaachisuu, qaltee sadaquu, Qur’aana bittee waqfii godhuu, masjiida maqaa isaaniitiin ijaaruu, eela maqaa isaaniitiin qotuun ni taha. Wanni ilmoon abbaa ufiitiif gootu akkuma nama hogguu isaan jiran horii harkatti kennuufiiti. Eega isaan du’aniillee godhuufii dandeetta.

Hajjiillee yoo ufii keetii gootee jiraatte isaaniifillee godhuu ni dandeessa. Qaltee nyaachisuullee ni dandeessa. Maqaa isaaniitiin niyyattee godhuufii waa takka wanni si dhoorke hin jiru.

Sheikh Alii Jimmaa