Get Mystery Box with random crypto!

201: Dubartii haraamaan waliin bulan guyyaa lammataa nikaha wa | Fataawaa NuuralHudaa

201: Dubartii haraamaan waliin bulan guyyaa lammataa nikaha walii godhuun ni tahaa?

Gaafii: Intala takka fuudhee, intala ani fuudhe tana halkan tokko eega an waliin bultee, guyyaa lammataa abbaa isiitti telefoona dhoofnee nikaha naaf godhanii.

Deebisaa: Dubartii haraamaan waliin bulan guyyaa lammataa nikaha walii godhuun hin jirtu shari’aa Rabbii guddaa keessatti. Maaliif jennaan karaa halaala hin ta’iniin walitti dhufanii, haga isiin dhiiga sanirraa qulqullooftee toowbatanii Rabbitti deebi’anii, sadaqaan adda bahiinsan, soomaan salaataan, Rabbii ufii araarfatanii deebi’anii wal fuudhuu danda’an.

Sheikh Alii Jimmaa