Get Mystery Box with random crypto!

202: Guyyaa Ramadaana Haadha warraa osoo hin tuqiin waliin raf | Fataawaa NuuralHudaa

202: Guyyaa Ramadaana Haadha warraa osoo hin tuqiin waliin rafuun akkami?

Gaafii: Yoo an jaartii tiyyaan wajji rafe guyyaa Ramadaanaa ka isii hin tuqin hirribuma nagayaa calla waliin rafe maal qaba?

Deebisaa: Yoo isii hin tuqin humaa hin qabu, dubartii ufii ramadaan keessa waliin rafuun ni ta’a guyyaa ramadaanallee taanaan, halkan ramadaan qunnamtii salaallee godhuu ni danda’a. Guyyaa Ramadaana ammoo ka qunnamtii saalaa hin goone nagayumaan wajjiin rafuun rakkoo hin qabu. Ulamaan gariin wanni jedhan yoo ka uf amantu taatee jedhan.

Ayishaan Rasuula ﷺ irraa yoo himtuu; Rasuulli Rabbii ﷺ Ramadaan keessa dubartii isaaniitiin ni taphatan humaa rakkoo hin qabanii jennaan, miswar ibnu makramaa isinuma ta’uu oolaaree haadha teenya Ayishaa jedheeni, anuma jetteeni. Garuu Rasuulli Rabbii akka keessaniitiiree jetteen, onnee ufii harkaa qabaa jetteen. Kanaafuu namni onnee ufii harkaa hin qabne hin taphatin dubartootaan wajjiin hin rafiin, ittillee hin dhihaatin jedhan dogongoru malaa Ramadaana keessa.

Guyyaa takkatti namni dogongoree dubartii isaa wajjiin rafe guyyaa ramadaana sooma ji’a lama guutuutu irraa fedhaama. Ka bultii 59 soomee ka bultii takkattii irraa hafte ammallee ji’a lama dhibii irraa fedhama. Bultii jahaatama walitti aansee soomutu irra jiraataa kanaafuu guyyaa takkattii kasaaranii guyyaa jahaatama kafaluun jajjabduu irraa oolutu barbaachisa. Garuu nama aqlii qabu nama ilmii qabu dubartii isaa silaa ni beekaa yoo akkanumatti dubartii isaa wajjiin rafee ka ka’u taate, ka harkaa uf qabu taate humaa rakkoo hin qabu inshaa Allaah.

Sheikh Alii Jimmaa