Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 16.92K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 3

2022-12-21 05:57:45 214: : Jaartiin tiyya takka mana keessa ufumaa baatee yoo dhabamte intala tanaaf ana badiin maaltu narra jira?
 
Deebisaa:   Jaartiin tee nikaha kee qabdi waan manaa baase, rakkina manaa baase anatu rakkina irra fide moo badiif baatee jala deemtee gaafachuun dirqama keeti. Yoo wanni ati isii goote aariif manarraa isii baaftes fayyifatteee manatti deebisuun keeti.

Takkaahuu warra keessaniin walbiratti dhiiftee warra keessaniin yoo waldhibanii baates rakkoo isii tana beeytee bakka isiif godhuun dirqama keeti. Yoo isiin ka bultii tee hin feene taatee ka manarraa baatu taate osoo beeytu yoo itti dhiifte badiin alatti dalagdu badii irratti situ gargaareefii badii irratti usuun kee badii ufirratti murtii godhuudha diliin sillee si hin hanqattu intala sani takkaa manatti deebisuu takkaa hiiktee qulqulleessuu waa lamaan irraa filadhu.
 
Dr.Liwaa’ulislaam
986 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 02:57
ओपन / कमेंट
2022-12-21 05:57:35 213: Manaamaan yoo maniyyiin namarraa bahe soomanni ni badaa?

Gaafii:  Namni tokko yoo manaama dhiirti dhalatti eda’amtee dhalaan dhiiratti ida’amte soommanni badee?
 
Deebisaa:   Manamaan dhalaaf dhiirti walitti ida’amuun maniyyiin namarraa bahuun waa takkallee soommanatti hidhaa hin qabdu. Kun waan ati ufirraa fiddee miti waan Rabbiin siin qananiise jechu. Tanaaf jecha saniif jettee soommana kee hin furin huma takkallee rakkoon sirratti hin jirtu.
 
Dr.Liwaa’ulislaam
929 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 02:57
ओपन / कमेंट
2022-12-21 05:57:27 212: Salaata Witrii booda qunuuta/du'aa'ii kadhachuun dirqamaa?

Gaafii:  Salaata witrii erga salaatee booda du’aa’ii kadhachun waajibaa? Zikriin halkanii guyyaa keessatti qara’an tuni yeroo adda addaa qabdii?

Deebisaa:   Salaata witrii boodaan qunuuta godhuun waajiballee mitii dirqamallee miti, sunnaallee miti walitti dhaabanii witrii godhuun. Halkan cufa godhaa jechuun hin jiru. Kan namni walitti aansanii godhan kun ajaja Nabii keenyaatii miti ﷺ.

Witrii eega salaatan booda du’aa’ii godhuun kun nama waajiba jedhee yaadutu jira. Tanaaf jechaa salaanni kee dhibbarraa dhibbatti guutu yoo du’aa’ii dhiiftes. Zikriin halknumaaf guyyaa, ta ganama qar’aniifii ta halkanii kopha. Ammoo Rabbii kee yeroo cufa zakkaruun hulaan siif bana, halakanii guyyaa keessatti, nyaattuu, dhugduu, teessu, deemtuu, raftuu waqtii cufaa hulaan zikriidhaa cuftinuu siif bana.

Dr.Liwaa’ulislaam
921 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 02:57
ओपन / कमेंट
2022-12-21 05:57:18 211: Amaanaa namaa amaanaa tahuu osoo hin himiniif yoo abbaaf galche ni tahaa?

Gaafii:  Namni amaanaa na bira kaayatee eega biyyaa deemee waan san yaadadhee obboleetti tiyya guddoodhaan waan san narraa kenni jedheenii akkasumatti deemtee amaanaa san narraa kennite. Garuu hoggaa kennitu wanni waan kana hin jenneeniin wanni sun narraa kufte moo hin kufne?

Deebisaa:   Amaanaaf sadaqaan adda, nama tokkoon sadaqaa jettee takkaahuu kaffaaraa jettee huma ta’ee haa ta’uu nama tokkoon waan kana narraa bakka dhaabadhuu godhi yoo jetteen niyyaa teetitu laalamaa wanni kun akkana jedhanii maqaa himuun hin barbaachisu.

Ammoo deeyniif amaanaan nama saniin wanni kun waan keeti, wanni kun deeynii teeti jedhanii itti himuun barbaachisa. Tanaafuu intala bakka buufatte saniin horiin siif kenne sun ka ebalu biraa qabdu sanii amaanaa keetii jedhiitii itti himi jedhiin. Akkaasitti uf qulqulleessi.

Dr.Liwaa’ulislaam
1.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 02:57
ओपन / कमेंट
2022-12-21 05:57:08 210: Haati ilmaan irraa Zakaa fixrii ni baastii?

Gaafii:  Aniin tun intala takka ta hiikamte, ijoollee qabaa abbaan isaanii quba hin qabu yoo zakaa fixrii irraa baase rakkoon ni jirtii?

Deebisaa:   Ta duraatii hiikamtee jirta ka Rabbi sodaatu ka ilmaan tana si wajjin tajaajilu yoo ilmaan si harka jiraatan Rabbi siin haa dhaqqabu. Yoo abbaan ilmaan kana ka quba hin qabaanne ta’e, eega inni ilmaan isaa jibbee hin jibbinii Rabbii si haa gargaaruu bakka isaani jiranitti si bira jiraatanuu warra keessani jiraatanuu zakaa fixrii irraa baasi. Takkaahuu warra keessanitti waa ergii isaaniin irraa baasaa jedhiin.

Dr.Liwaa’ulislaam
1.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 02:57
ओपन / कमेंट
2022-12-15 08:51:11 209: Qabrii irratti waa ijaaruu/katabuun ni tahaa?

Gaafii:  Namni kiyya tokko yoo du’ee qabrii bira dhaqee yoo waa gubbatti ijaaree takkaahuu maqaa irratti katabe balleessaa jirtii?

Deebisaa:   Nabiin keenya ﷺ ni dhoorke; qabrii takka ta waa irratti ijaaramu yoo Rabbi irratti isin geessellee irraa diigaa. Masjiida qabrii irratti ijaaruun dhoowwa. Akkasuma maqaallee irratti katabuun dhoorka. Bakka jirtan cufattuu waan akkanaa irraa walfageessaa. Ammoo bishaan irraa deebisuuf jecha takkaahuu qabrii san milikkata itti godhuuf jecha hamma taakkuu takkaa simintoo ta’uu dhagaa akka kaabitti kaahuun humaa hin qabu. Garuu taakku takka bira oldabruu dhabu.

Dr.Liwaa’ulislaam
905 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:51
ओपन / कमेंट
2022-12-15 08:51:05 208: Haadhaa fi Abbaa aakhramaniif Qur'aana qara'uun ni tahaa?

Gaafii:  Abbaan kiyya amrii ta’uu haati tiyya amrii taatuu yoon qur’aana qara’eef maaltu narra jira. Qur’aana qara’uun isaaniif gaha moo hin gahu?

Deebisaa:   Qur’aan hoggaa namni du’e wal gahee akkanatti qara’uu kana warri daliila cimaa hin qabne ni jira warri jedhus ni jira. Warri akka mazhaba Imaamu Shaafi’iitiin daliilfatan nuti warra fiqhiiti ufiin jedhanii warri waan akkanaa yaadus ni jira.

Ammoo warruma nuti deeggartoota Imaamu Shaafi’iiti ufiin jedhu kana kitaaba Imaamu Shaafi’ii Ummii fii Rasaalaa keessa deebitee laalte imaamu Shaafi’iin warra yaada akkanaa dura dhaabbatu irraahi. Nama tokkoof wanni isaaf gahu waanuma inni gaafa jiru carraaqqate. Tanaaf jecha wanni beekuu qabnu Nabiin keenya gaafa addunyaa irraa deeman qur’aana qara’aniifii? Abu bakrii qar’anii ,Umarii, Usmaanii akkasumatti oofii aadaan tuni eegaa Nabiin keenya addunyaa irraa deemanii toora amata 500 booda aadaan tun karaa godhamtee kanaafuu bida’atti fudhannee waan kanarraa fagaachutu gaari.

Dr.Liwaa’ulislaam
830 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:51
ओपन / कमेंट
2022-12-15 08:50:58 207: Madaan yoo nama dhiige soomana namarraa balleessaa?

Gaafii:  Namni tokko qaama isaa irraa yoo madaa qabaatee  madaa isaa tana yoo waa dhayanii’  dhiigni irraa bahe soomanni isaa ni badaa?

Deebisaa:   Malaas haa ta’uu, dhiigas haa ta’uu fakkeenyaaf madaarraa ilkeellee osoo ufirraa fuutee kun cuftinuu soommana hin balleessu, soommanni kiyya bade jettee hin nyaatin.

Dr.Liwaa’ulislaam
656 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:50
ओपन / कमेंट
2022-12-15 08:50:17 206: Nama warra isaa osoo itti hin dabalamin waliin taphachuu qofaan maniyyiin irraa bahe hukmiin maali?

Gaafii:  Namni tokko warra isaa kana yoo wajjiin taphatee itti qanani’e qaama isiitti ka qaamni lamaan wali hin tuqin bishaan maniyyii yoo irraa bahe nama kana maaltu isarra jira?

Deebisaa:   Yoo walitti qanani’uun walitti mamaxxanuun soomana keessa taate soommanni isaanii bade garuu akka nama wajjiin rafeetti laalamanii kaffaaraan isaan irra hin jirtu. Yoo sababaa qaamni waltuquutiin maniyyiin akkasitti irraa bahe takkaahuu yoo qaamni isaanii lamaan waltuqe afaanumaanuu akkuma nama wajjiin rafeetii kun balleessadha.

Kanaaf jecha kana kaffaaraatu irratti jira. Maaliif jennaan saalli lamaan waltuqe. Saalli lamaan waltuquun soommana ta’uu, soommana malee ta’uu yoo soommana irraa ala ta’e dhiqaan sirratti wajjabe osoo isin lachuu irraallee humaa bahuu baate. Yoo qaamni walitti maxxanuuf ka irraa bahu ta’e isaan lachuu wanni isaan irratti jiru soomanni guyyaa sanii bade araarama Rabbii kadhatanii qadaa guyyaa sanii baasu. Ta duraatiif namni haala ufii beeku walitti hin shookkifatu jechu.

Dr.Liwaa’ulislaam
705 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:50
ओपन / कमेंट
2022-12-15 08:50:02 205: Nama guyyaa Ramadaanaa warra isaatti ida'ame hukmiin maali?

Gaafii:  Namni tokko ramadaan keessa yoo jaartii ufiitti ida’ame kaffaaraan akkaataa inni itti nyaachisu nama tokko tokkoon moo akkam?

Deebisaa:   Kaffaaraa dura waatu jira, maaltu jiraa barachu,waa sadeen irraa. Ta duraa gabra bilisoomsu jenne, lammeessaa baatii lama soommanu, yoo dhiira ta’e yoo iidni itti dhufe malee yoo dhalaa taates yoo heeydiin itti dhufte malee walitti dhaabdee soommanta. Ka itti aanu nama nyaachisu miskiina jahaatama. Miskiina jahaatam kana shan shaniin, kudhan kudhaniin, bakka takka walitti qabdee nyaachistus huma takkallee rakkoo hin qabu. Yoo nama tokko wanni baatii lama ka irra jiraattu taate nama jahaatama nyaachisuun akkuma itti siif mijaawe.

Dr.Liwaa’ulislaam
864 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:50
ओपन / कमेंट