Get Mystery Box with random crypto!

205: Nama guyyaa Ramadaanaa warra isaatti ida'ame hukmiin maal | Fataawaa NuuralHudaa

205: Nama guyyaa Ramadaanaa warra isaatti ida'ame hukmiin maali?

Gaafii:  Namni tokko ramadaan keessa yoo jaartii ufiitti ida’ame kaffaaraan akkaataa inni itti nyaachisu nama tokko tokkoon moo akkam?

Deebisaa:   Kaffaaraa dura waatu jira, maaltu jiraa barachu,waa sadeen irraa. Ta duraa gabra bilisoomsu jenne, lammeessaa baatii lama soommanu, yoo dhiira ta’e yoo iidni itti dhufe malee yoo dhalaa taates yoo heeydiin itti dhufte malee walitti dhaabdee soommanta. Ka itti aanu nama nyaachisu miskiina jahaatama. Miskiina jahaatam kana shan shaniin, kudhan kudhaniin, bakka takka walitti qabdee nyaachistus huma takkallee rakkoo hin qabu. Yoo nama tokko wanni baatii lama ka irra jiraattu taate nama jahaatama nyaachisuun akkuma itti siif mijaawe.

Dr.Liwaa’ulislaam