Get Mystery Box with random crypto!

212: Salaata Witrii booda qunuuta/du'aa'ii kadhachuun dirqamaa | Fataawaa NuuralHudaa

212: Salaata Witrii booda qunuuta/du'aa'ii kadhachuun dirqamaa?

Gaafii:  Salaata witrii erga salaatee booda du’aa’ii kadhachun waajibaa? Zikriin halkanii guyyaa keessatti qara’an tuni yeroo adda addaa qabdii?

Deebisaa:   Salaata witrii boodaan qunuuta godhuun waajiballee mitii dirqamallee miti, sunnaallee miti walitti dhaabanii witrii godhuun. Halkan cufa godhaa jechuun hin jiru. Kan namni walitti aansanii godhan kun ajaja Nabii keenyaatii miti ﷺ.

Witrii eega salaatan booda du’aa’ii godhuun kun nama waajiba jedhee yaadutu jira. Tanaaf jechaa salaanni kee dhibbarraa dhibbatti guutu yoo du’aa’ii dhiiftes. Zikriin halknumaaf guyyaa, ta ganama qar’aniifii ta halkanii kopha. Ammoo Rabbii kee yeroo cufa zakkaruun hulaan siif bana, halakanii guyyaa keessatti, nyaattuu, dhugduu, teessu, deemtuu, raftuu waqtii cufaa hulaan zikriidhaa cuftinuu siif bana.

Dr.Liwaa’ulislaam