Get Mystery Box with random crypto!

222: Janaabaan intala muslimaa fi intala kaafiraa irraa nama t | Fataawaa NuuralHudaa

222: Janaabaan intala muslimaa fi intala kaafiraa irraa nama tuqe hukmiin isaa gara garaa?

Gaafii: Janaabaan akkamii ? janaabaan intala muslimaa irraa nama tuqeefii janaabaani intala kaafiraa irraa nama tuqe akkuma tokkoo?

Deebisaa: Nama islaamaa irraa ta’ee nama kafiraa irraa ta’ee Janaabaan janaabuma. Garuu nama islaama yoo ta’e jaartii tee ta’uu qabdii, yoo intala kaafiraa taate intalti jaartii nama kaafiraa hin taatu.

Yoo Ahlal kitaabummaan isii seera guuttatee Ahlal kitaab fuudhee jiraate malee. Sani ammoo seera guuttachufillee waa heddutu nama dhibaa, zamana ammaa keessatti nama islaama hin ta’in fuudhuun seera gurguddoo barbaachisaa ulamaa jajjabduu gaafachuu barbaachisa osoo hin fuune dura. Warri dubartoota faranjiitiif ta biraallee fuudhuu barbaadan intala islaama hin ta’in fuudhudhaaf seera dura guuttachuun barbaachisa, seera isiin guuttachuu qabdutu jira.

Sheikh Alii Jimmaa