218: Salaata yeroo xumurru akkamitti salaamatna? Gaafii: Namni tokko hoggaa salaata fixatu imaama boodaan hoggaa jiru gariin namaa imaamaan wajji salaammataa akkaataan itti salaammatan akkam? Deebisaa: Namni imaamatti hidhatee jiru akkuma nabiin keenya ﷺ nu ajajetti jala deemuu qaba jechu. Hoggaa imaamni Allah Akbar jedhe Allaah Akbar jenna isa boodaan, hoggaa inni ruku’a godhe isa boodaan rukuu’a goona akkasitti jala deemna. Akkuma sani yeroo inni salaammatus haga mirga salaammatee bitaa salaammatuutti cal jennee taa’uu qabna. Namni tokko tokko yeroo imaamni salaammatu warri dafee dura salaammatu kun wasanaa bahuudha akkanaa miti imaamatti hin hidhanne jechu inni. Kanaafuu yoo salaata kiyya Rabbiin narraa haa qeebaluu ka barbaaddu taate, adabni imaama jala deemuu wanni ati dalagdu cuftinuu imaama boodaan ta’uudha. Dr.Liwaa’ulislaam 783 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:39