Get Mystery Box with random crypto!

157: Tasbiiha tasbiin godhuun akkami? Gaafii: Namni hoggaa sa | Fataawaa NuuralHudaa

157: Tasbiiha tasbiin godhuun akkami?

Gaafii: Namni hoggaa salaata irraa bahe tasbiiha godha; gariin namaa tasbeen godha; gariin qubaan godhaa kamtu irra caala?
 
Deebisaa: Irra caalaan tasbiihaa qubaan godhu. Tabsiin ammoo bid’aa yoo sirraa argamtellee humaa hin qabuu itti hin dilooftu. Garuu bid’aa irraa fagaachutu gaari. Akka Nabiin keenya ﷺ nuuf himetti qubaan godhuutu caala. Maalif jennaan guyyaa boruu qubni kee kun dubbachuuf jiraata; ragaa siif baha. Tanaaf jecha akkuma Nabiin keenya ﷺ nuuf himetti kama qubaa caalchisii kaan ufirraa dhiisi.

Dr. Liwaa’ulislaam