Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.13K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 22

2021-07-12 09:21:51 39: Waaniin ahdii namaaf seene yoon nama san dhabe akkamiin godha?

Gaafii: Ganda keenya keessa ijoollee darasaa takkatu jira. Ijoollee saniin gaafan biyya Arabaa dhaqe birrii kuma lamaan isinii ergan je’een. Garuu ammoo jarri sun cuftinuu bikka san irraa yaa’anii jiru. Ummata kanaaf waan kana akkamitti erga?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, nama khayrii jaalatu Rabbi si haa godhu. Garuu Muslimni hogguma hunda waan baallama godhe ni guuta. Ati wanni sirra jiru, jarri bakka fedhellee addaan faca’ee haa jiraatuu, biyyatti maallaqa nama tokko bira kaayii jarreen saniif yeroo agarte kenniif je’i. Takkaahuu ammoo yoo ka biyya dhaqxu taate, gaafuma dhaqxe san waan baallama gooteef guuti.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:21
ओपन / कमेंट
2021-07-12 09:20:26 38: Nikaan eega zinaa dalage hidhadhe akkami?

Gaafii: Gurbaa tokko wajjiin waljaalannee sheeyxanni nutti bareechee zinaa walitti hojjanne. Eega  zinaa kana walitti goonee baatii tokko teenye booda warreen keenyatti himnee, akkasitti gurbaan warra keenya dhaqee nikaaha godhanne. Nikaan keenya kun akkami?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii “nikaan fayyaa ta’aa?” jechuu dura, zinaa dalagee zinaa dalage san hukmiin isaa maali jechutu sirra ture. Ta duraatii akka hukmii shariaatti yoo nama dardaraa taatan xiilaa dhibba dhibba dhahamtanii, biyyarraa isin fageessu. Yoo ammoo warreen duraan fuutanii jirtan taatan, mudhii gad isin awwaalanii dhagaan isin ajjeesu. Hardhaan tana garuu namni hukmii shariaa hujirra oolchu waan hin jirreef hatattamaan addaan yaa’uudha; adda bahuudha. Isin zinaa walitti godhaa jirtan malee, zinaa gubbaan nikaan fayyaa hin ta’u. Yoo xiqqaatte baatii takkaafi lamaa hamma sadiitti addaan fagaattanii tawbaa qulqullii eega tawbattaniin booda nikaaha haarawa godhachuu qabdan.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:20
ओपन / कमेंट
2021-07-11 00:07:47
Guyyaan boruu ZulHijjaa 1. Kurnan ZulHijjaa warri Soommanuu barbaaddan edanu Hiraabbadhaa. Ammarraa kaasee hanga guyyaa Iidaatti warri dandeessan Soommanaa.

 Rabbi isinirraa haa Qeebalu.

NUURALHUDAA

Soora Qalbii Muslimaa

 
1.9K viewsFii sabiilillaah, 21:07
ओपन / कमेंट
2021-07-03 23:24:53 37: Salaanni attahiyyaata malee ni tahaa?

Gaafii: Ani numaan salaataa garuu attahiyyaata hin beeku. Qara’uullee hin danda’u, Yoo attahiyyaata ufirraa dhiisee salaata kaan salaate salaanni kiyya fayyaa naaf hin ta’aa?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii waa hunda dura Rabbiin siif haa laaffisu, wanni ati beekuu qabdu, waa sadi salaata keessatti dirqama. Heeraa seera salaanni itti namarraa qeebalamu barachuun, salaata keessatti arkaana waan je’amu, arkaanni kudha Afuri; kudha afran barachuun, waajibaanni saddeeti; waajibaata saddeettanis barachuun dirqama.

Tanaaf jecha attahiyyaanni ati dhiiftu kunis, harakaa salaata raka’aa afurii keessatti ka duraa waajiba seena; waajibni yoo beekaa dhiifte salaanni kee sirraa bade; irraanfiidhaan yoo sirraa arkame sujuudussahwii sujuudda.

Attahiyyaanni dhumaa ammoo rukni; ruknii dhiifnaan beekkumsaan, wallaalaan, irraanfiin dhiistu salaanni kee bade. Kana waan ta’eef jecha, karaa danda’amuun osoo qubettillee katabattee, afaanuma harfii biraa ka beektuttillee yoo katabatte katabadhu.

Kalaama Rabbii yoo taate malee ka akkanaa kana, qubetti deeffachuun rakkina hin qabuu akkasitti attahiyyaata baradhu.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.5K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:24
ओपन / कमेंट
2021-07-03 23:24:47 36: Abbaan warraa kiyya si wajjiin jiraachuu hin fedhu naan je’aa maaliin godha?

Gaafii: Abbaa warraa kiyyaan wal jaalannee wal fuune, Abbaan warraa kiyya kun nama iccitii isaa qabachuu hin dandeenne. Hogguu ganda dhaqe cufaahuu jaartii tiyya tana bar an yeroofin waliin jira malee, gammachuu hin qabu je’ee haasawa. Ummannilleen waan kana naaf himan. Waan kana deebi’ee gaafannaan, ee bar an waa gammachuu si waliin jiraachuu hin qabuu  naan je’e. An ammoo carraaqeetiin isa jalatti uf bulchaa jira. Mee maal dhaamsa naaf dhaamtan?

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, ilmi dhiiraa tokko intala takka hogguu fuudhu, akkuma abbaan kiyya intala dhalaa takka fuudhetti fuudhee yaadachuu qaba. Fuuni waan baatii lamaa sadihiitii miti. Eega wal fuutanii haalaa amalaan walii galtanii hamma arrii filattanitti wajjumaan jiraachu.

Yoo waldhibdanii walii galuu dadhabdan wal eebbisu. Magaalarraa akka horiitti wal hin binnee, gurra walii dabarsanii ala wal baasuun Islaamummaa keessatti dhoorkaadha. Kanaaf jecha waan gurra keetiin dhageesse yoo taate malee, waan namni siin je’u dubbii alaa hin fudhatin. Irra hedduun dhalaafi dhiiraatis wal hassadee, jaarsaa jaartii adda diiguun heddummaatee jira.

Yoo inni afaan isaatiin wanni akkasii nabira ni jirti ka je’u taate, eega siif hin ta’in na gad dhiisi je’ii hiikkaa gaafadhu.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.6K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:24
ओपन / कमेंट
2021-06-29 10:03:24 35: Qadaatu narra jiraa garuu na dhukkubaa akkamiin godha?

Gaafii: Ramadaana keessa dahee garuu fayyaa dhabee haga Ramadaanni kuun dhufuttis hin fayyinee maaltu narra jira?
 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii ta duraatii Rabbi si haa fayyisu. Ta lammeessaatii soommana bara dheengaddaatiifi ka ammaa ka as deemu jidduu balleessaan takkallee sirra hin jiru. Haalli qadaa itti soomantu ammoo soommana ammaa hoggaa Ramadaanni kun bahe shawwaal irraa eegalii sunnaa itti dhiisii fardii dabarte qadaa ufirraa kafali.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 07:03
ओपन / कमेंट
2021-06-29 10:03:19 34:Gaafii: Ganda Arabaa tokkoon dalaga, ummanni Arabaa kun yeroo cufaahuu duaaii ykn wadaaja ykn waliimaa godhan.

Nama hedduu dhiiraaf dhalaa bikka tanatti yaamanii, waan warri yaamaman kun shaayiifii buna irraa dhugan burcuqqoo keessaa walitti naqaa waan akka barmiilaa takkahuu saafaa takkatti walitti qabaa nuun je’an.

Achitti walitti naqneefii mana kaayyatanii irraa fayyadaman.

Hukmii shariaatti wanni kun maali?

Deebisaa: Yaa gabritti Rabbii namni gariin hogguu waa siin je’u maashaa Allaah jechuu hin beeku.

Nama tokko ka ija isaa shakkan tufsiisuun humaa rakkoo hin qabu. Gaaf tokko namni tokko ummata wajjiin karaa deemu afaan dhufee nama fuula bareedaa qabu tokkotti dubbate.

Eeganaa nama saniin adda yaa’anii namni sun lafa dhahe. Akkasitti qabanii Nabii Rabbitti ﷺ geessanii nama tokkotu nu afaan dhufee akkana je’e jennaan dafaa nama san dhaqqabaa je’ee nama san fidanii itti tufsiisan. Kanaaf jecha kanarraa daliila fudhatanii, gorora nama shakkan sanii kophatti jechuunii waan qaanfataniif, dhalaa ta’us dhiira ta’us waliimaa tana keessatti yaamanii waan inni itti dhuge san akka itti fayyadamaniif akkas godhanii hukmii shariaa keessatti humaa hin qabu.


Dr. Liwaa’ulislaam
1.5K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 07:03
ओपन / कमेंट
2021-06-22 07:06:00 33: Qur’aana qubee Afaan Oromootiin katabuun ni dandayamaa?

Gaafii: Qur’aana nin jaaladhaa garuu Qur’aanni kun hedduu na dhiba, tanaaf jechaa Afaan Oromootiin yoon barreeffadhe maal rakkina qaba?
 
Deebisaa: Kalaama Rabbii harfii inni ittiin dhufeen alatti jijjiiruun haraami. Warri wamaa hin qabu je’ullee ni jiraa garuu san daliila isaanii isaanumatu beeka. Sahaabootni guyyaa tokkollee Qur’aana kana osoo Aliif Baa je’anii hin qara’in suuratul Baqaraa irraa eegalanii aayata tokko tokkoon waan danda’aniin barachaa turan. Kanaafuu, qubetti jijjiiruun waan ma’naa harfii Qur’aanaa jijjiirtuuf jecha, irraa fagaadhu.

Dr. Liwaa’ulislaam
731 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:06
ओपन / कमेंट
2021-06-22 07:05:54 32: Haadhaafi abbaa kiyyarra eenyuun irra gargaaruu qaba?

Gaafii: An haadhaafi abbaa qaba. Haadhaa abbaan koo waldhabanii addaan yaa’aanii isiinillee heerumtee innillee fuudhe. Bakkuma jiranitti isaan lamaan irraa eenyuun gargaara?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, akkuma Nabiin keenya ﷺ nu barsiisetti tajaajilli haadhaafi abbaa waldhaba. Harka sadii haadha, harki tokko abbaadha. Kanaaf jecha jara lachuutuu waan dandandeessuun tajaajili. Ka isiidhaa ammoo irra guddisi.

Yoo ammoo abbaan kee irra dhibamaa ta’ee haatee jiruu gaarii keessa jiraattee rakkinna hin qabaanne, abbaa kee quba qabaadhu. Haateetillee waan dandeessuun tajaajili.

Dr. Liwaa’ulislaam
779 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:05
ओपन / कमेंट
2021-06-20 23:46:13 31: Qabeenyi namaa yoo na bira jiraatee abbaa dhabe akkam godhuu qaba?

Gaafii: Geeleen tiyya takka huccuu amaanaa na biratti dhiiftee eega dhabamtee amata tokkoofi wayii maal godhuutu narra jira?

Deebisaa: Amaanaan waan Rabbiin jabeesse keessaa takka. Rabbiin, amaanaa dachiifi samitti kennee dachiifi samiin didanii ilmi namaa baadhate.

Amaanaan xiqqoo guddoo hin qabduu garuu, waan akka huccuu takkaahuu waan rakkinna nama san irra hin fidne, ka sirrattillee wamaa hin fidne, baatii jahaa hanga amata tokkoo eeguun dirqama. Yoo wanni sun ammoo waan wamaa keessa hin jirre huccuu xixiqqoo dullattii taate, baatii jaha eeydee yoo dhabde bakka khayrii geessitee isiidhaaf sadaqachuu ni dandeessa.

Yoo Rabbiin wal isin garsiise ammoo “waan san si eegee dhabeetiin siif sadaqadhee yoo jaalatte jaalattee yookiin ammoo siifin kafala” jechuu qabda.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.8K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:46
ओपन / कमेंट