Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.06K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 28

2021-02-04 14:41:59 526: Gaafa xiqqoodhaa haadha tiyyarraa mallaqa hataa maal godhuu qaba?

Gaaffii: Gaafa xiqqoodhaa haadha tiyyarraa mallaqa hataa maal godhuu qaba?

Deebisaa: Ummaa tanteetiin dhiifama naa godhi jedhiin. Naaf irra dabri jedhiin. Yoo ka hin jiraatin taate, araarama kadhadhuufii waa sadaqadhuuf inshaallah.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
1.6K views11:41
ओपन / कमेंट
2021-01-24 07:31:16 525: Maallaqa karaa abbaan maallaqaa hin beeyneen deebisuufiin ni taatii?

Gaaffii: Nama tokko ka mallaqni isaa osoo hin beeyne na seena karaa inni hin beeyneen kunnuufii ni danda’aa moo masjiida geessa?

Deebisaa: Ee ni dandeessa. masjiida hin geessiinii eega abbaa ka beeytu taate yaa aboo horii kanatu akkanatti na waliin deemee hoo jedhii ufirraa kenniif. Yoo ka sodaattu taate karaa inni hin beeyne saniin kenniif.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
5.8K views04:31
ओपन / कमेंट
2021-01-24 07:31:08 524: Nikaha malee daa’imummaan dubra heerumte toowbaan isii maali?

Gaaffii: Nama tokkotu nikahaan malee na fuudhee, anaa diqqoodhaa haati tiyya duutee warra keennatu anaa diqoodhaa na kennee, eega guddadhe booda namtichaan wal jaalanne; ati amma haadha hin qabduu ta si gurgurtu akkanumatti fudhadhee manatti siin gala jedhe eega anillee jaaladhe fuudhee manatti naan galatee jette, na fuudhee. Toowban keenna maali?

Deebisaa: Si hin fuunee zinaa sitti godhe, zinaan wajji galtan, zinaan wajji jiraattan. Yoo ka sirraa hore taate karaa zinaatiin waliin hortan. Maqaa bareedaa shariyaa san hin kenninaafii. Na fuudhe hin jedhinii zinaa natti godhe jedhi. Maaliif jennaan Maqaa shariyaadha kennaniif shariyaan islaama fuudha jedhan, heeruma jedhan. Maqaa bareeda islaamni kenneef. Ammoo ka zinaa zina fuudhaa miti. Kanaafuu Rabbiin Qur’aana keessatti maal jedha zinatti hin dhihaatinaa maaliif jennaan inni haalaan waan hamaadha ta’e. Kanaafuu maqaa fokkataaf maqaa bareedaa hin kenninaafii. Toowbaan keessan baatii takka addaan fagaattanii bakka bakka jiraattanii. Baatii takkaan booda akka haarawatti warra keessan irraa si kadhatee haarawatti warri keessan nikaha si godhee si fuudhuu qabaa. Sana booda araarama kadhadhaa Rabbii keessan. Toowbaan sharxii sadi qabdi. Takka waan duraan dalagaa turtan sani irraa buqqa’uu, lamaffaa sheenawuu dalagaa teessan ta zinaa sanirraa, murteeffatuu akka itti hin deebine. Rabbiin isinii araarama inshallah. Ammarraa yoo dhaamsi kiyya kun isin dhaqqabe namticha sani wajji jiraachuu hin qabdanii addaan bahaa. Ka san irra daranii gaafa dhiirsi kiyya fudhate manatti naan gale warri isaa hoolaa qalanii kallacha na dibanii jetti Sun shirkiidha . Toowbaa barbaachisa gama Rabbii deebi’aa. Ilmoon yoo dhalattellee ilmoon sun ilmoo zinaati yoo nikaahni hin jiraatin. Wonni isinirraa argamte hundi baaxila jechu.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
4.7K views04:31
ओपन / कमेंट
2021-01-24 07:30:57 523: Qissaa ambiyootaa laaluun ni danda’amaa?

Gaaffii: Qissaa ambiyootaa laaluun ni danda’amaa?

Deebisaa: Ee laaluun ni danda’ama humaa hin qabu. Qissaa ambiyootaa yoo laalteef yoo qaraate takkuma garaagarummaa hin qabu. Garuu wanni beekuu qabdu ka amma televizyiina irratti muldhisanii dabarsan kunniin fakki malee ambiyootaa miti. Rasuulaaf kulafaa’u raashidoota fakkii hin godhanii ni gurraachessan kabajaa isaaniitiif jecha. Ammoo sahabaa kaaniif ummata kaafiraa ka isaan wal lolaniiniin fakkii godhan kana laaluun ni danda’ama humaa hin qabu. Garuu kun fakiidha malee dhugaadhan nama isaan fakii godhan sani jettee hin amanin.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
3.7K views04:30
ओपन / कमेंट
2021-01-24 07:30:50 522: Hijaaba gubbaan haqachuun (quyyifachuun) ni danda’amaa?

Gaaffii: Yeroo wuda’atan osoo hijaaba mataa irraa qabu mataa gubbaa tuqachuun (haqatuun) ni danda’amaa?

Deebisaa: Ee ni danda’ama. Mataa akkaataa saditti haqachuun ni danda’ama. Mataa haquun dirqama irraahi. Waan jedhu Rabbiin SW yaa warra Rabbitti amane hoo; wayta salaatuu barbaaddan wodda’adhaa, fuula keessan dhiqaa; fuula wayta jedhan fuula guutuu dhiquu qabda, harkallee haga ciqiletti dhiqaa jedha Rabbiin SW , akkasuma mataa keessanillee rifeensa haqaa jedha. Haquu kana ulamaa’iin irratti wal kilaafan, imaamu shaafi’iin wanni jedhe mataa kankee irraa rifeensuma tokko yoo bishaan dhaqqabsiifte haqxee jirtaa jedha. Kilaafa dheeraa ulamaa’ii san keessa hin seeninii, mataa kankee gara fuula duraa kana haquu dandeessa takka, akka sunnaa Rasuulaa ﷺ hadiisni hedduun itti dhufu mataa guutuu haquudha rifeensa mataa kankee cufa jiidha harka kankeetii dhaqabsiisuun barbaachisaadha. Yoo mataa guftaan irra jiraate yookaan fooxaan wayii irra jiraate yoo dhiirtillee si wajjiin jiraatan ka ati mataa kankee rifeensaa bishaan waliin gahuu hin dandeenne gara fuula duraa kana tuqsiisteetiin guftaa san gubbaadhaan gad geessita jechudha. Akkasuma ammallee ka rifeensa tokkollee hin tuqsiisne guftaa gubbaan haquunilleen ni danda’ama.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
3.4K views04:30
ओपन / कमेंट
2021-01-24 07:30:39 521: Istinjaan duratti harka dhiqachuun barbaachisaadhaa?

Gaaffii: Wayta mana sagaraa seenaan istinjaa osoo hin godhiniin duratti harka dhiqatuun barbaachisaadhaa? Namatuu osoo istinjaa hin gooneen duratti harka dhiqatuun barbaachisa naan jedhee akkasitti namaan wal moromnee harka dhiqatuun osoo istinjaa hin gooneen duratti barbaachisaa hadiisa irra jiraa?

Deebisaa: Yoo namni tokko yoo ka janaabaa qabu taate, booda yoo ka dhiqatuu barbaadan taate osoo istinjaa hin gooneen duratti harka dhiqatuu qaban. Sunillee sunnaadha dirqamaa miti garuu sunnaa rasuulaati ﷺ. rasuulatu ﷺ akkas dalage. Namni gariin sunnaa barabaaduuf akka rasuulli ﷺ dalage dalaguuf akkasi dalaga namani gariin. Ammoo ka dirqamaa istinjama gootee achi booda wodda’attee dhiqattaa jechu. Garuu wayta nagayaa osoo istinjaa hin godhiniin duratti harka dhiqachuun barbaachisaa miti. Istinjaa gootee yoo ka harka kankee irratti ka waa hafanii sodaattu taate saamunaa dibattee harka ufirraa dhiqxaa kana malee wanni dirqamaa ka bairaa wanni sirra jiru hin jiru jecha.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
3.6K views04:30
ओपन / कमेंट
2021-01-11 13:04:34 520: Qiblaafi azaanni shii’aa keennaan akkuma tokkoo?

Gaaffii: Ganda shi’aa dalagaa warra shi’aa sani azaana isaaniitiif qiblaa isaaniillee ni shakkee maal ta’uu qabaa?

Deebisaa: Jarri qiblaa nurraa addaa qabdii hin beeku. Irra hedduun isaanii garuma qiblaa islaamaa garagalanii salaatan natti fakkaata. Ammoo azaanni keenyaaf ka isaanii bakka itti waldhabdutu jiraa bakki itti walitti galtullee ni jira. Yeroon itti azaanamullee garaagarummaa qabaatuutu mala jechu. Maaliif jennaan shi’aan tun garaagarummaa hedduu qabdi isnaa’a ashariyaatu jiraa, imaamiyaatu jiraa, zeeydiyyaadhatu jiraa, bohorattu jiraa, useeriyaatu jiraa maqaa adda addaa kana qabdi, maqaa hedduu isiin qabdu san keessaa ka ati isaan waliin dalagdu kun warra kami ani beekuu hin danda’u. Kanaafuu yeroo itti azaanan nama biyya ati jirtu sani jiru gaafadhu. Qiblaallee nama biyya ati jirtu san jiru ka shi’aa hin ta’in gaafadhu. Google seentee telefoona smartphone gaafachuu dandeetta. Azaana irratti shii’aan garaagarummaa ni qabna. Nuti woyta azaana baafnu

“Allaahu akhbar allaahu akhbar

Allaahu akhbar allaahu akhbar

Ashhadu allaa ilaaha illallaah

Ashhadu allaa ilaaha illallaah

Ashhadu anna muhammadan rasuulullaah

Ashhadu anna muhammadan rasuulullaah

Hayya alassalaah hayya alassalaah

Hayya alalfalaah hayya alalfalaah

Allaahu akhbar allaahu akhbar

Laa ilaa ha illallaah”

Isaan wayta azaanan

Allahu akbra allah akbar, Allahu akbra allah akbar

ashadu allaahu laa ilaaha illallaah ashadu allaahu laa ilaaha illallaah

ashadu anna muhammadu Rasuulallaah ashadu anna muhammadu Rasuulallaah

gariin isaanii Ashadu anna aliyyun waliyyullaahi jedhani wayta alasalaa silaa jedhanillee hayya alaa keeyrili amal jetti. Kanaafuu jechoonni azaanaa nu biraaf isaan biratti waldhabaa.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
6.9K views10:04
ओपन / कमेंट
2021-01-11 13:04:23 519: Islaama dhiisanii kaafira wojjiin jiraachuun danda’amaa?

Gaaffii: Namni lama ka islaamaatiif namni tokko ka kaafiraa yoo bakka tokko ka jiraatan taate; yoo namni islaamaa sun xiqqasho nama wallaalaa ta’e yookaa gama aqliitii nama dadhabaa yoo ta’e; namni islaamaa ka lammaffaa suni isa islaamaa kana ufirraa dhiisee ka kaafiraa sani wajjiin jiraachuu ni danda’aa?

Deebisaa: Hin danda’amu. namni islaamaa tokko nama islaamaa dhiisee nama kaafiraa godhachuun hin barbaachisu haraama. Inumaa waan diinaa islaamaa madeessattu keessa jirti jechu. Nama islaamaa tokkoof halaalaa miti obboleessa islaamaa tokkoon ooduun guyyaaa sadii oli. Namni islaamaa tokko nama kaafiraa jaalallee godhatee maxxanfatee namicha islaamaa sani jibbansa muldhisuufiin haraama. Inumaa waan diinaa isaa madeessee diinaa isaa keessaa baasuu malu fa’a. Kanaafuu hammaatullee ka islaamaa san maxxanfadhu isa jaaladhu isa san wajjiin jiraadhu. Wanni Rabbiin jedhu yaa warra Rabbitti amanee hoo yahuudaaf nasaaraa(kiristoo) jaalallee hin godhatinaa jedha. Maaliif jennaan gariin isaanii gariidhaaf jaalalleedhaa. Namni isaan maxxanfatee jaalallee godhatee isaan jaalatee isaan wajjiin islaama jibbe isaan irraa tokkoo. Diinaa isaanii fudhataa jechu. Rabbiin SW zaalimtoota hin qajeelchu. Kanaafuu hammaatullee kama islaamaa kanatu kankeetii, wallaalaa ta’ullee kama islaamaa kanatu kankeetii kama islaamaa sana maxxanfadhu ka kaafiraa irraa fagaadhu.

Sheikh Abdurahman Shariif
5.5K views10:04
ओपन / कमेंट
2021-01-11 13:02:33 518: Yeroo lamaa irraanfatanii allaahu akhbar yoo jedhan salaata keessa maal godhuu qabu?

Gaaffii: Namni tokko ka kophaa salaatu yoo irraanfatee sujuuda irraatti marroo lama allahu akbar jedhe marroo duraa allaahu akbar jedhee ammallee irra deebi’ee allaahu akbar jedhe. Takkaa namni imaamaa tokko yoo inni irraanfatee irra deebi’ee Allaahu akbar jedhe maaltu isarratti jira?

Deebisaa: Wayta sujuudu akkasuma ammallee wayta sujuudarraa yookaan ruku’arraa ol ka’u yoo irraanfatee Allahu akbar jedhe marroo lama iirra deebi’ee dogongora salaata keessatti argame. Garuu salaanni saniin hin badu sujuudussaawhiitu isarratti dirqama ta’a jechu. Maaliif jennaan salaata keessatti ziyaadaa Allaahu akbar marroo lama dhufeen jechu. Waan takbiirtaa marroo lama irra deddeebi’eef jecha. Nama kophaa jiru haa ta’uu takkaahuu nama imaamaa haa ta’uu yoo inni irraanfatee marroo lama irra deebi’e takkaahuu ruknii tokko marroo lama irra deebi’e salaata isaa wayta geesse sujuudusaawhii waan jedhaniin saniin gadi dhufaa jechu wayta salaata isaa irraa bahuuf deemu. Gabaabbinnatti namni salaata keessatti waa ida’e takkaa waa hiri’ise sujuudusaawhii dhufuu qaba.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif
4.6K views10:02
ओपन / कमेंट
2021-01-11 13:00:39 517: Osoo heeydii qabuu sijaadaa irra taa’uu danda’aa?

Gaaffii
: intalti dhalaa takka yeroo heeydiin itti dhufte huccuu ifirraa qabdu kanatti fayyadamtee yoo xahaarattee huccuu saniin salaatte takkaayuu hanga heeydii qabdu sijaadaa irra yoo teesse rakkina qabaa ?

Deebisaa: dhalaan yeroo ammaa waan isii tajaajilu ta adda addaa qabdi , haffaazaa qabdi waan isii tiysu san godhattee huccuu uffattee huccuu tana dhiigni yoo tuquu baate waa takkallee rakkoo hin qabu , xahaarattee huccuu saniin salaatuu dandeessa , si’ii heeydii qabdu sijaadaa irrallee taa’uu dandeessa .

Dr. Liwaa’ul Isalam
4.3K views10:00
ओपन / कमेंट