Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.13K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 25

2021-05-20 00:36:27 13: Kijibaan Qur’aana Qabatanii
Kakatuun akkami?


Gaafii: Gaaf tokko nutiin kun osoma hojjannuu ijoollee hojjattootaa biyya alaa irraa dhuftee biyya arabaa keessa dalagdu takka irratti salaammanna jennee ganda tokko dhaqne. Garuu jarri sun nudura rafe. Ammo jarri kun dhalaadha. Hulaa tuttumnee ani gurbaa dhiisee biraa deemee, gurbaa kana warroonni inni hulaa irratti dhahe kun silkii dhahanii akka waan poolisatti himanii gurbaan kun qabamee, Akkasitti na barbaadanii dhaqee kijibaan quraana dhahannee harkaa baane. Ganda san dhaquun keenya sun dhuga, garuu badiin maaltu nurra jira?

Deebisaa: ”Dr.Liwaa’ulislaam”]Akka natti fakkaatutti obboleessi keenya ka gaafata jiru quraana qabatanii kakachuu san gaafataa jira malee dhalaa ajNabii sani dhaqnee zihaaruun sun akkamii hin jenne.

Rabbiin akki jedhuu zinatti hin dhihaatinaa jedhe malee. Zinaa hin
godhinaa hin jenne. Ittumaahuu hin dhihaatinaa jechuun maal jechu?

Waan zinatti isin geessu hin dalagina jechu. Wanni zinatti nama geessu maali? Kunoo akkanatti wal zihaaruun, walitti dhaquun, wajji nyaachuun, wajji dhuguun, wajji lulluuqachuun, dhiiraaf dhalaan wali keessa taa’uun wohuma fedheenuu haa ta’uu hulaa zinaadhaa ufitti banuudha. Kanaaf jecha isinillee lafaa kaatanii ajNabiyaa bira dhaquun keessan Rabbitu isin sattare malee halkan sani badiin isinuma irratti arkamti ture. Allahu a’alam. Garuu Rabbii nagayaan isin galchee isin baase ta duraatii Alhamdullilaah jedha galata galchaafii. Tan lammeessaa kijiburrattis badiin isin irra jirtii towbadha, towbaa Rabbii keessanitti garagalaa.

Ammo gara fuudhaatti jarjaruun isin irra haa jiraatu bikka akkanaa irraa akka faagaattan dhaamsa isiniif dabarsa.

Dr. Liwaa’ul Islaam
1.6K views21:36
ओपन / कमेंट
2021-05-14 03:27:21
Sooma Shawwaal boruma irraa jalqabuun filatamaadha.

Abuu Ayyuub Al Ansaarii (RA) irraa akka odeeyfametti : Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana jedhan: "Namni Ramadaana soomee eegasii Shawwaal irraa guyyaa ja'a itti aansee (soome) akka waan waggaa guutuu soomeeti. Muslimtu gabaase.
عن أبي أيوب الأنصاري رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال: "من صام رمضان ثم أتبعه ستاً من شوال فكأنما صام الدهر كله" رواه مسلم.
Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
187 views00:27
ओपन / कमेंट
2021-05-13 01:16:58 Adaba guyyaa iidaa keessaa Muraasni

1.Sadaqaa Fixrii utuu gara dirree Iidaatti hin bahin baasuu.
“Rasuulli (Sallallaahu Alayhi wasallam) Utuu gara iidaa hin bahin dura Sadaqaa fixrii baasuutti ajajan.” Sahiih Bukharii

2. Gara dirree salaata Iida Yeroo deemuudhaaf ka'an dhiqachuu.
3.Uffata qabnu keessaa kan irra bareedaa uffachuu (Dhiiraaf qofa).
4.Yeroo gara Iidaa ba'uuf kaanu timira nyaachuu. Kunis gaafa nyaatamu witrii (habbaa 1,3,5…) godhanii nyaachuutu jaallatama.
5-Yoo Iida Al-Adhaa ta'e immoo yeroo gara dirree Iidaa ba'an nyaachuu dhiisanii yeroo deebi'an yoo udhiyyaa qabaatan isaan faxaruun sunnaadha.

6.Guyyaa kana keessa Sadaqaa baayyisuun jaallatamaadha.
7.Karaa Yeroo Iidaaf bahan irra deeman dhiisanii kan biraatiin deebi'uu
8.Gara Iidaatti yaabbii malee miillaan deemuu.
9.Dubartoonni babbareeffachuu fi Urgeeffachuun maleetti gara dirree iidaa bahuu.
-Dubartoonni Haydii irra jiranis bahuun isaanii barbaachisaadha akka da'awaa muslimtootaa waliin dhaggeffataniif.

10. Guyyaa Iida lamaanii Takbiiraa godhuu.

11.Yeroo nama Muslimaatiin wal qqunnaman TaqabalallaahuMinnaa Waminkum (تقبل الله منا ومنك)Waliin jechuudhaan wal Gammachuisuu.

12.Yoo Iida Adhaa ta'e Udhiyyaa qaluu.

13.Namni Udhiyyaa godhuuf niyyate Eega ji'a Zulhijjaa galee kaasee hamma Udhiyyaa isaa gorra'utti Qeensaa fi Rifeensa isaa of irraa ciruu hin qabu

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
2.4K views22:16
ओपन / कमेंट
2021-05-11 00:35:50
#Gaafilee zakaa fixriin wal qabatan.

Gaafi gadii Tuqaa deebi argachuuf.

17: Zakaatal Fixrii mallaqa(Qarshii) baasuun danda’amaa?

18: Zakaatal Fixrii Nama mallaqa qaburraa baasuun danda’amaa?

139: Fixrii namni namarraa baasuun ni tahaa?

195: Nama guyyaa tokko soomaa guyyaa biroo balleessu Zakaatal Fixirii irraa baasuun ni tahaa?

223: Zakaa fixriidhaa geelee tiyyaa kennuu ni danda’aa, takkaahuu irraa baasuu ni danda’aa?

256: Namni Zakaatul Fixrii hin baasin soomanni isaa akkami?

306: Zakaatal Fixrii namni biraa namarraa baasuun taatii

322: Zakaatal fixrii waggaa hedduuf osoo hin basin, booda irratti yoo baasan akkam?
1.6K viewsedited  21:35
ओपन / कमेंट
2021-05-03 05:15:28
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.

Gaafi gadii Tuqaa deebi argachuuf

#171: Taraawiha jiddutti haasayuun ni dhoorkamaa?

267: harka kiyya waa namuran sooma keessa akkamin ta’a?

269: Dubartiin Surree uffattee Soomuun akkami?

270: Bishaaniin qaama qabbaneefachuun Sooma diigaa?

202: Guyyaa Ramadaana Haadha warraa osoo hin tuqiin waliin rafuun akkami?

402: Abbaa ofii hamachuun maal qaba?
530 views02:15
ओपन / कमेंट
2021-04-24 18:34:46
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.

Gaafi gadii Tuqaa deebi argachuuf

#171: Taraawiha jiddutti haasayuun ni dhoorkamaa?

267: harka kiyya waa namuran sooma keessa akkamin ta’a?

269: Dubartiin Surree uffattee Soomuun akkami?

270: Bishaaniin qaama qabbaneefachuun Sooma diigaa?

202: Guyyaa Ramadaana Haadha warraa osoo hin tuqiin waliin rafuun akkami?

402: Abbaa ofii hamachuun maal qaba?
1.1K views15:34
ओपन / कमेंट
2021-04-15 18:30:22
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.

Gaafi gadii Tuqaa deebi argachuuf

#171: Taraawiha jiddutti haasayuun ni dhoorkamaa?

267: harka kiyya waa namuran sooma keessa akkamin ta’a?

269: Dubartiin Surree uffattee Soomuun akkami?

270: Bishaaniin qaama qabbaneefachuun Sooma diigaa?

202: Guyyaa Ramadaana Haadha warraa osoo hin tuqiin waliin rafuun akkami?

402: Abbaa ofii hamachuun maal qaba?
4.0K viewsedited  15:30
ओपन / कमेंट
2021-04-12 12:37:49 12: Dhalaa Dhungachuun soomana balleessaa?

Gaafii: Biyyarraa turee biyya dhaqe. Intalti takka muslimas haa taatuu, kiristaanas haa taatuu ajnabidhaa. Waan addaan turree walitti dhufneef akkuma aadaa biyya keenyaatti, natti fiigdee natti maramtee, dhungoo narra harkifte. Hogguu san Soomanan qabaa ture, soomanni kiyya sun bade moo hin badne?
 
Deebisaa: Yaa gabiricha Rabbii ajNabii hogguu jennuu waa yahuudaaf nasaaraa jechuu miti. Intalli adeera keetillee, ta adaadaalleen, ta haboolleen ajNabi.

Mallaa dhungachuun, harka fuudhuun dhoorka sirratti. Garuu waan fedhinnaan si keessa hin jirreen, hatantamaan wanni kun waan si mudatteef Rabbuma kee kadhadhu wamaa  sirratti hin jiruu.

Garuu itti hin deebi’in. Namoota sanninillee barsiisuu qabda. Soomanni kee sirraa hin tuqamne In shaa ALLAAH.

Yoo ammo ka dhungoo tana keessatti waa ka sirraa bahu taate wanni akka maniyyii sababa dhungachuudhaatiin soomanni kee bade.

Yeroo sanitti yoo itti irkattee ykn waliin teettee waliin haasoftee bishaan qaldhaan mazhii jedhamu sirraa dhufe taate sun wudu’a ni balleessaa bikka si tuqellee ofirraa dhiqi.
 
Dr. Liwaa’ul Islaam
6.5K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 09:37
ओपन / कमेंट
2021-04-11 04:16:10 11: Saahiba Kiristaanaa wajji ayyaana isaanii kabajuu

Gaafii: Ani hiriyaa intalaa qaba; intalti tun kiristaana; wajji nyaanna wajji dhugna, akka gaaritti wal jaalanna. Gaafa ayyaana isaaniillee nin kabajaafii, waan kana maaltu narra jira?
 
Deebisaa: Yaa jara keenya nuti akka muslimaatti; isilaamummaan tun haqa ilma namaa akkamitti laaltii haa barannuu. Yaahuudaas, nasaarasi, waaqeffatasi haala jiruu keessatti wajjiin daldalachuu, waan Rabbiin haaram hin godhin wajji nyaachuu, wajji dhuguu, ollummaatti nagaya walgaafachuun wama takkallee hin qabu. Wanni Rabbiin nu dhoorku namoota Aduwwii Rabbii ta’e yoo du’e dhiqnee reeffa isaa qabrii geessuun nurratti dhoorkadha. Ammo fayyaa yoo dhabe dhaqanii gaafachuun wama takkallee hin qabu.  Wajji nyaannee wajji dhuguunillee wamaa hin qabu. Wajji daldalachuunillee wamaa hin qabu waan kana keessatti ammo wanni Rabbiin jibbu akka kirismasaa haa ta’uu, guyyaa isaan waan Rabbiin jibbu kabajan isaaniin wajjiin kabajuun, farshoo wajji dhuguun, bataskaana wajji dhaquun ilmaan muslimaaa cufa irrattuu haarami calla. Wanni saniin achii takkallee rakkina hin qabu.
 
  Dr. Liwaa’ul Islaam
6.6K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 01:16
ओपन / कमेंट
2021-04-11 04:15:58  10: Wayta Roobaa Salaata Walitti Qabanii Salaatuu.

Gaafii: Sababaa Roobaatiif jecha gandi nu keessa jirru kun salaata lama walitti qabnee salaanna, hukmii Shari’aa keessa ni jiraa?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbi, salaatni guutuun; ta duraatii bifa lama qaba. Bifti takka takkaahuu walitti qabuun, takkaahuu gabaabsuun yoon imaltuu deemte. Salaata gabaabsuun kan akka zuhurii, Asrii, ka akka ishaa’ii lama lamatti deebisuun hukmii Shari’aati. Zuhriif Asrii walirra fiddee raka’a lama lamaan salaatuun, jiddutti attayyaata teessee salaammattee ka afuri walitti hin idaane hukmii Shari’aati. Akkuma san salaatni, inumaa gariin ulomaa’ii wanti jedhan, bubbeen hamtuun tan akka Ameerikaa keessa jirtuu ta fooqii gaggaragalchitu, hamtuun akkanaa yoo jiraatte masjiida yoo dhaquu hin dandeenye manatti salaatuun wamaa hin qabu jedhan. Akkuma sani Roobni hogguu jirus salaata walitti qabanii Magriibaaf Ishaahii salaatuun sunnama Nabii keenyaati SAW. Wama takkallee Rakkoon sirratti hin jiru. Ammoo, akkanumatti hurriif Rooba xixiqqaa sababa godhattee, keessahu warren gartee sababaa lulluuqaatatiin jecha masigiidarraa hafuuf uzrii godhatu kun dogongora. Salaanni akkuma namni hoggaa tokko kampaanii dhaqee hojjatutti salaataaf masjiida dhaquu qaba yoo dhalaa taate malee.
 
Dr. Liwaa’ul Islaam
5.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 01:15
ओपन / कमेंट