Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.13K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 24

2021-06-01 06:48:31 22: Hikmaan Azaanaa Maali?

Gaafii: Azaana keessatti maali hikmaan jiru, sirriin agartee namni yeroo Azaanu qiiblatti garagaluu qabuuf yeroo hayyaalalsalaatiif yeroo hayya alalfalaah mirgaaf bitatti garagaluun isaa hikmaan maali naaf hin gallee? Gaafiin biro ammo akkasuma yeroo hayyaa alal salaah tiif yeroo hayya alalfalaah maaliif jijjiirree laa hawla wal quwwata illaa billaah jennaa?
 
Deebisaa: Gaafiin duraa, wanni qiiblatti garagaluun barbaachiseef, awwalan amrii Rasuula Rabbiiti ﷺ ka qiiblatti garagaluun azaanamuun irra caalaadha jedhame.

Ulamaa garii biratti qiblaatti garagaluun waajibaa mitii, namni tokko yoo qiibla maleellee Azaane rakkoon hin jiru jechatu jira.
Garuu qiiblaa malee salaatuun hin tahu.

Akkuma Rabbiin Aayata Qur’aanatti dubbatetti salaata keessatti sun waajiba. Garuu azaana keessatti qiiblatti garagaluufii garagaluu dhabuun sun waajibaa miti.

Hudu’a qabaachuuf qabaachuu dhabuun waajibaa miti. Suni ammo wannni gara bitaatiifii gara mirgaatti jedhaniif akka azaanni sowtiin/sagaleen bakka muslimni qubatu hundahuu akka dhaqabuuf hikmaa saniif sahaaba ufii akkasitti Rasuulli Rabbii barsiisee jechutu daliila.

Gaafii lammaffaa keessatti ammo maaliif yeroo Mu’azzinni Allahu akubar jedhu walumaan jedhaa dhufnee hayyaalalsalaatiif  hayya alalfalah irratti maaf laa hawla wal quwwata illaa billaah jennaa.

Gadi uf qabiinsa ilmi muslimaa inni Rabbiif qabuuf diiniif qabu. Hayya alalsalaaf hayya alalfalaah dura maanan isii maal jechutti nu geeessa. kanaafuu gartee koottaa gara milkii Rabbiitiif gara waan itti milkooftanii salaataafi ibaadaa Rabbitti milkooftanitti koottaa yoo Mu’azzinni siin jedhu dhufiinsa sani irratti, yaa Rabbi mala dhufnuun hin qabnu akkasuma dandeettii mataa keenyaan of kaafnee ufiin dhufnu yoo ati irratti nu gargaarte malee yaa Rabbi jechaadhaan kadhaa Rabbii ufii kdhachuufii wannni nuti wajjannu martinuu mala keetiifii dandeettii keetiin yaa Rabbi jechutti human kana Rabbitti deebisuu, namni hundinuu waan Rabbi isaa goosise maraahuu anatu godhee bar anatu akkas ta’ee bar jechaan adabaa mitii jedhan.

Rabbumatu gartanii na goosise Rabbumatuu waan akkanaa godhe jettee dura dandeettii tanaaf collummaa tana Rabbitti deebisutu irra adabaa jedhan, Rabbiif gabricha jiddutti tanatu jiraachuu qaba. Adaba kanarraa ka kaateef hayya alalsalaa hayya alalfalaa yoo jedhan laa hawla wal quwwata illaa billaah malaaf dandeettillee hin qabnu yaa Rabbi waan ati nuu gooteef nuu laaffifte malee jechu, kanatu itti fedhamee jechu.
 
Sheik Alii Jimmaa
697 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, edited  03:48
ओपन / कमेंट
2021-06-01 06:48:23 21: Taraawiiha Raka’aa Meeqa Salaatan? 8, 11, 23?

Gaafiin akkanaa tun yeroo hedduu bakka heddutti deddeebitee jirti, bakka takkatti salaatuufii walitti qabanii salaatuu jidduu jechuudha, tartiiba isiin qabdutu jira, raka’aa lama lamaan salaatamuudha sunnaan isiidhaa.

Caalaan isii ammo Rasuulli Rabbii raka’aa kudha tokko waan salaataniif jecha raka’aa saddeeti lama lamaan salaatanii ka kurnaffaallee witrii lamaan salaatanii tokkoon cufuunis ni jirtii.

Sadan boodaa walitti qabanii salaatuunis ni jirtii. Akki cuftinuu numa jiraa kanaafuu, raka’aa saddeetii witrii sanaan wajjiin walitti  raka’aa sadiin walitti kudha tokkoo salaatuu santu irra jaallatamaadhaa.

Namni ammallee digdamii sadi salaanna jedhes inshaallah sunnaadhuma salaatul leeyliitii yoo irratti dawwaman Rabbi keeyrii ni godhaaf inshaallah ammo caalaan ka raka’aa kudha tokkoo sanii jechuudha.
 
Sheik Alii Jimmaa
585 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:48
ओपन / कमेंट
2021-06-01 06:48:15 20: Hukmiin Taraawihaa maali?

Gaafii: Hukmiin Taraawihaa kun maal inni? salaataa takka yoo dhiisanis maal qabaa? Yoo ammo dubartiin dhuftee dhiirri dhufee salaatan waajiba moo inni kun maalii?

Deebisaa: Waajibummaa hin qabu taraawiin garuu caalinna guddaa qabaa jamaan dhaabbachuun keeyrii gurguddatu keessa jira jechuudha malee, yoo akka biyya gariititti dhiiraa dubartiin walitti dhufanii Taraawiiha dhaqna jedhanii maasiyaa adda addaa ka dalagamu taate, ka namuu Taraawiihaa yaana jedhanii ijoolleen dubraa bikka hedduutti walitti dhufanii waan Rabbi hin jaalanne  maalaayaani adda addaa oofan taate haraama taatiyyu jechuudha salaata saniif bahuun.

Salaanni salaata sunnaatii namni mana ufiitti salaatuu ni danda’aa, garuu yoo akka amma bikka hedduuti barnaamijjini isaa qajeelee dhiirris akka gaaritti walitti dhufee adabaan dubartiinis walitti dhuftee ka rakkoo tookko hin argamne namuu maatii isaa makiinaa isaatiin fudhatee salaatee fudhatee ka deebi’u yoo taate, ka keeyriin keessatti  ka argamuu yoo taate faayidaa guddaa qabaa.  

Keeyrii gurguddaa saammachuun yoo gorsi keessa jiraatee fa’a, namni Rabbi sodaatu ka namaan salaatu ta’ee, Qur’aana kanallee xiinxallaa isaatiifii gorsa achitti kennamullee fudhachuun faayidaa qabaatu taate dhaqanii salaatuun akkaan jaallatamaadha, laakiin waajibummaa hin qabuu jedha Shari’aan.

Sheik Alii Jimmaa
730 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:48
ओपन / कमेंट
2021-05-27 11:54:16 19: Imaamatti hidhatanii yoo salaatan Faatihaa Qara’uun dirqamaa?

Gaafii: Yoo nama tokko duubaan salaate yookaa imaamticha duubaan Faatihaa osoo hin qara’in, akkam salaanni kiyya ni tahaa? Yoo deebisee jiraadhe akkam? Yoo hin deebisin hoo ammaan deebisuu qaba moo akkam?

Deebisaa: Obboleessa kiyya salaanni akka lama, namni imaamatti hidhatee salaatu, yoo ka salaata halkanii ta’ee ka magriib fa’a ishaahi fa’a, subhi fa’a ka imaamni olfuudhee qara’u ta’ee ka imaama qaraatii isaa dhageettu taate ati qaraatiin sirraa dirqamaa miti wamaa sirra hin jirtu. Yoo ammoo salaanni kee salaata guyyaa ta’e ka ati imaamtichaan waliin salaatte, faatihaa qaraatu malee salaanni hin ta’uu jedha Shari’aan Rabbii guddaa. kanaafuu salaatattiin sun deebifamuudha qabdii jechuu kilaafni Ulamallee keessuma haa jiraatu, ammoo irra tolfachuuf, amaanaa gama Rabbii ofirraa buusuuf salaatattii deebisutu gaariidhaa.

Sheik Alii Jimmaa
 
1.5K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 08:54
ओपन / कमेंट
2021-05-27 11:54:08 18: Zakaatal Fixrii Nama mallaqa qaburraa baasuun danda’amaa?

Gaafii: Obboleessa kiyya ka maatii hedduu qabu tokkotu jira. Inni Humna mallaqaatis ni qaba. Mallaqa kee maatii keetiin gargaari Zakaa Fixrii anatu sirraa baasaa yoo jedheen tahaa? Inni ofirraa baasuun isarratti dirqama moo anis irraa baasuun naaf hayyamama?

Deebisaa: Zakaatalfixriin abbumatu ofirraa baafata yoo gartaanii nyaata guyyaa san nyaatee maatii isaa gaheefii waan zakaatulfixrii baasuu gahu qabaate jechu, isumatu ofirraa kafaluun jaalatama. Yoo ammoo akka amma niyyatte kana feete, xiqqoo waa qajeelchuu barbaachisa. Zakaatal fixirii isumatti baafachuu. Innilleen ka ufii haa baafatuu, ati ammoo kankeetiif aka maatii keetii isatti baafachuun gargaaruu jechu. Fakkeenyaaf inni yoo ka ufii uf jalaa baase, kankee ammoo sadaqaa isaa taatii jechudha rakkoo hin qabu. Haala kanaan yaala godhuun ni danda’ama, ni jaallatamaa jechu. Akka innillee ka ufii ofirraa baasu. Yoo ammoo keessa dubbii atuu gartee beeytee, wanni inni baasu sun ilmaan isaa bira dabrtee maatii isaa kanarraa hin haftuu yoo beeyte, kennuufiin jaalatamadha innummaan ufii isaatii haa baafatuu jechuudha.
 
Sheik Alii Jimmaa
1.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 08:54
ओपन / कमेंट
2021-05-27 11:54:02 17: Zakaatal Fixrii mallaqa(Qarshii) baasuun danda’amaa?

Gaafii: Zakaatal fixrii abbaa kiyyarraa baasuudhaaf natu sirraa baasaa Abshir jedhee abbaa kiyyarraa baase. Horiin baase kun maallaqa, qamadiif ruuza hin baafnee. Horii kana yoo baasullee Riyaluma kudhan baase. Akkam seerri kun?

Deebisaa: Ta duraa, Abbaa kee irraa baasuu ni dandeessa wakiila taatee irraa baasuu ni dadeessaa. Ammo akka kilaafni xiqqoon keessa jirutti, waldhabbiin gara ulamaa jechuu kiyya, midhaan baasutu irra caalaadhaa horii baasuun hin ta’uu jedhametu jira. Ka dabreef Rabbi irra nuuf haa dabruu jennaa, ta sii achiitiif akka midhaan malee horii hin baafnee ofirraahis abbaa keetirraahis jechu dha in shaa ALLAAH.
 
Sheik Alii Jimmaa
1.5K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 08:54
ओपन / कमेंट
2021-05-25 07:53:41
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.
783 viewsChannel Help, 04:53
ओपन / कमेंट
2021-05-25 06:40:58 16: Rabbiif jecha dhiisutu caala moo, haqa kiyya barbaadatutu caala?

Gaafii: Ummata tokko osoo bira dalagutti jiruu, haqqii tiyya na dhoorkatanii horii tiyya na dhoorkannnaan, horii tiyya tanaa Rabbiin guyyaa qiyaamaa walitti nu qabe isin  irraa fudhadha jedhee biraa deemee, eegasii hadiisa biro ka Rabbiif jecha irra namaaf dabruun keeyrii guddoo qabdi jedhu dhagaye. Amma hogguu Rabbiif jecha isaaniif irra dabru kana waa lamatu na dhibe. Tokkoffaa ajrii an haqqii tiyya Rabbi biratti isaan irraa fudhadhutu naaf caala moo, Awfii isaaniin jedhee ajrii Rabbi biraa argadhu santu naaf caalaa? Kanuma keessatti ammas yoon isaanumaafuu dhiisuu ka fedhu taate, dirqama isaanitti dhaqee isinii dhiise jedhee itti hima moo ofumaa tiyyaa Rabbiif jecha warra sanii dhiise jedhee ofuma biratti lubbuu tiyyatti hima?

Deebisaa: Tokkoffaa Rabbiif jecha waa dhiisuun ta haqqii tee irra caaltu arkatta Rabbiif jecha yoo waa dhiifte jechu. Sababiin ta ati silaa fudhattu hanguma dura addunyaa irratti haqqii tantee dhorkatan sani fudhatta yoo silaa haqqii tantee eeggattte. Yoo ammo Rabbiif jecha dhiiste, haqqii keellee argataa Rabbiif jecha dhiisuu kee saniif jecha Rabbi itti siif dabala. Sun sadarkaa guddoodha Rabbiif jecha waa dhiisuun kana akkasitti beeki. Ka lammataa ammo jaratti himuun dirqamaa miti. Isinii dhiisee jiraa abshiiraa jechuun isaan gammachiisuun dirqamaa miti. Ati ufumaa tanteetii, haqqi san Rabbuma biraa argadha jara humaa irraa hin fedhuu jechaa kankee Rabbi dhagayutti jiraa, galata kankee Rabbiin siif qopheessaa.

Sheik Alii Jimmaa
989 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:40
ओपन / कमेंट
2021-05-23 07:06:08 15: Ajriin Soommanaa guyyaa qiyaamaa nama birootiif kennamtii?

Gaafii: Namni tokko baaba soomanaa ibaadaa keessaa yoo fudhate, sooma hedduu yoo soomane baaburayyaan Rabbi isaa kenna jechuudhan dhagayee.

Hadisaratti akkasuma sooma kana osoo soomutti jiruu namni tokko yoo ka’ee zulmii namatti godhee yookiin nama zallamee jedhe, sooma isaa kanarraa ni kafalamaafii?

Hadiisa biroo akkan dhagayetti soomni kama abbaa soomeetii wamaa nama biraatiif kafaltii hin ta’uu jechaadhan dhagayee, namni tokko yoo hedduu nama zallame soomana namaa kana ni fudhataahii?

Soomnillee numa kafalamaafii?

Nama guyyaa qiyaamaa Rabbi duratti yoo dhihaatu sooma kanarraallee numa kafalamaafii?

Kana dhageennaan sooma kana hedduu soomane, yeroo dheertuu walitti dhaabee soomanee, waan mana namaa hojjadhuuf jecha soomni kun xiqqoo na miidhee jiraa, hogguun mana yaalaa deemu mana yaalaatitti nyaata babbareedaafii yeroo hedduu waytii kee eeggattee nyaachuu qabda jedhanii, miidhama narra gahe kanalleee dinniina naaf godhanii akkasitti naa himani. Hanga nyaata sani dhiisee soomana walitti dhaabee lubbuu tiyyallee rakkeef Rabbiin wayi na gaafataa?

Deebisaa: Shari’aan Rabbii guddaa waan jedhu; ta duraa namni tokko yoo nama zallamee nama miidhe jedhe ibaadaa isaa hunda irraahuu ni kennamaaf. Akkuma hadiisni Rasuula Rabbii ﷺ ibsee jiru, Ergamaan Rabbi namni tokko sooma isaa, salaata isaa, ibaadaa isaa walitti qabatee ka inni akka gaaraa tokkotti fudhatee dhufa guyyaa qiyaamaa jedha Rasuulli Rabbii ﷺ. Garuu akkuma keeyrii hedduu fudhatee dhufe kana namallee ka arrabaan cabseefi ka harkaan dhaheefii, ka horii isaa nyaateefii ka dhiiga isaa dhangalaase heddu. Zaalima inni waan ta’eef warri zallaamame kun saffii dhaabbataniifii ibaadaa isaa irraa osoo kaan irra kanaa kennamu, osoo kaan irraa kanaa kennamu ibaadaan isaa osoo deeynii miidhama namatti godhe sani kafaltee hin fixin ibaadaan isaa dhumatti jedhan Ergamaan Rabbii.

Eegasi warri zulmiin isaan dhaqabe duniyatti miidhamani sun yaa Rabbi haqqi keenya isarraa nuuf fuudhi kaa jennaan, Rabbiin guddaan gartee namtichi hojii ufiituu fixatee akkamitti irraa isinii fuudha, maali irra isinii fuudha jennaan, yoo waan irraa nuu fuutu dhabde dilii keenya ka nu cinqu kana nurraa fuudhii irrra nuu buusi jedhan.

Kanaaf dilii namaa osoo itti guuran namtichi funyaaniin lafarra harkifamee ibiddatti darbamaa jedha hadiisni kun.

Kana jechuun soomnilleen hin hafneef jechu, huma takkallee hin hafneef jechu. Soomanillee akkasitti namni baaburrayyaan silaa qopheeffameef sana nama zallamuu isaatiif jecha dhabee, gara nama zallamamee san deema soomni isaa.

Gaafii lammataa ammo ka lubbuu tiyya nin rakkee nin beelessee irraa hin gaafatamaa jettu, irraa hin gaafatamtu ta duraatiif wallalumaa irraa kan kee waan ta’eef.

Shari’aan Rabbii guddaa waan nuun jedhu Ergamaan Rabbii ﷺ, waan dandeettan qabadhaa ibaadaa irraa, waan Rabbiif gootan Rabbiin ajrii isinii kennuu hin hifatuu hanga isin dalagaa hifattanitti, itti baanaa isin dalagaa ufitti guddiftan hifattanii dhiisuun ni malaa, waan hin hifatamne takka waan dandeetti itti qabdan laalaa qabadhaa nuun jedhe jira Ergamaan Rabbii.

Ka dabreef immoo waan hin beeyneef jecha gammachuu diinii jaalattuuf jecha waan gooteef irraa hin gaafatamtuu, ufiduaratti ammoo wama dandeettu qofa goota jechudha.
 
Sheik Alii Jimmaa
735 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:06
ओपन / कमेंट
2021-05-21 06:56:10 14:Waan Dubartiin qalte nyaachun Hayyamamaa?

Gaafii: Intalti takka haadha mana kiyyaa haa taatuu ta biraa haa taatuu sadaqaa wadaajaa takkaahuu akkanumatti laaqaan ykn irbaata gootee lukkuu qaltee yoo nuuf qopheessite waan san nyaachuu ni dandeennaahii?

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii gaafiin kee akka natti fakkaatutti, wanti dhalaan qaltu halaalii Jechuu?

Karaa kanaan gaafachutu sirra ture jechu.  Haata’uu malee, namni akkuma Rabbi sammuu isaa kennetti waa gaafata. Wanti intalti Muslimaa qalte akkuma dhiiraatii waa takkallee hin qabuu nyaadhu.

Garuu, akkaataa namni tokko itti waa qalu dhalaaf dhiirris waa hunda dura barachuu qabna. Ta duraa, hoggaa waa qaltu ablee tee akka gaaritti qarachu, Lammaffaa waan qaltu lubbuu itti guraaruu dhabuu, sadaffaa  waan qaltu kana lukkuu ta’uu, re’ee ta’uu, horii ta’uu walbiratti hin qalinii addaan fageessi. Akkuma ati beeytu kanatti addunyaan tun walbeeytii takkittii tana hin irraanfatin. Waa hunda dura BISMILLAAH  jechuu hin irraanfatin.

Dr. Liwaa’ul Islaam
2.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:56
ओपन / कमेंट