Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.13K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 23

2021-06-20 23:46:10 30: Maaliif Ka’baa Xawaafan?

Gaafii: Mee akkamitti kaabaa xawaafna, yoo kaabaa xawaafnuuf yoo dhungannullee yoo ummanni tokko gaafii nutti dhiheesse, akkamitti kaabaa xawwaaftan maaliif dhagatti naannoftan maaliif dhagaa dhungattani? Isinillee Rabbii gaditti waa gabbarumatti jirtan yoo nuun jedhan maal jennee deebisnaa?
 
Deebisaa: Rabbiin SW wanni inni buusee Shari’aa godhee karaa nuuf godhe nuti jecha namaatiif dubbii namaa jala hin deemnu. Dubbiiin tun Rabbirraa dhuftee jirti moo Ergamaa Rabbi irraa nuuf sabattee jirti moo? Karaan Rabbii ittin gabroomnu kun Rabbi biraa dhugaan dhugeeffamee dhufee jiraa jechuu qofatu nu yaachisuu qaba. Amrii Rabbiin Guddaan gartanii buusee ta’uu qofa hubanna malee nuti, wanni gartanii kuffaarri gaafii hamtuu nutti darbataniiif, jecha hin taane wayii sammuu keenya jeequuf darbataniif jecha hin wareerru hin dhamaanu jecha diinii keenya keeessatti.

Kana Rabbiin SW Qur’aana keessatti kaabaa qulqullicha san itti xawaafuudhaani hujii hajjii keessanii xumuradhaa. Hattaa Kaaba qofa jettee gaafii kankee keessatti beeynal safaa wal marawaa jedhamutu jira bakki  biraa ka isin beeytan achillee xawaafuu Rabbii guddaan Qur’aana keessatti dubbate. Seera diiniin Rabbii guddaa ittiin muldhatuu, Shari’aa Rabbii guddaatii achi xawwaafuufi safaa walmarwa xawwaafuunillee jedhe Rabbiin guddaan dubbatee jira. Kun Aayaata Qur’aanaati.

Akkasuma Rasuula Rabbiittu Aayaata Qur’aana kana fudhatee karaa nuuf godhee jechuudha. Nutillee karaa Rasuula Rabbii jala deemuun ajaja Rabbii guddaati. Akka Rabbiin guddaan Qur’aana keeessatti nuu dubbatee Rasuula kana imaama isiniif godhee, nabiyyicha kana dura deemaa isinii godhee, mataa isinii godhee jala deemaa.

Namni guyaa irraa boodaa Rabbirraa galata keeyrii jaallattanii jannata barbaaddanii ibidda jalaa nagaya bahuu feetan nabi Muhaammadiin imaama godhadhaa jala deemaa, karaa isaa malee karaan natti isin fiduuf nagaya isin baasu hin jiruu jechaa Rabbitu nuuf kennee, Kanaaf Nabi Muhaammad Kaaba xawwaafanii jechu.

Hujii Hajjii hunda godhanii, waan jedhani; kunoo hujiin hajjii tanaa narraa qabadhaadhaa Jedhan Rasuulli Rabbi ASW. Kanaaf xawaafa Rasuulli Rabbii xawwaafan nutilleen itti hidhannee xawwaafuu qabanaa. Kanaaf Umari Ibnu Kaxxabi dubbii bareedduu takka ka asitti dubbatamuu qabu dubbate. Yaa hajaruu jedheeni yaa hararulaswad ka jannataa si fidan wallahi yoo ati jannataa dhuftelleen dhagumaa jedheen.

Osoo Nabi Muhammadi si dhungatanii amrii Rabbiitiif jecha si dhungachuu baatanii kanin arge silaa si hin dhungadhuu jedheen. Wamaa takka nama hin fayyaddus wamaa takka yoo si dhungachuu baatan nama hin miitullee jedheen. Kana jechuun haqiiqaa warra shakkii namatti facaasuu sani harkaa facaasaa jechu.

Garuu rakkoon guddaan nu qabatee harkaa nu qabu diinuma Rabbii kanaa wallaaluu keenyaaf aduwwii ofirraa deebisuu dadhabuudhaan ufitti qaanyawutti jira malee, yoo silaa diiniin Rabbii guddaa akka amma Rabbi isinii laaffisee Raadiyoo nuuralhudaa irratti gartee nuura bareedduu tanaan, ibsa bareedduu tanaan galuu baanne yeroo hedduu jiruu teenya ufitti qaanfachuun ni malaa jechudha.
 
Sheik Alii Jimmaa
 
2.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:46
ओपन / कमेंट
2021-06-16 07:17:28
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.
1.7K viewsChannel Help, edited  04:17
ओपन / कमेंट
2021-06-16 07:12:18 29: Salaamtaa Kattabiin namaa erguun akkami?

Yoo barruudhaan katabanii erganis, bakka barruudhaan katabanii erguun dirqama taatutti bakka namni walbira hin jirre jechuudha, akka xalayaa yookan ergaatitti yoo gartee screen irratti kataban akkuma ati jette yoo telefoona taatellee ka sagaleen waldhageessisan salaamataani isiin sun maanaan isii akkasumaa ajriin isiillee akkasumaa jechuudha. Deebisaa keessattillee dirqama. Kanaaf salaamataa jechuun sunnaa yoo ta’uu deebisuun isii ammoo dirqamaa haqa obboleessa keetiitii.
 
Sheik Alii Jimmaa
 
1.8K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:12
ओपन / कमेंट
2021-06-15 10:37:57 28: Salaamata walirratti Qara’uun Bid’aadhaa?

Gaafii: Salaamataa waliin jechan kun bidaayaadha moo?
 
Deebisaa: Bidaayaadha yoo jettuu afaan Arabaatiin gaafattee bidaayaadha jechuun jalqaabaa jechutti feeteeti moo gaafii kankee silaa addeeffattee bareeda ture.

Ammoo akka naa galetti jalqabaan salaamataan tun jalqaba nagaya nama gaafachuuti moo jechaa yoo itti feetu taate, salaamataani jalqaba gartee keeyrii namaan calqaban. Gaaf dur jaahilyummaa keessa jiran ganamni kankee ganama gammachuu siif haa ta’u waliin jedhaa turan aadaa Jaahiliyyummatti. Akkuma bultee ooltee waliin jedhamu kana jechu.

Oolmaya nagayaa bultuma nagayaa akkuma oromoon waliin jettu tana, Arabani aadaa akkasi duraan qabdi turte. Ammoo ammaan tana Islaamummaan hogguu dhufee Ergamaan Rabbii ﷺ dhufan Assalaamualeykum warammatullahi wabarakaatuh jechuun Islaamummaa keessatti dhufee jechu.

Kunis daliilli isaa akkuma ati gaafatetti Rabbii guddatu Qur’aana keessatti Yoo jireefamtanii nagaya isin irratti qara’uudhaan ya’anii tokko dhufee isin jireesse, du’aahii isinii kadhate ka irra caaltuun deebisaafii isinis.

Yoo tokko Assalamualyekum jedhee caldhise Waaleykumsalaam warammatullah itti dabalaa jechu, yoo ammoo Assalamaleykuum warahammatullah isiniin jedhe isin ammoo sadaffaa itti dabalaa waaleykumussalaam warahammatullaah wabarakaatuhuu jechuudhaan deebisaafii jedhan.

Kanaaf Rabbiin guddaan awwala jalqabaa Aadaamiif Maleeykaa jiddutti salaamtaa tana argamsiisee. Aadam abbaan nama cufaa salaamata akka gartee inni maleeykaan itti dubbattee jennaan, salaamataa jedhanii jennaan aadam deebiseef san akkasitti gartanii sababaan dhufteef jechu.

Mee deemaatii Aadam irratti salaamataa qara’aa jedhee Rabbiin ergee akka inni jawwaaba deebise santuu salaama ummataa Muhaammadii jechaadhaan nuuf kennamte.

Kuni hikmaan salaamataa du’aahiidhaa, salaamataadhan wal jalqabuun irra caalaa namaati jechu. Nama lamaan walitti dhufan keessaa karatti ka walitti dhufan deemaa ka walitti dhufan irra caalaan isaan nama salaamataan calqabee jechutu jira.

Kanaafuu salaamataan du’aahiidha, Rasuulli Rabbii ASW salaamataa keessatti tartiiba hedduu nu barsiisan jiran, garuu baaba dheera sani keessa seenuu yeroon nuuf hin hayyamtuu.

Namni tokko yoo mana namaa dhufe Assalamaaleyikum haa namaan jedhuu. Yoo gartanii deemuu ka’ellee Assalaamuaalyekum namaan haa jedhu lachuu darajaan isii Jajjabduudha jedhe Ergamaan Rabbi ASW.

Tokko ka jalaqaba hayyama gaafachaati ka du’aahii kadhachaatii, lammanni ka gartee ka geggeessaatiifii walitti dhaammachaati kanaafuu gartee salaammataan lachuu akka malee jaallatamtuudha jechaadhaan Hadiisni sabatee jira.

Sheik Alii Jimmaa
 
1.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 07:37
ओपन / कमेंट
2021-06-12 10:36:15 27: Obboleessa ofii abaaruun akkami?

Gaafii: Obboleesssa kiyyaan wal dhabnee rakkoo haala adda addaa irratti miidhaan natti muldhatee jennaaan abaaree, obboleessi kiyya yeroo gabaabduu keessati miidhamni isa mudatee eegasii ofirratti beekee dhiifama na gaafatee, akkami dubbiin kuni? Ani ammoo anaa miti jedhee waakkachutti jiraa, Rabbuma biraa sitti dhufte jechutti jiraa akkami dubbiin kun?
 

Deebisaa: Dubbiin Rabbi biraa dhuftus si biraa dhuftus, namni tokko yoo gaafatame Awfii godhuudha qaba yeroo hundaahuu. Obboleessa keessaniif irra dabraa jechuunis ni jira Rasuula Rabbi biraa ﷺ hadiisni sahiihatu jira.

Kanaafuu namni tokko  yoo naa dhiisi obboleessa kiyya jedhe dhiifama gooneef Rabbitu dhiifama nuuf godhaa jechaadha. Qissaa Abu Bakriifi Mistaha sana keessatti Rabbiin suuratul Nuuri irratti ka dubbate akkasii Inshallaha Awfii godhuun barbaachisadha.

Eega abbaan tokko Awfii naa godhi jedhee Awoofi namaa godhuun jaalattamaadha barbaachisaadha jechudha.

Sheik Alii Jimmaa
2.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 07:36
ओपन / कमेंट
2021-06-11 07:10:36 26: Asriifi Zuhrii Walitti hidhuun tahaa?

Gaafii: Namni tokkoo nama an bira dalagu kafiila. Namni sun nama hedduu nyaachisaa, guyyaa tokko nama 40 ta’u fidee nyaachisee akkasumatti turanii salaata isaanii zuhurii Asrii waliin qasrii godhanii salaatanii, guyyaan sunillee guyyaa Roobaatii, hukmiin tun maal fakkaatti?

Deebisaa: Namni gartanii yoo bikka takkatti walitti qabamee jiraate, yoo Roobni jiraate salaata jam’ii  godhuu numa danda’an masaajidattillee godhuun numa danda’ama. Maalif jennaan uzriidhaaf Rasuulli Rabbii hadiisa Abdallaah ibnu Abbas, abu daawud biratti ka odeeyfame.

Hadiisni sun gaafatamanii nabiyyiin Rabbi ﷺ maaliif gootani Jam’ii kana jennaan; ummata kiyaa laaffisuufii Rahammata godhuufii jechaan argamee jira. Kitaaba ahakamul shita’I jedhamu keessa laallachuun ni daanda’ama.

Duuba kun rakkoo hin qabu aadaa godhachuu hin barbaachisu malee, rakkoo hin qabu yeroo tokkoof yoo akkana godhame ulmaan itti walii galanii jiru.

Sheik Alii Jimmaa
3.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:10
ओपन / कमेंट
2021-06-10 12:48:03 25: Eessumni Nikaaha hidhuu dandahaa?

Gaafii: Yoo eessumni kiyya nikaaha na hidhe, ka maatiin kiyya ka gara Abbaa hin jirre nikeenni kiyya kun akkamii?

Deebisaa: Nikahan kankee fayyaadha. Ta duraa namni nikaaha nama hidhu nama waliyyii kankee ta’etu nikaaha si hidhuu danda’a.

waliyyii jechuun irra caalatu abbaadha jenne malee, irra caalaa itti aanutu obboleessa jenne malee, irra caala itti aanutu, adeera ykn wasiila yookan akaakoodha jenne malee asliin wilayummaa, nama wilaayaa kankee harkaa qabu ka ati harka isaa jalatti guddattee, ka abbaa manaa haadha keetiillee ta’u jechu ka haadha kee fuudhe.

Namuma abbaa fedhee haa ta’uu ka si guddisuudhaan, si yaaluudhaani ka tajaajila kankee harkaa qabu santu waliyyiidha jedha Shari’aan.

Sun kaa duraa abbadhumatu ilmoo yaalee tajaajilaa,  ka itti aanu obboleessaa, adeera, akaakoodhaa, eessumatu itti aana .  

Kanaaf Shari’aan eessumni dhufee nikaaha hin godhin haga jarri kun jiranitti jetti malee Shari’aan eessumni nikaaha godhu hin danda’u jechaa miti.

Kanaaf baaba dhaalaa keessatti eessumni dhaalaan nama nama isa dhaalu hin qabneetii. Kanaaf gara mazaba imaamu shaafi’itti yeroo deemnu jechoota durii jarri jedhan keessatti. Akkuma dhaalli humna firoomatiin namni dura dabree waa dhaaluuni waliyyummaaniif nikaahanillee achumarraa fudhatamtii jedhan.

Garuu Shari’aan akka walii galaani jirutti nama intala tokko tajaajila isiitiif guddisa isiititti ta’aabetu nikaaha isii godhuu waliyyii ta’uufii danda’aa jechatu jira.

Kun kaa humna firoomni namaa nahutu waldura jiraa  walirra caaladhaa jechu. Wanni Shari’aan waliyyi malee nikahaan hin taaatu jedheef amaanaa isiitiif isiidhaa nahuuf bikka kami buusutti jira ilmoo tiyya tana bikka kam kaahutti jira intalata tiyya tana, nama akkamitti kennutti jira.

Nama amaana isii naa eegu moo nama boru isii zallamu moo nama isii akkam godhu jedhee nama dhukkubsatu sanaaf Shari’aan agartaanii aanaafii nama namaaf dhukkubsatu ta’uu san yaala godhee jechuudha.

Kanaaf jecha nikaahaan kankee nikaahaa bareedduudhaa Rabbiin SW waliin isin haa bulchu.
 
Sheik Alii Jimmaa
3.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 09:48
ओपन / कमेंट
2021-06-07 09:04:04 24: Qaama ofii jijjiiruun hayyamamaa?

Gaafii: Akkamitti jismii ufii jijjiiruun mijjaawa zamana ammaa namni gurra jijjiirataa jiraa, ija jijjiirataa jiraa, yooka funyaan Afaan waan adda addaa jijjirataa jiraanii kun waan yeroo dheeraa lafa araba keessatti rakkoo isaanii kana bira yeroo dhaqnu hunda rakkoo isaanii irraa nu gaafatanii rakkoo isaanii argine jechudha. Amma nu’uu garasitti nu yaamuutti jiranii mee diliin isaa hangam takka gahaa? Moo ni hayyamamaa?

Deebisaa: Jismii jijjiiruun Shari’aa Rabbi keessatti dilii gurguddoodha. Akka sheeyxaanni dhaammatee dhaaddatee Rabbi biraa bahe sani; uuma ati irratti uumte sani hanga isaan irraa jijjiiree jijjirsisutti hin dhiisuu jedhe sheyxaanni. Dura jecha sheyxaanaa kanaafii waan uf jijjiiruun dhoorkaa ta’e.

Wanni ulmaan irraa dubbataa turte, rifeensa diimeffachuu fa’a, rifeensa gartanii addaatee gurrachessuu qalama dibanii, waan akkana kanatti fassaramaa ture. Amma eega funyaan jajjallatee qajeelfachuun dhufee, eega gurra guddate ofirraa gabaabsanii muruun dhufee, haala adda addaatiin ummanni araba kun ittiin fattanamee, dubra keennalee amma kunoo akka obboleeettiin teenna jette nutu horii isin irraa kafalaa dhaqaa uf babbareechaa uf tolfadhaa jechutti jiran.

Haalli akkanaa kun haala dogoongoraatii, haala kalaxa gurgurdoo namarratti fidaatii, haala gartanii cifraa sheyxaanaa ta’uutti achi dabruutii, cifraa ummata Muhammad irraa bahanii jechu.

Haalli kun kasaaraa gurguddoodhaa bboleewwan teenya akka irraa fagaatan. Bakka arganittillee waan danda’aniin akka irraa dhoorkan jechuudha obboleewwan isaanii ka dubara araba. Dhaamsi guddaan kana goonaaf jechu. Sheeyxaanatu dhaaddatee Rabbii guddaaa biratti, Rabbiinillee Qur’aana keessatti warri  karaa kiyya qabate si jala hin deemuu maaliif jennaan warra jallinaan karaa Rabbii arkaa didee sijala deeme malee, warra muminotaa human irratti hin qabdu, isaani irratti angoo hin argattuu, maaliif?

Muuminoota iimaana qaban kaa, ilmii beekanii diinii Rabbii beekanii, sheeyxaanummaa kee beekanii dubbii kee hin dhagahanii jedheen Rabbiin guddaan. Muuminoota abdatee akkana dubbate Rabbiin.

Muuminoota iimaana isaan irratti Rabbiin guddaan irraa gammachuu qaba. Garuu warra jallinaan si jala deeme fudhadhuu jahannamatti dabriin jedheenii jira Rabbiin guddaan SW kanaafuu uf jijjiruuuniif qaama ufii jijjiiruun dogoongora gurguddaa, badii gurguddaa keessatti argamaa haa Rabbi sodaannu.

Sheik Alii Jimmaa
356 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:04
ओपन / कमेंट
2021-06-07 09:02:51 23: Qur’aanaafi Zikrii Hammaama Keessatti dhageeffatuun tahaa?

Gaafii: Mee diinii Rabbiin nuu laaffise kana nuti dubri/ yooka dubartoonni biyya adda addaa keessatti hojii mana namaa hojjannu yeroo hedduu waan yeroo gahaa hin qabneef darsiin nuuralhudaa irraan nuuf dabru Shari’aa Rabbii ka barachutti jirru gurratti dhageeffataa mana keessa deemnee hojii hojjanna. Yeroo garii akka mana hammaamaa seenuudhaa nu mudattii. Yoo waan akkana kana Qur’aana Rabbiitiif hadiisa Rasuulaa kana mana akka kana keessatti mana hammaamaa keessatti hammaama dhiqaa hammaama tolchaa dhageeffanne dilii qabaa?
 
Deebisaa: Dilii hin qabu, wanni gurraan dhageeffatan dilii hin qabu. Waan agartaanii zikrii Rabbiitiifii yoo Qur’aana fa’a ta’e qofa achi keessatti dhageeffachuu dhabuun yookaan dhiisuun irra caalaadha.

Waan ammo gorsaatiifii waan haasawaa, gartee namni ufii haasawutu dhoowwaadha malee, dhaggeeffachuu Shari’aan dhoorkiteef daliilli dhoorkellee hin jiru.

Garuu wantti dhageeffatan sun yoo jecha Rabbiif jecha Rasuulaa ta’e hanga mana hammaamaa keessaa bahanitti irraa xiqqoo obsuun jaallatamaa ta’a kabajaa jechoota kanaatiif jechuudha.

Sheik Alii Jimmaa
400 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 06:02
ओपन / कमेंट
2021-06-01 07:18:06
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.
578 views04:18
ओपन / कमेंट