Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 17.98K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश

2024-02-16 07:15:18
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.
14.3K viewsChannel Help, 04:15
ओपन / कमेंट
2023-07-15 08:51:01 238: Janaabaa osoo hin dhiqatin Salaatuun ni tahaa?

Gaafii: Yoo warra kiyya waliin rafee itti qanani’ee ka an osoo hin dhiqatin natti azaaname janaabaa sani ittumaanin salaata moo ni dhiqadha?

Deebisaa: Janaabaadhaan salaatuun hin jiru sitti azaanamee azaanamuu baatee janaabaa ufirraa buusanii seera isaa hunda guuttatanii, eega istinjaa godhanii booda wudu’ataanii, gara mirgaatti bishaan buufatanii, eegasii qaama ufii hunda bishaan waliiniin gahanii haga qeensaaf rifeensaan baatuu waliin gahanii dhiqatanii ka’anii salaatan. Azaanamee azaanamuu baatee janaabaan namarraa ba’u malee hin ta’u ka dhiiraatis ka dubartiitis jechu

Sheikh Alii Jimmaa
34.6K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:51
ओपन / कमेंट
2023-07-15 08:48:53 237: Nikahaan fagootti telefoonaan ni tahaa?

Gaafii: Yoo namni tokko biyyarraa kaadhimaaf yoo na barbaade ka nuti gargar jirruu telefoonaanillee nikaha wal hidhachuun ni ta’aa jedhee ka inni haasawu yoo taate, an ammoo biyya dhufee wal arginee wal hubannee kaanee haa nuu ta’uu ka ani jedhe, ka inni tattaaffatee daliila wayii natti barbaadee akkam jedheetiin ufirraa isa amansiisaa?

Deebisaa: Wal argaan biyyatti wal arganiif ka ammaan tana maatiin walbeekee ijoolleen biyyaa walbeekanaii diinii qabaachuu isaa, iimaana qabaachuu isaa, footoo isaa gartee qaama guutuu gartee ka fayyaan isaa guutuudhaa ta’uu argitee yoo itti gammadde rakkoo hin qabu sun isin lamaanitti hidhaa qabdi.

Yoo isin lamaan gammachuu qabaattan fageenyi jiraachuuf nikaahan rakkoo hin qabu telefoonaanis nikaha walgodhachuunis numa ta’aa jechuudha. Walitti dhihaatanis sun irra caalaadhaa rakkoo hin qabu. Biyya dhaqee nikaha godhadha jechuun kankee yoo ka mahrama malee karaa kophaa deemtu taate, nikaha godhattee yoo danda’e inni bikka ati jirtutti sitti dhufee mahrama argattee galuudhatu irra sii jira malee kophaa karaa deemuun gaarii miti.

Ammoo yoo daruuraan dubartiin gara biyya abbaa warraa galuu taanaan, yooka biyya kaafiraa irraa godaanuu taanaan gala isii yeroo takkatti galtu daruuraadhaaf ulamaan hayyamanii jiran. Garuu wanni irra siif jiru bakkuma jirtutti nikaha sii godhanii halaala kankee argattee mahrama kankeetiin wajjiin galutu sirra jira. Haala fuudhaa heerumaa keessatti nikahan fagoottis nima ta’a jechudha.

Sheikh Alii Jimmaa
26.9K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:48
ओपन / कमेंट
2023-07-15 08:48:07 236: Dubartiin eega hiikamtee booda herumuuf hangam turutu isii irra jira?

Gaafii: Intalti yoo uf hiikte; abbaan manaa hiikuu didee jeennaan ka uf hiiktu yoo taate, yoom heerumuun isiidhaa isiidhaaf malaa?

Deebisaa: Dubartiin takka yoo hiikkaa tartiibaatiin hiikamte Rabbiin akkuma qur’aanaan dubbatetti dhiiga sadi argiteeti irraa qulqullooftee kaatee iddaa isii fixattee heerumti. Yoo abbaan manaa irraa du’e ji’a afuriif guyyaa 10 teessee gufufa fixattee heerumti. Hikmaan Rabbiin waan kana dubbateef akka garaa keessa waa jiraniif haqqiin nama kanaa nama birootti akka hin dabarreef haga isiin gargar baatuuf haga ulfi beekamuuf yoo ka jiraatu taate saniif Rabbiin akkas godhe.

Sheik  Alii Jimmaa
20.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:48
ओपन / कमेंट
2023-07-15 08:47:19 235: sujuuda irraanfachuun akkam?

Gaafii:  Namni tokko sujuuda tokko irraanfatee yoo irraa ol ka’e, eega ol ka’ee ammoo yoo yaadate maal godhuu qabaa?

Deebisaa:   Waa hunda dura wanni nuti beekuu qabnu salaata keessa waa lamaatu jira. Rukniifii waajibaatatu jira. Waajibaatni saddeeti, waa saddeeti keessa yoo waa keessaa dhiifte salaanni kee akka sirraa hin banne ka godhu Sujuudassahwii;  osoo hin salaammanneen duratti sujuuda lama.

Yoo wanni ati dhiifte ruknii taate, rukniin salaata keessatti waa kudha afurii kudha afran keessaa ta dhiifte san yoo deebitee fuute malee salaanni kee bade. Sujuuda lammeessaadhaa yoo dhiifte gad deebitee teessee sujuuda san sujuuddee olkaatee aakhira salaata sanii irratti Sujuudassahwii lama sujuuddee salaammachuu qabda.

Yee eega salaammattee yaadatte sujuuda dhiifte san akka ulamaa’iin murtii godhanitti raka’aa zaa’idaa jedhaaniiti fakkeenyaaf salaanni kee afuri takkaahu sadi oluma kaatee raka’a biraa haarawa tokko Allaahu Akbar jettee raka’aa tokko haarawaan dhuftee Faatihaa qaraatee rukuu’a gootee sujuuda lamaan walitti dhaabdee sujuuddee achi boodaan attaahiyyaata teessee osoo hin salaammanne Sujuudassahwii ufirraa sujuuddee salaammatta. Sujuudassahwiin bakka rukniidhaa hin dhaabbattu waa lamaan kana addaan baradhaa.

Dr.Liwaa’ulislaam
19.6K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:47
ओपन / कमेंट
2023-07-15 08:46:10 234: Namni maatiin ijoollummaan hin qaraasisin dilii isaatiif akkamitti toowbata/eenyutu itti gaafatama?

Gaafii:  Abbaa kiyya anaa ijoollee ka ufi hin beeyne addunyaa tanarraa du’ee garuu humaa na hin barsiifne, ani ammoo humaa hin beekuu waan hin qara’iniif akkamitti toowbadha?

Deebisaa:   Abbaan kankee si’ii ijoollee sirraa du’ee osoo jiraateeyyuu maal si qaraasisa mee? Waa si barsiisuun amatuma torba booda. Keessahuu amatuma 10 booda. Wanni ijoolummatti nama barsiisan takkalleen hin jirtu, wanni uf sigaaltullee hin jirtu, eega ballagdee boodatti waa barachuun simarratti waajiba. Eega ballagdee boodatti yoo badiin sirra jiraatte abbaa kiyyatu na nin barsiisin jechuun dogongoraa badii dalagdeef sumatu toowbata.

Dr.Liwaa’ulislaam
17.6K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:46
ओपन / कमेंट
2023-03-25 14:55:06
Baafataalee fatwaa Ramadaanaan wal qabatan.

35: Qadaatu narra jiraa garuu na dhukkubaa akkamiin godha?

168: Rahiima waldhabaniin osoo hin araaramin Ji'a Ramadaanaa soomuun akkami?

183: Namni kaafiraa/dilii qabu tokko Ramadaan keessa yoo du'e maal ta'a?

202: Guyyaa Ramadaana Haadha warraa osoo hin tuqiin waliin rafuun akkami?

239: Haqqisuun Soomana ni balleessaa?

285: Dhiira ajnabiif nyaata dhiheessuun danda’amaa?

324: Dhiigni aadaa yoo namatti dhufe, dawaan ofirraa dhoowwuun taatii?

404: Ramadaana keessa of tuttuqee maniyyiin narraa bahe akkam?

425: kaffaaraa ramadaanaa abbaa manaa ti moo haadha manaatu soomuuf dirqama?
1.0K viewsChannel Help, 11:55
ओपन / कमेंट
2023-01-03 07:27:32 233: Intala eega butanii zinaa irratti dalaganii booda Nikahaan ni tahaa?

Gaafii:  Gaaf tokko na butanii ganda gurbaa na geessanii achitti gurbaan hamtuu natti dalage, warri keenyas dafaniillee na hin dhaqbnee nallee hin barbaannee. Garuu akka aadaatti wajjiin haasawanii hamtuu natti dalages na hin gaafanne nikahuma qofa irra buusanii, nikaahan kun akkami?

Deebisaa:   Yaa gabritti Rabbii wanni gaafachuun sirra jiru gurbaan tokko akkanatti zinaa natti dalagee badii tiyya sanirraa akkamitti toowbadha jechuu gaafachutu sirra ture. Ta duraatii sirratti baditu jira. Gurbaa irrattillee badiitu jira. Toowbaan teessan osoo hukmiin shari’aa jiraattee xiilaa dhibba dhibba dhukkee isin irraa kaasanii amata tokko biyyarraa isin baasu. Waan hukmiin shari’aa akkasitti hin jirreef jecha bakka jirtanitti toowbaa qulqullii toowbachuudha. Achi boodaan nikaha haarawatti isin godhuudha. Isinii zinaa walitti godhee jiruu nikahaan keessan fayyaa hin ta’u.

Dr.Liwaa’ulislaam
432 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:27
ओपन / कमेंट
2023-01-03 07:27:23 232: Maatiin intala dubraa wallaalaan biyya irraa baasan dilii isaanii saniif maal godhuu qaban?

Gaafii:  Biyyarraa bahuun jaarsi koo na baasuu, abbaan koo na baasuu ufii uf baasuu dogongora ta’uu uf beeke ammoo toowbaa kootiif biyyatti deebi’ee toowbaadhee heerumuu fedha warren keenya ka nu baasan kana hoo maaltu isaan irra jira?

Deebisaa:   Eega dogongora ufitti beeytee ka heerumtu taatee Rabbiin toowbaa teellee sirraa haa qeebalu keeyruma dalagde. Ammoo warra keessan kan gaafa duraa waan kanarratti si gargaare wanni isaan irratti jiru Yaa Rabbi waan dogongoraan dalagne dhiifama nuuf godhi jedhanii Rabbii isaanii qofa araarama kadhachuudha malee kaffaaraan woyiituu isaan irra hin jirtu.

Dr.Liwaa’ulislaam
395 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:27
ओपन / कमेंट
2023-01-03 07:27:02 231: Qabrii akkamitti salaamatna?

Gaafii:  Namni kun hoggaa qabrii bira dhaqe warra qabrii keessa jiran irratti salaammataa; namni nama keessaa qabu nama san maqaa ni dhaha moo akkamii?

Deebisaa:   Akka Nabiin keenya lafa nuuf kaayetti, qabrii bira hoggaa dhaqan yoo dhiira ta’e keessa seenee abbaaf haatillee yoo keessa jiraatan walumatti qabanii salaammatan. Yoo qabrii abbaa kiyyaa jedhee ka dhaqu ta’e silaahuu dhalaan achi dhaquu hin danda’uu nama san bira dhaqee Assalaamu aalyekum tanuma jedha. Ammoo salaata salaatuu yoo fedhe fa’a qabri san bira dhaqee irratti salaatuu ni danda’a waan dhiira ta’een. Ammoo dhalaan osoo makiinaan deeman yookaa miilaan deeman qabrii sani cinaa yoo dhufan karaatu irra baasee rakkoon takkallee hin jirtuu garuu nama achi keessa jiru sani maqaa dhahuun hin barbaachisu.

Dr.Liwaa’ulislaam
355 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, edited  04:27
ओपन / कमेंट