Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.13K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 4

2022-12-21 05:57:08 210: Haati ilmaan irraa Zakaa fixrii ni baastii?

Gaafii:  Aniin tun intala takka ta hiikamte, ijoollee qabaa abbaan isaanii quba hin qabu yoo zakaa fixrii irraa baase rakkoon ni jirtii?

Deebisaa:   Ta duraatii hiikamtee jirta ka Rabbi sodaatu ka ilmaan tana si wajjin tajaajilu yoo ilmaan si harka jiraatan Rabbi siin haa dhaqqabu. Yoo abbaan ilmaan kana ka quba hin qabaanne ta’e, eega inni ilmaan isaa jibbee hin jibbinii Rabbii si haa gargaaruu bakka isaani jiranitti si bira jiraatanuu warra keessani jiraatanuu zakaa fixrii irraa baasi. Takkaahuu warra keessanitti waa ergii isaaniin irraa baasaa jedhiin.

Dr.Liwaa’ulislaam
1.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 02:57
ओपन / कमेंट
2022-12-15 08:51:11 209: Qabrii irratti waa ijaaruu/katabuun ni tahaa?

Gaafii:  Namni kiyya tokko yoo du’ee qabrii bira dhaqee yoo waa gubbatti ijaaree takkaahuu maqaa irratti katabe balleessaa jirtii?

Deebisaa:   Nabiin keenya ﷺ ni dhoorke; qabrii takka ta waa irratti ijaaramu yoo Rabbi irratti isin geessellee irraa diigaa. Masjiida qabrii irratti ijaaruun dhoowwa. Akkasuma maqaallee irratti katabuun dhoorka. Bakka jirtan cufattuu waan akkanaa irraa walfageessaa. Ammoo bishaan irraa deebisuuf jecha takkaahuu qabrii san milikkata itti godhuuf jecha hamma taakkuu takkaa simintoo ta’uu dhagaa akka kaabitti kaahuun humaa hin qabu. Garuu taakku takka bira oldabruu dhabu.

Dr.Liwaa’ulislaam
905 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:51
ओपन / कमेंट
2022-12-15 08:51:05 208: Haadhaa fi Abbaa aakhramaniif Qur'aana qara'uun ni tahaa?

Gaafii:  Abbaan kiyya amrii ta’uu haati tiyya amrii taatuu yoon qur’aana qara’eef maaltu narra jira. Qur’aana qara’uun isaaniif gaha moo hin gahu?

Deebisaa:   Qur’aan hoggaa namni du’e wal gahee akkanatti qara’uu kana warri daliila cimaa hin qabne ni jira warri jedhus ni jira. Warri akka mazhaba Imaamu Shaafi’iitiin daliilfatan nuti warra fiqhiiti ufiin jedhanii warri waan akkanaa yaadus ni jira.

Ammoo warruma nuti deeggartoota Imaamu Shaafi’iiti ufiin jedhu kana kitaaba Imaamu Shaafi’ii Ummii fii Rasaalaa keessa deebitee laalte imaamu Shaafi’iin warra yaada akkanaa dura dhaabbatu irraahi. Nama tokkoof wanni isaaf gahu waanuma inni gaafa jiru carraaqqate. Tanaaf jecha wanni beekuu qabnu Nabiin keenya gaafa addunyaa irraa deeman qur’aana qara’aniifii? Abu bakrii qar’anii ,Umarii, Usmaanii akkasumatti oofii aadaan tuni eegaa Nabiin keenya addunyaa irraa deemanii toora amata 500 booda aadaan tun karaa godhamtee kanaafuu bida’atti fudhannee waan kanarraa fagaachutu gaari.

Dr.Liwaa’ulislaam
830 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:51
ओपन / कमेंट
2022-12-15 08:50:58 207: Madaan yoo nama dhiige soomana namarraa balleessaa?

Gaafii:  Namni tokko qaama isaa irraa yoo madaa qabaatee  madaa isaa tana yoo waa dhayanii’  dhiigni irraa bahe soomanni isaa ni badaa?

Deebisaa:   Malaas haa ta’uu, dhiigas haa ta’uu fakkeenyaaf madaarraa ilkeellee osoo ufirraa fuutee kun cuftinuu soommana hin balleessu, soommanni kiyya bade jettee hin nyaatin.

Dr.Liwaa’ulislaam
656 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:50
ओपन / कमेंट
2022-12-15 08:50:17 206: Nama warra isaa osoo itti hin dabalamin waliin taphachuu qofaan maniyyiin irraa bahe hukmiin maali?

Gaafii:  Namni tokko warra isaa kana yoo wajjiin taphatee itti qanani’e qaama isiitti ka qaamni lamaan wali hin tuqin bishaan maniyyii yoo irraa bahe nama kana maaltu isarra jira?

Deebisaa:   Yoo walitti qanani’uun walitti mamaxxanuun soomana keessa taate soommanni isaanii bade garuu akka nama wajjiin rafeetti laalamanii kaffaaraan isaan irra hin jirtu. Yoo sababaa qaamni waltuquutiin maniyyiin akkasitti irraa bahe takkaahuu yoo qaamni isaanii lamaan waltuqe afaanumaanuu akkuma nama wajjiin rafeetii kun balleessadha.

Kanaaf jecha kana kaffaaraatu irratti jira. Maaliif jennaan saalli lamaan waltuqe. Saalli lamaan waltuquun soommana ta’uu, soommana malee ta’uu yoo soommana irraa ala ta’e dhiqaan sirratti wajjabe osoo isin lachuu irraallee humaa bahuu baate. Yoo qaamni walitti maxxanuuf ka irraa bahu ta’e isaan lachuu wanni isaan irratti jiru soomanni guyyaa sanii bade araarama Rabbii kadhatanii qadaa guyyaa sanii baasu. Ta duraatiif namni haala ufii beeku walitti hin shookkifatu jechu.

Dr.Liwaa’ulislaam
705 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:50
ओपन / कमेंट
2022-12-15 08:50:02 205: Nama guyyaa Ramadaanaa warra isaatti ida'ame hukmiin maali?

Gaafii:  Namni tokko ramadaan keessa yoo jaartii ufiitti ida’ame kaffaaraan akkaataa inni itti nyaachisu nama tokko tokkoon moo akkam?

Deebisaa:   Kaffaaraa dura waatu jira, maaltu jiraa barachu,waa sadeen irraa. Ta duraa gabra bilisoomsu jenne, lammeessaa baatii lama soommanu, yoo dhiira ta’e yoo iidni itti dhufe malee yoo dhalaa taates yoo heeydiin itti dhufte malee walitti dhaabdee soommanta. Ka itti aanu nama nyaachisu miskiina jahaatama. Miskiina jahaatam kana shan shaniin, kudhan kudhaniin, bakka takka walitti qabdee nyaachistus huma takkallee rakkoo hin qabu. Yoo nama tokko wanni baatii lama ka irra jiraattu taate nama jahaatama nyaachisuun akkuma itti siif mijaawe.

Dr.Liwaa’ulislaam
864 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:50
ओपन / कमेंट
2022-12-03 23:29:28 204:Jaarsaa fi Jaartiin gargar adda turuun nikahaan ni badaa?

Gaafii:  Jaarsi yoo jaartii biyya takkatti dhiisee irraa ture, nikayaan isii kun hin banneee? Nama yoo jaarsaa jaartiin addaan turan nikahan bade warra jedhutu jira.

Deebisaa: Namoonni akkanumaan ka’ee waan Rabbiin halaal godhu ufii haraami godhu takkaahuu ta Rabbiin haraami godhe halaal godhu Rabbi haa sodaatanii waan akkanaa irraa haa fagaatanii. Akkuma umatni keenya jedhuttu turri dayma hin busheessinee jaarsaa jaartiin biyya biyya jiraatteef nikaahan amata saddattee sagalillee haa jiraattu nikahan hin badu. Wanni nikaha balleessa ta duraa namni intala san nikaha godhate nama muslimaa ta’ee yoo murtaddii ta’ee kafre, takkaahuu wanni nikaha san balleessu rakkinna intalti sun himattee nafaqaa dhabaafii haqa jaarsaa jaartii dhabuudhaaf yoo faskii ufirraa goote qofa. Akkanumatti ammoo nikahaan taa’uun turiins nikaha hin balleessu.

Dr .Liwaa’ulislaam
434 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:29
ओपन / कमेंट
2022-12-03 23:29:22 203: Nama fayyaa fi maallaqa qabu namni biraa hajjii irraa godhuun ni danda'amaa?

Gaafii:  Nama tokko ka fayyaa qabu ka addunyaa irra jiru hajjii irraa godhuun ni danda’amaa? Nama tokko ka waan hajjiin godhu qabu hajjiin isarratti waajiba moo waajibaa miti?

Deebisaa:   Waa hunda dura wanni beekuu qabnu hajjiin arkaana Islaamummaa shanan irraa akka tokko ta’e beekuu qabna. Lammeessa namni Hajjiin irratti waajibaa nama qabeenya qabu ta’uudha. Yoo dhiira ta’e siinqii qabaachuu, fayyaa qabaachuu, karaan nagaya ta’uu, horiin isaa horii halaal ta’uu qaba.

Nama tokko hajjiin isarratti waajiba ta’uun qabeenyaan. Eega qabeenya qabaatee waajibni isaa matama isaatiin ufirraa hajjii godhu. Ammoo addunyaa qabaatee yoo human godhuun hin qabne, fayya dhabaa ta’ee qabeenya isaa saniin nama bakka buufatee nama armaan dura hajjii godheen narraa godhi jeechu. Ammoo nama armaan dura hajjii hin gooneen naa godhi jechuu hin qabu. Ammoo nama fayyaa qabu hajjii isarraa godhuun waan rakkoon fayya dhabaa, dullumti hin jirreen isarraa godhuun hin gahu.

Dr. Liwaa’ulislaam
400 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:29
ओपन / कमेंट
2022-12-03 23:29:15 202: Guyyaa Ramadaana Haadha warraa osoo hin tuqiin waliin rafuun akkami?

Gaafii: Yoo an jaartii tiyyaan wajji rafe guyyaa Ramadaanaa ka isii hin tuqin hirribuma nagayaa calla waliin rafe maal qaba?

Deebisaa: Yoo isii hin tuqin humaa hin qabu, dubartii ufii ramadaan keessa waliin rafuun ni ta’a guyyaa ramadaanallee taanaan, halkan ramadaan qunnamtii salaallee godhuu ni danda’a. Guyyaa Ramadaana ammoo ka qunnamtii saalaa hin goone nagayumaan wajjiin rafuun rakkoo hin qabu. Ulamaan gariin wanni jedhan yoo ka uf amantu taatee jedhan.

Ayishaan Rasuula ﷺ irraa yoo himtuu; Rasuulli Rabbii ﷺ Ramadaan keessa dubartii isaaniitiin ni taphatan humaa rakkoo hin qabanii jennaan, miswar ibnu makramaa isinuma ta’uu oolaaree haadha teenya Ayishaa jedheeni, anuma jetteeni. Garuu Rasuulli Rabbii akka keessaniitiiree jetteen, onnee ufii harkaa qabaa jetteen. Kanaafuu namni onnee ufii harkaa hin qabne hin taphatin dubartootaan wajjiin hin rafiin, ittillee hin dhihaatin jedhan dogongoru malaa Ramadaana keessa.

Guyyaa takkatti namni dogongoree dubartii isaa wajjiin rafe guyyaa ramadaana sooma ji’a lama guutuutu irraa fedhaama. Ka bultii 59 soomee ka bultii takkattii irraa hafte ammallee ji’a lama dhibii irraa fedhama. Bultii jahaatama walitti aansee soomutu irra jiraataa kanaafuu guyyaa takkattii kasaaranii guyyaa jahaatama kafaluun jajjabduu irraa oolutu barbaachisa. Garuu nama aqlii qabu nama ilmii qabu dubartii isaa silaa ni beekaa yoo akkanumatti dubartii isaa wajjiin rafee ka ka’u taate, ka harkaa uf qabu taate humaa rakkoo hin qabu inshaa Allaah.

Sheikh Alii Jimmaa
342 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:29
ओपन / कमेंट
2022-12-03 23:29:05 201: Dubartii haraamaan waliin bulan guyyaa lammataa nikaha walii godhuun ni tahaa?

Gaafii: Intala takka fuudhee, intala ani fuudhe tana halkan tokko eega an waliin bultee, guyyaa lammataa abbaa isiitti telefoona dhoofnee nikaha naaf godhanii.

Deebisaa: Dubartii haraamaan waliin bulan guyyaa lammataa nikaha walii godhuun hin jirtu shari’aa Rabbii guddaa keessatti. Maaliif jennaan karaa halaala hin ta’iniin walitti dhufanii, haga isiin dhiiga sanirraa qulqullooftee toowbatanii Rabbitti deebi’anii, sadaqaan adda bahiinsan, soomaan salaataan, Rabbii ufii araarfatanii deebi’anii wal fuudhuu danda’an.

Sheikh Alii Jimmaa
293 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 20:29
ओपन / कमेंट