Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.13K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 6

2022-11-21 11:44:41 190: Kitaabaa Qur'aanaa waraqaan mammaranii nyaachuu hukmiin isaa akkami?

Gaafii: Biyya keenyatti bakka kitaaba bananii kitaaba laalanitti qur’aana katabanii mammaranii nyaadhu namaan jedhan, quraana sani waraqataan wajjiin nyaachuun akkam hukmiin isaa?
 
Deebisaa: Shari’aan islaamaa kitaaba qur’aanaa nyaadhaa wanti siin jedhe hin jiru. Waan akka falfalaa katabanii namatti kennan nyaadhaa wanni shari’aan namaan jedhe hinjiru. Shari’aa Rabbii keessatti dawaan godhame ka mukarraa ta’e taanaan qur’ana qara’anii ufitti tufan taanaan, bishaan qaruuratti naqanii Faatihaa torba qara’anii itti tufanii ka bishaan san dhugan taanaan kun shari’aan hayyamee jira. Garuu qur’aana waraqaan mammaranii nyaadhu jechuu shari’aan hin hayyamuu.

Sheikh Alii Jimmaa
1.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 08:44
ओपन / कमेंट
2022-11-21 11:44:29 189: Falfala falfalaan hiikuun ni hayyamamaa?

Gaafii: Yoo falfalli nama tokkotti godhamee namni sun maraate, nama kuffaara tokko bira dhaqanii yooka nama fedheeyyuu haa ta’uu bira dhaqanii falfala falfalaan hiikuun ni danda’amaa?
 
Deebisaa: Falfala falfalaan hiikuun shari’aa Rabbiitti dhoowwadha. Dura falfalli sunuu jiraachuu waan seerri shari’aa nu barsiiseen beekuu qabna malee namummaan tokko lafaa ka’ee dubbiin kee kun falfalaa namatu si falfalee jedheetuma waswaasa wayii dubbachuudhaan sihrii namni siif himuu hin danda’u. Akka dhukkubni suni nama godhuun sheekhotaaf warra ilmii gaafatanii haala inni nama godhuun falfala ta’uufii falfala ta’uu dhabuun beekama. Dura beekuun isaatuu ilmitti haajama.

Eega sihirii ta’uun hubatamee ammasi warra ulamaa’aa warra diinii bakkuma jirtanitti nama diinii sirritti beeku gaafachutu isin irra jira. Shari’aan Rabbii guddaa falfalaan falfala hiikuun haraama jetti. Maaliif jennaan falfala duraa namatti godhuun haraamaa falfala sani dhaqanii yookaa baratanii yooka nama falfala dalaguun dhaqanii narraa hiiki jechuun sunis shari’aa Rabbii guddaa keessatti dilii gurguddoodha.

Warri siihrii dalaguufii warri sihrii baratullee diinii Rabbii guddaa irraa baha beeki yoo ka itti amanee sihrii kana ka dhugeeffatu taate. Kanaafuu achi dhaquun dhoowwaadha. Namni sihriin itti dalagamee kara kamiin irraa hiikama, gartanii Xibbu nabawii jedhamee jiraa qiraa’aata gartanii osoo sihrii nama hin seenne akkamitti eeggatan kitaaba jedhutu jira. Kitaaba Al-eelaaju walruqa’a kitaabu wasunnaa jettu kitaaba akka Azkaarul muslim fakkaattu sana barachuun dirqama. Kanaafuu eega namatti godhameellee akkatti ufirraa hiikaniin karaa qur’aanaaf hadiisaan du’aa’ii godhatantu jira.

Sheikh Alii Jimmaa
1.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 08:44
ओपन / कमेंट
2022-11-21 11:44:12 188: Jannata keessatti dhiirri hural'eeynii qabaa dubartiin hoo huural'eenyii ni qabdii?

Deebisaa: Dubartii Rabbi sodaattee iimaan qabdu ta Rabbiif jecha uf qabdee jannata argatte huuraleeynii dhiiraa ni argattii jechuu baaneeti. Ee ni argatti huuraleeynii dhiiraa. Akkuma dhiirri dubartii huuraleeynii argatu sanitti dubartiinillee huuraleeynii dhiiraa argatti. Huuraleeyniin dubartiin argattu akka lama. Tokko abbaa manaa saaliha, abbaa manaa gaarii dhiirsa gaarii qabdu.

Rabbiin huuraleeynuma jannataa tana godhee fidaaf isuma kana jechu keeyrii irratti yoo waliin du’anii keeyrii irratti yoo waliin jiraatan. Yoo isiin dubra taate ka hin heerumin taate. Dhiira jannataa shabaaba jannataa isii heerumsiisa isatti. Kanaafuu huuraleeyniin dhiiraatis huuraleeyniin dhalaatis ni jiran jannata keessa. Akka kennuttuu Rabbi ni kenna
 
Sheikh Alii Jimmaa
1.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 08:44
ओपन / कमेंट
2022-11-21 11:44:01 187: Meeshaa dhiigaan qoraasametti Aanan dhuguun ni tahaa?

Gaafii: Aadaa biyya keenyaa kutaa Arsiitti meeshaa aanan itti elmatan kana yeroo aannaniif qopheessan akka aanan hin jigisine dhiiga dibaanii sani booda ni qoraasani, akka dhiigni sun qodaa sani irratti qabaatee gogee akka aanan hin jigsineef akkas godhanii. Meeshaa akkasii sani aanan itti dhuguun hin ta’u jedhanii hukmiin isaa maalii?
 
Deebisaa: Aadaan duri hojjataa dhufte wallaalummaan waan jalqabameef jecha ka dur dabre dabree jira. Ammaan tana wanni akkanaa biyyi itti godhamu yoo jiraate ulamaan silaafuu ganda maraa qubattee itti himanii irraa ooluun barbaachisaa jennee jirra. Wanni dabre akkuma dabre sanitti jiraa ka ammoo booda godhachuuf akka aadaatti waan sani baratee jiru irraa haa ooluu irraa haa gabaabbatu. Dhiigni dhoowwadha nyaachuu keessatti taanaan, isa dhuguu keessatti taanaan wama takkatti naqanii fayyadamuun dhoowwadha shari’aa keessatti.

Sheikh Alii Jimmaa
1.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 08:44
ओपन / कमेंट
2022-11-21 11:43:49 186: Salaata duhaatiif salaata Asrii sunnaan isaa akkami?
 
Deebisaa: Salaatni duhaa raka’a lamarraa jalqabaa. Rasuulli Rabbii ﷺ raka’aa lamaan jalqabee gaafa duraa raka’aa afurillee salaatee jiraa, raka’aa saddeetillee salaatee jiraa, raka’aa kudha lamallee salaatee jira. Salaata duhaa jechuun salaata waaree jechu.

Ganama sa’aa tokkoof nuusa irraa jalqabee hanga saa’aan jaha gahutti salaanni waaree ni jira. Irraa caalaan isaa ganaam sahaa afur shanitti kanaaf salaata duhaa jedhama, waaree ka salaatamu sunnaadha. Rabbiin nama san salaatee kheeyrii guddaa ni kennaaf garuu dirqamaa miti nama mara irratti. Salaanni Asrii duratti sunnaa raka’a afur qabdi. Rasuulli Rabbii du’aa’ii godhaniif Rabbi Rahmata haa godhuuf nama asrii dura raka’aa afur eeggatee jedhan.
 
Sheikh Alii Jimmaa
1.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 08:43
ओपन / कमेंट
2022-11-18 08:38:10
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.
559 views05:38
ओपन / कमेंट
2022-11-18 08:37:09 185: Hukmiin maallaqa/horii dubartii maatii irraa fagaattee dalagattuu maali?

Gaafii: Horiin dubartiin biyya Arabaa jirtu/teessu dalagdu haraamaa hajjii dhaqaniinillee, umraa, sadaqatanillee hattaa yoo biyyatti galanii toowabatanillee toowbaan isaanii hin qeebalamu haga isaan horii tana irraa qulqullaahanii, facaasanii ufirraa fixanii harka isaanitti qullaa deebi’anii toowubatanitti akkasi nuun jedhanii malli keenya maalii?
 
Deebisaa: Dubartiin islaamaa takka ka Rabbiif guyyaa aakiratti amante kophaa isii imala deemuun dhoowwadha, shariyaa Rabbii guddaa keessati daangaa Rabbii cabsuudha. Dubartiin takka Rabbi sodaachuu qabdi, horiidhaaf jecha gandi humaa hin beeyne, abbootiin humaa hin beeyne ijoollee dubraa lafa ajnabiyyaatti karaa dheertuu tana ergachuun rakkoo guddatu isaan irra bu’aa, miidhama qaamaattu isaan irra bu’a. Baaharatti namni dhumataa jira.

Duniyattuu kasaaraa guddatu nama mudataa jiraa Aakhiratti ammoo ta san caaltutu nama eeggata. Kuni maasiyaa addaatii qofatti nuuf haa hubatamuu obboleeyyan keenya. Intala dubraa takka manni isii sadihuma, mana isiin itti dhalatte ka abbaa haadhaati, manni lammataa mana abbaa manaati, manni sadaffaa ka dhiiraaf dhalaanillee walumaan qabnu qabriidha. Dubartiin tokko mana ufiitii baatee ganda namaa irra deddeemtee yookaa biyya namaa deemtee xiyyaara kortee takkahuu miilaan deemtee miidhama jiru kanaaf Rabbi qofatu beekaa jira. Ijoollee lafa Arabaa jirtu hedduu dubbifnee hedduu wajjiin boonnee jirra. Miidhama isaan irra gahaa jiru, ka qaama isaanii irra gahaa jiru, ka diinii isaanii irra gahaa jiru Rabbi malee namni isaanii beekaa jiru hin jiru.

Ammoo horiin isaan sadaqatan hajjiin dhayxu hin ta’u, sadaqattu hin ta’u jechaa sani ani daliila itti hin garree jedheetiin jira kanaan dura. Horii namni haraama dalagee walitti qabee eessallee jiraannaan biyyallee jiraannaan tun dhugaadha haraama, horii haraamaa Rabbi hin qeebalu. Ammoo horii danfa isiitiin manuma nama nagaahaa fa’a, mana nama sheekhotii fa’a horii dalagaa halaalaa, ta Rabbiin isin quba qabu ta waan haraamaatiin hin ta’in horii isin argattan Umraa teessan, hajjii teessan, abbaa teessan haadha teessan, masjiida Rabbiitiin ijaartan, qur’aanaan bittan, sadaqattan Rabbiin isin irraa Qeebala inshaaAllaah. Ammoo diliin hin jirtu jechaa miti.
 
Sheikh Alii Jimmaa
565 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:37
ओपन / कमेंट
2022-11-18 08:35:39 184: Imaama jarjarutti akkamitti salaata hidhatan?

Gaafii: Yoo imaamni jarjaree yoo ma’amuumaan wajjiin deemuu dadhabe akkamitti salaata irraa baafachuu danda’anii, salaata kana akkam godhuu danda’an?
 
Deebisaa: Imaama beekaa Rabbi soodaatu yoo ta’e haqqii salaataa guutuu qaba. Xumaaninaan jechuun harkaana salaataa irraa tokko. Xum’aaniinaa jechuu sabataanii yookaa ragga’anii suutaa ruku’allee haqa isaa guutanii sujuudallee haqa isaa guutanii, yoo namtichi kana hundaa wallaalummaan akkuma lukkuu firii guurattuutti dhahe irraa hiikkachuun ni danda’ama.

Maaliif jennaan namni xum’aaninaa hin qabne, sabatee salaata isaa eeggachuu hin dandeenne suuta suutaan hin salaanne salaataayyuu hin qabu. Wanni wajiin fiigaa oolaniif hin jiru ispoortii miti kun. Kanaafuu irraa hiikkatanii salaata ufii ta lubbuu qabdu nagayaan salaatuu barbaachisa.

Kanaaf Rabbiin guddaan warroota salaata isaanii irraa dantaa hin qabne jedhe, warra waqtii isii dabarsu taanaanuu, warra haqqii salaataa guutuu dadhabe tanaan warra akkana kanaaf ibidda wayli jedhamtutu sabatee jiraaf jedha Rabbiin تعالىوسبحانه. kanaafuu salaata keenya eeggachuudha qabnaa saffii keenya eeggachuudha qabna , wudu’arraa qabne, janaabarraa qabnee, salaata isaa haqqii isaa guutuudha qaba. Jalqabni guyyaa qiyaamaa namni irraa herreegamu salaata. Yoo salaanni tolte ibaadaa biraallee Rabbiin ni tolcha. Yoo salaata akkuma fedhan daddarbatanii ka ilmii malee salaatan taate faayidaan tokkollee hin jiruu kasaaraa guddatu nama mudata Rabbi nu haa tiksu.
 
Sheikh Alii Jimmaa
460 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:35
ओपन / कमेंट
2022-11-18 08:35:34 183: Namni kaafiraa/dilii qabu tokko Ramadaan keessa yoo du'e maal ta'a?

Gaafii: Ramadaan keessa namni kaafiraa tokko yoo ka du'u taate, takkii namni dilii qabu tokko yoo ka du'u taate eeysa deemaa?
 
Deebisaa: Bakkuma warri jahannamaa deeman sani deema. Kaafirri kufrii irratti du’e akkasuma namni dilii gurguddoon du’elleen yoo Rabbi isaa hin araaramin kunillee garuma ibiddaa deema. Wanni inni jechuu barbaade akka natti fakkaatetti Ramadaana keessa ibiddi jahannami cufaadhaa namni kun eeysa dhaqaa? Bakkuma dhaquu hin qabu jechuuf deema obboleessi keenya.

Warra kufriitiif ibiddi cufamee qulfiin itti ejjataa jira jechuu miti. Kufriin bakkuma ufii duri dhayxu sani dhayxi. Ulamaan islaama bakka afurii shanitti gaafii tanarraa walgaafatanii, ibiddi kun zaahiruma hulaan isaa cufame jechu moo silaafuu qur’aana keessatti hin dubatamnee hadiisuma keessatti rasuulli dubbatanii. Namni gartaanii dhugumaan Ramadaan soome ramadaan irraa dalagate irraa faayideeffate jannatuma seenaa jechuudha.

Ka ammoo ramadaan irraa hin faayideeffatin ka ramadaana hin soomin silaafuu nama kuffaaraatii suni, sunillee ibidduma ufii seena karaan jarri seenuun hin cufamne warra ibiddaatiif warra maasiyaatiif hin cufamne ibiddi. Warruma muminaa ka Rabbi sodaatu saniif ibiddi irraa cufame jechuudha. Maasiyaa isaa Rabbi ramadaanaan dhiisaaf toowbaa isaa Rabbi irraa qeebalaa kana ka ulamaan islaamaa baldhisanii irraa dubbatan.

Sheikh Alii Jimmaa
470 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:35
ओपन / कमेंट
2022-11-18 08:35:24 182: waqtiin salaata ishaa'ii eessarra jalqabee eessatti dhumata?

Deebisaa: Salaanni Ishaa’ii eegaa Magriibni dabre irraa haga halakan saa’aa 6:00 qofa. Salaanni ishaa’i saa’aa 6:00 dabarraan qadaa ta’ee dilii guddaa namatti ta’a. Saa’aa jaha bira dabruu hin qabu insha Allaah.

Sheikh Alii Jimmaa
519 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:35
ओपन / कमेंट