Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.13K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 29

2021-01-11 13:00:39 516: Hajjii irra namni jiru rifeensa bobaa yoom murata?

Gaaffii: hajjii godhuu odoo deemuu odoo bakka miiqaataa hin gahin odoo hin hidhatin rifeensa bobaa ifirraa muree , akkasitti yoo hajjii godhe hajjiin tiyya akkam ?

Deebisaa: wonni hajjii keeysatti namarratti mahduuraataa toora sagalii yookiin kudha tokkooti waan san yoodalayde eega hidhatteen boodatti axira godhachuu, rifeensa bobaa , ka saphiidhaa, ka mataa, woma tahe haa tahuu wonni kun cuftinuu waan qalma namarratti wojjabsiisu . ammoo odoo hajjii hin hidhatiniin duratti qaama dhiqachuu saamunaa urgaawaan , qeensa cirachuu ,saphii haaddachuu waa takkallee rakkoo hin qabdu , tanaaf jecha rifeensi ati ifirraa cirte yoo hidhachuun duratti ta’e homa takkallee sirratti hin jiru. rifeensi ati ifirraa murte yoo hidhachuun duratti tahe homa takkallee sirratti hin jiru.

Dr. Liwaa’ul Isalam
4.6K views10:00
ओपन / कमेंट
2021-01-01 10:29:51 515: Dibatni matatti diddibatan salaata ni balleessaa?

Gaaffii: nuti dhalaan mataa kana waa diddibanna , odoo mataa kana ofirraa hin dhiqne yoo salaate maal qaba ?  

 
Deebisaa: wonni ati dibatte sun yoo waan xahaaraa tahe waa takkallee rakkoo hin qabu feetu dhadhaa addaannoo , feetu kireeba , feetu qibaatii, akka sanitti salaatuun waa takkallee sirraa hin miidhu
 
Dr. Liwaa’ul Isalam
7.3K views07:29
ओपन / कमेंट
2021-01-01 10:29:18 514: Hajjii bakka irraa ka’anitti deebi’uun dirqamaa? Qalmi hoo akkam?

Gaaffii : magaalaa takka irraa ka’ee obboleessa kiyya wojjiin hajjii godhee garuu hoggaan deebi’u bakka irraa dhufetti hin deebine , namni bakka irraa dhufetti hin deebi’in hajjiin isaa hin qeebalamtu naan jedhan , worri an hojjadhuuf sun maallaqa 500 natti kennanii hoggaa hajjii gootee booda re’ee qali naan jedhan. Ani re’ees hin qalle hajjii ammoo gaggeeffadhe

Deebisaa: namni bakka irraa kaatetti yoo hin deebinee hajjiin kee hin taatu namni siin jedhe sun jaahila . hajjii goote situ beeka, hajjiin sadi hajjii ifraadaa, hajjii qiraanaa , hajjii tamattu’aa jedhaniin : tamattu’aan hajjii qananiiti, qiraanni hajjii qindiiti, ifraadni hajjii kophaati. Qiraanaa fi tamattu’uni qaliinsaatu sirra jira . hajjii tamattu’aa yooniifin baatii zulqi’idaa shawwaal keessa umraa gootee takkaahuu baatii zulhijjaa keessa umraa gootee hiikkattee yoo hidhatte qaliinsatu sirra jira . akkuma san hajjii fi umraa wolitti qabdee qiraana san yoo gootes qalmatu sirra jira . ta hajjii kophaa irratti homaa sirra hin jiru . yoo ka qaliinsa irraanfatte taate bakki qaliinsaa MAKKA keessaa ala bahuu hin qabu re’ee bittee miskiinni makkaa nyaachuu qaba . nama keetitti kennitee worreen achi keessa qubatanii jiran ilmaan isaaniitiif yoo qalan irra ajrii qabda

Dr. Liwaa’ul Isalam
7.2K views07:29
ओपन / कमेंट
2021-01-01 10:28:51 513: Maallaqa ribaan wojjiin jiru zakaan ka irraa hin baane maal godhuu qaba?

Gaaffii: maallaqaan baankii keeysaa qaba , maallaqni kun ribaanillee wojjiin jiraa akkamiin godha ? maallaqa san yoon fuudhee miskiinaa hire hoo akkam? Zakaallee irraa baasee hin jiru maal godhuu naa woyya ?

Deebisaa : baankii ribaa qabdu keessa kaayyachuun yoo rakkoon si goote homaa hin qabu horiin narraa bada jettee. garuu ammoo baankiin cuftinuu nama gaafatti dhala feeta moo hin feetu? Hoggaa maallaqa keeysu dhala hin fedhu jedhii kaayi . yoo wollaalaan ammoo keessee horiin kun keeti dhala keeti jedhanii yoo sii kennan achitti hin dhiisin horii san fuudhi waan hin nyaanne waan hin dhuyne, bakka karaa baasan fa’a , sagaraa masjiidaa fa’a , horii halaal kiishaa kennitee ka ribaa dhaa ammoo waan akka mismaaraa fi buluuqa simintoo , qorqoorroo waan akkanaa kanniiniin goota . ulamaa’iin gariin miskiinaaf kennuutu irra caalaa achitti dhiisuu irra worra jedhantu jira. wolumaa galattuu ati achitti hin dhiisin, wonni ati achitti dhiifte sun ilmaan islaamaa addunyaa irratti miidhaa jiraa. baankii Amriikaafi orooppaafi biyya arabaa horiin akkasii kan addunyaa kanarratti maqaa uneskoo fi UN tiin kennamu ilmaan islaamaa addunyaa irratti miidhaa jira achi keessatti hin dhiisinaa bakka fakkaattutti mala godhaa. Ammoo ta horii zakaadhaa waan duraan hin beekin yoo horiin kee baankii jiraate amata shan yookaa kudhan , hisaaba maallaqa sirra jirutti osoo hanga fedhan maallaqni ka irraa bahullee tahee waan amatni irra naannawu zakaan sirra jira fknf birrii etoophiyaa 1000 irratti birrii 25 sirra jira. Akkasitti hisaaba gootee zakaa if irraa baafta waan shakkite keessatti rabbi kee araarama kadhatta.

Dr. Liwaa’ul Isalam
5.7K views07:28
ओपन / कमेंट
2021-01-01 10:28:23 512: Aruuztotatti aannan tufuun yookaa itti facaasuun akkam?

Gaaffii: akka aadaa teenyaatti aruuztichaa fi aruuztittii hoggaa mana isii irraa baasanii osoo mana gurbaa hin seenne hula irra dhaabbatanii aannan itti tufan, harkaanis itti facaasan wonni akkanaa kun maal jedhamti?

Deebisaa: aadaan islaamummaa keeysa hin jirre aadaa baddu , aruuza fuudhanii galchuun ibaada. Waan rabbi jaalatutti shukrii godhan malee ,bakka rabbiin itti shakkaranitti waan ma’asiyaa ta’e cufa irraa fagaachu. Wolumaa galattuu girgiraa ulaarra kaayanii ibidda fuula isaanii duratti cabsuu tahuu, dhadhaa itti dibuu tahuu , aannan obaasuu tahuu, halangaan hula irratti dhahuu san tahuu , cuftinuu waan islaamummaa keessa hin jirree . namaaf toltuu yaadaa dhabamsiisaa.

Dr. Liwaa’ul Isalam
5.5K views07:28
ओपन / कमेंट