Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.13K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 21

2021-10-04 08:51:08 47: Mana yataamaa seenanii nyaachuun akkami?

Gaafii: Intala takka ta abbaan manaa irraa du’e ganda isaanii dhaqee akkuma aadaa godhametti waan dhuganiifi waan nyaatan naaf dhiheessite. San cufallee nin didee garuu buna dhuge. Waan yataamaa ni je’amaa?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii hamtuu akkanatti ufirraa eeguun kankee waan Rabbiin jaalatu. Garuu wanni beekuu qabdu, Rabbiin Qur’aana keessatti horii yataamaa hin nyaatinaa hogguu je’u, dura horii akkamii akka tahe barachuu qabna.

Yoo maallaqa tokko abbaan ijoollee tanaa si bira kaaye, takkaahuu haati ijoollee tanaa si bira keesse, takkaahuu ati ammoo adeera ijoollee tanaa taatee ooyruu isaanii dalaydee ufitti maxxansitee ufumaaf isaan tajaajilaa waan kana ka ufiin yaamtu taate, kun haraam calla. Sunillee namni nama tajaajilu tokko hoggaa beelawe subaaxa, faxara nyaachuun hukmii shariaatti humaa hin qabu.

Tanaaf jecha shaayiifi bunni ati dhugde, wanni bilchaate ta siif kennan waan mana keessatii horii yataamaa hin je’amu. Saniif uf hin dhaammotin. Rabbiin sirraa haa jaalatu gaafii tanteetiif.
 

Dr. Liwaa’ulislaam
1.8K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:51
ओपन / कमेंट
2021-08-31 22:15:49
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.
919 viewsChannel Help, 19:15
ओपन / कमेंट
2021-08-31 22:14:50 46: Osoon itti hin yaadin nama dhungachuun Soomana Balleessaa?

Gaafii: Eega biyya dhaqee intalti ollaa ta ajnabiidhaa takka oluma seentee narra buutee akkuma aadaa biyya teenyaatti na dhungatte.

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii, ajnabii harkaanuu qabachuun haraami; dhungachuun waan biraati. Garuu ammoo waan kana ati niyyattee waan hin hojjatiniin, Rabbiin siif araaramaa araarama kadhadhu. Dhungoo saniif jecha soommanni kee hin badu.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 19:14
ओपन / कमेंट
2021-07-29 14:14:00 45: Mallaqa kiyya jaarsa kiyyatti kennuu dirqama qabaa?

Gaafii: Gurbaa tokkotti heerume, inni biyya jiraa an immoo ala jira. Ani waanin carraaqu warra keennatti ergadha. Duuba tanaaf jecha inni waan ergitu gara kiyya ergi naan je’a. Kanaaf narra laale. Horii kiyya isatti erguu dirqama qabaa?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii biyyumarrahuu dalagaaf jettee deemuun dogongora, abbaan kee si haa erguu jaarsi kee si haa erguu daangaa Islaamummaa cabsuu keeti. Garuu ammoo yoo fedhinnaa keetiin ta’e malee horii waan qabdu isarratti erguu dirqama hin qabdu. Isatti erguu dhabuudhaaf waa takkallee wanni Rabbiin si gaafatu hin jiru. Inni si ergu, abbaan kee si ergu haqni kee haquma keeti.

Dr. Liwaa’ulislaam
1.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 11:14
ओपन / कमेंट
2021-07-29 14:13:53 44: Jaarsi hiikee je’ee deeffadhe jechuu ni dandayaa?

Gaafii: Jaarsi kiyya na hiikee, eega guyyaa sadiitii si deeffadhe naan je’e. Duuba raja’tuun inni naan je’e sun bakka jirti moo bakka hin jirtu?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, fuudhaafi heerumni, hiikkaan akkkasumas wanni ahkaama shariaa keessatti dhufu cuftinuu si’is gurbas hin laaltu. Wanni ati beekuu qabdu hiikkaan harka gurbaa jirti, iddaa lakkaawwachuun harka kee jirti.

Yoo gurbaan si hiike je’e hiikkaan tee tun hiikkaa tamii addaan baafadhu. Namni eega walitti dhufee yeroo duraatiif yoo wal hiike baatii sadii qaba. Baatii sadeen keessatti gurbaan osoo raja’tu hin je’in, yoo baatiin sadeen dhumte, isin ammoo walitti deebi’uu feetan, nikaaha haarayaafii mahrii haaraya, ammas lammeessa si hiika, hardhas guyyaa sagaltama qabdan; baatii sadi jechu.

Baatii sadeen kana keessatti yoo raja’tu je’e, ati jaartii isaati. Taraa duraatiif ta lammeessaa keessattis ati mana kee keessaa bahuu hin qabdu. Rabbiin manarraa hin baasinaa je’e. Mana kee keessatti haga baatii sadeen sanii jaarsa kee wajjiin rafuu hin dandeessu, nyaata godhuu, huccuu isaa miicuu, mana kee tajaajilachuu ni dandeessa jechu; waan inni ammoo raja’tu siin hin je’iniin isaa wajjiin ciisuu hindandeessu. Yoo ammas baatiin sadi dhumte yoo walitti deebi’uu feetan nikaaha haarayaafii mahrii haaraya.

Gurbaan kun si deeffatee yoo ammas si hiike je’e gaafa kana mana san hin bulinii achirraa bahi. Jaarsa kee kanaan walitti deebi’uu hin dandeessan. Ta amma gaafatte tun raja’aan gurbaan si deeffadhe siin je’e bakka jirti. Eega raja’tu siin jechuu gurra kankeetiin dhageette jaarsi kee si deeffatee tanaaf jecha karaa hukmii shariaa deebi’i.

Yoo adda bahuuf fedhii qabaatte ammoo takkaa karaa mahkamaatiin /mana murtiitiin, takkaahuu mahrii isaa waan siif godhe deebisiifii qulqulliin na hiiki je’iin.
 

Dr. Liwaa’ulislaam
1.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 11:13
ओपन / कमेंट
2021-07-24 06:26:46
#Waan gaafachuu barbaaddu katabii barbaadi. in shaa ALLAAH deebisaa ni argatta.

#Tuqaa sadeen gubbaa gama harka mirga jiru tuquun. Booda search.
1.5K viewsChannel Help, 03:26
ओपन / कमेंट
2021-07-24 06:25:08 43: Ramadaan keessa soomana furuun akkami?

Gaafii: Ramadaan keessa soomana fure garuu sunillee baxraanummaa kiyyaani malee waa rakkoon akkasii narratti hin jirtu.
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, baxraanummaan ta’u fayya dhabaan ta’u, walumaagalattuu guyyaa hanga furte san lakkaawwadhuu, yoo guyyaa shan ta’es shanan kee guutumatti tawbaa deebi’ii, Rabbii kee kadhadhuu qadaa ufirraa baasi. Yoo ammoo lakkoofsa guyyaa keessatti ka shakkitu taate, fakkeenyaaf guyyaa shaniifi jahatti yoo shakkite guyyaa jaha godhi. Gadi hin deebi’in.

Yoo torbaafi saddeetitti shakkite, saddeet godhi. Ta kaffaaraadhaa ammoo irra fiinxeen araarama Rabbii kadhachuudha. Warreen kaffaaraan irraa barbaachifamti je’u ni jira. Kaffaaraaan ka itti barbaachifamtu yoo soomanni bara dheengaddaa si kutee osoo ati ufirraa hin baasin soomanni hardhaan tanaa sitti dhufe, ka dhufe kana soomantee kaan qadaa wajjiin kaffaaraa baafta.

Kaffaaraan sunillee lakkoofsuma guyyaatti miskiina nyaachisuu, takkaa midhaan jiraa kiiloo takkaafi cinaa lakkoofsa namaatiin kennu. Haata’uu ammoo yoo tawbattellee qadaa ufirraa baafta. Qadaan hafiinsa hin qabuu bakka tana akka hin irraanfanneen siin je’a.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
1.7K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:25
ओपन / कमेंट
2021-07-15 16:38:25 42: Waahela kiristaanaa qabaachuun akkami?

Gaafii: Geelonni kiyya dhalaa kiristaanaatii, isaaniin waliin nyaadhee dhuguun akkamitti laallama?
 
Deebisaa: Islaamummaan nama aduwwii godhaa wajjiin hin nyaatinaa wajjiin hin dhuginaa hin jettu. Islaamummaan ifa; daawwitiidha. Waan cufaahuu rakkina nama mudatu, waan jibbamuufii waan jaalatamus siif ibsiti. Kana waan ta’eef, Muslimaaf kiristaanas haa ta’uu, yahuudas haa ta’uu, dhalaan dhalaa wajjiin dhiirti dhiiraan wajjiin, walumaa galatti wajji nyaatanii dhuguun wamaa hin qabu.

Wannummaan ati waliin nyaattu sun waan haraam hin ta’in. Booyyeefi karkarroo, akkuma san farshoo hin ta’in. Wajjiin daldalachuun, ollummaadhaan wal tajaajiluun humaa hin qabu.

Dr. Liwaa’ulislaam
2.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 13:38
ओपन / कमेंट
2021-07-15 16:38:25 41: Salaanni sa’aa 8titti salaatamu salaata kami?

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, salaanni eega aduun baatee sa’aa saddeetirratti salaatan ka biraa hin jiru duhama. Ka sa’aa kudhanitti Zuhriin duratti salaatanis salaatuma duhaati. Takkaahuu namni gariin salaanni subhii isa dabree subhii salaatuunillee ni malti.

Yoo san hin ta’in wanni yeroo sanitti salaatamu salaatuma duhaati. Salaata imaltuu keessatti walitti qabuun takkaahuu gabaabsuun ammoo sunnaa Nabii keenyaati ﷺ Ganda itti yaa’an san hoggaa gahanis salaata akkasumatti jam’itti salaatuunis sunnaa Nabii keenyaati ﷺ.

Yogguu karaa deemtu hanga biyya san geessutti salaata gabaabsitee jam’ii goota, yoo feete salaata Zuhrii wajjiin Asriillee salaatta. Yookaan Zuhrii Asriirra fidanii raka’aa lama lama salaatuun ni dandayama. Kun cuftinuu hukmii shariaa keessatti humaa hin qabu. Akkaataan isaan itti salaatan kun sunnama Nabii keenyaati ﷺ Jabeeffadhu.

Dr. Liwaa’ulislaam
2.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 13:38
ओपन / कमेंट
2021-07-13 18:51:39 40: Salaanni akaakuu meeqatu jira?

Gaafii: Salaata shanan, salaata duhaatiifii salaata halkanii malee, salaanni biraa ni jiraa?
 
Deebisaa: Salaanni farditti laallamu salaatuma shanani. Salaata shanan boodaan jaalatamaan salaata halkaniiti. Salaanni biraa ammoo. Rawaatibni salaata shanan kana boodaan ka deemu raka’aa kudha lamatu jira.

Salaata fajrii dura raka’aa lama, salaata Zuhriii dura afur, Zuhrii booda lama, salaata Asrii durattis raka’aa Afur, Asriin sunnaa boodaa hin qabdu. Magriiba boodas raka’aa lama, ishaa’ii boodaanis raka’aa lama. Ishaa’ii duraafi magriiba durattis sunnaan hin jiru.

Salaanni lamaan kun uf boodaa qaba jechu. Ka kanaa achii salaanni sunnaadhaa, salaata istikhaaraattu jira, salaata iidaattu jira, salaata Jumuaattu jira, wanni fardii kana malee jiru hedduudha. Dura ammoo ka jabeeffachuu qabdu salaata shanan keeti. Wanni achi boodaa cuftinuu sunnaa ta’uu beekuun dirqama sirratti haa ta’u.

Dr. Liwaa’ulislaam
3.3K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 15:51
ओपन / कमेंट