Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
टेलीग्राम चैनल का लोगो nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
चैनल का पता: @nuralhudaahukm
श्रेणियाँ: ब्लॉग
भाषा: हिंदी
ग्राहकों: 18.15K
चैनल से विवरण

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


नवीनतम संदेश 18

2021-11-13 07:56:43 75: Intalti dahumsumsarratti duute Shahiideedhaa?

Gaafii: Intalti takka ta dahumsarratti duute shahiidee ni je’amti?
 
Deebisaa: Shuhadaa’ni heddu. Warri ajrii Shuhadaa’a argatu jechu. Warri sababaa rakkinaatiin, dhibdee dhuftuun shahiidee je’amu heddu. San keessa intala dahumsarratti duute, warra koleeraadhaan du’e, warra ibiddi gube, warra waa irratti jigan, hedduudha.

Garaa garummaan isaan shahiidee jihaadaa wajjiin qaban, ka jihaada keessatti du’e hin dhiqamu, akka guyyaa boruu dhiiga isaa waliin lafaa ka’uuf akkasumatti dhiiga isaatiin wajjiin awwaalama. isaan kunniin ammoo dhibdee isaanitti dhufteef ajrii shahiidee qaban jechu malee Shuhadaa’a akka jihaadaati jechuu miti.

Jarri kun aqiidaafi ibaadaa yoo hin qabaanne garuu, sababaa kanarratti du’uutiin namni dubbii isaanii murteessu Rabbii gudda. Yoo fedhes Rabbiin ni araaramaaf, yoo fedhes ni qixaaxa.

Nuti namni haala kana irratti du’e yoo addunyaa tanarraa deeme abalu yoo Rabbiin fedheef ajrii shahiidee argata jennee irraa galla. Murree warra azaabaatis hin goonu; warra jannataatis godhuu hin dandeenyu.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
2.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:56
ओपन / कमेंट
2021-11-08 14:21:16 74: Haadha na guddiste moo ta na deessetu haqa narraa qaba?

Gaafii: Ani haadha lamaan qaba, ta na dhalte osoo jirtuu ta biraa na guddifatte, eega biyyarraa bayee haati tiyya akka jirtuun dhagaye, duuba ammoo karaa nama kami jalladhee toltuu isaaf yaada?

Deebisaa: Yaa gabritti Rabbii haadha jechuun bar ta baatii sagal garatti si baadhattee dhaltee si guddiftee. Isiifii haadha buddeen walitti fiddee haadha lama qaba ufiin hin je’in.

Tana bar nyaattee dhugdee udaantee fincaantee bira jiraataa turtee. Tuni garatti siin deemtee, si dhaltee haadha teetiifi ta biraa walitti hin qabin. Namni haqa sirraa qabu haadha teeti.

Tuunillee haqa guddisaa qabdi. Akkuma Nabiin keenyallee ﷺ Ummu Aymaniin haadha tiyya je’an, akkasumas Haliimatussa’diyyaan haadha tiyya je’an waan biratti guddataniif jecha.

Haqni kabajaadhaa hin hafu, haqa sanillee ufirraa eegii haqni haadha teetii yoo sadi ta’e ta si guddifte lama ta’uu danda’a. Kanafuu hanga dandeesseen haqa jara lamaanituu eegi.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
235 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 11:21
ओपन / कमेंट
2021-11-06 10:51:12 73: Manzuumaa dhaggeeffachuun akkami?

Gaafii: Manzuumaa / Faaruu Nabii dibbee waliin ta jirtu yoon dhaggeeffadhe akkami?
 
Deebisaa: Manzuumaa jechuun yoo anaashida Islaamaa taate humaa hin qabdu ta dibbeen waliin hin jirre. Ta dibbee qabdu ammoo irraa fagaadhu.

Dr. Liwaa’ulislaam
2.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 07:51
ओपन / कमेंट
2021-11-06 10:51:11 72: Ilkaan rigachuun soomana ni balleessaa?

Gaafii: Ramadaan keessa yoon afaan qulqulleeffadhe yookaan rigadhe akkami soomana ni miidhaa?
 
Deebisaa: Walumaa galattuu gaafiin tantee halkan irraa yoo taate, halkan waa cuftinuu siif halaali. Yoo guyyaa taate ammoo salaata fajrii irraa eegalii hamma salaata Maghribaatti guyyaa cufa wuduua cufarrattillee siwaakkachuu dandeessa garuu wanni ati irraa uf eegdu qoosha siwaaka faranjii tana. Qooshaan tun ni mi’oofti.

Yoo uf eeguu danda’a jette humaa hin qabdu. Garuu qooshaa faranjiidhaa halkan swaakkachutu caalaa. Maaliif jennaan bakka tanatti keessa nama duraa dabruulleen ni mala jecha.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
2.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 07:51
ओपन / कमेंट
2021-11-05 07:08:57 71: Abbaa maqaan yaamuun ni dandayamaa?

Gaafii: Ani yeroo cufaa abbaa kiyya yoon yaamu maqaa isaatiin yaama, duuba abbaa maqaan yaamuun haraamii naan je’an.
 
Deebisaa: Namni yoo waa namni isa gaafate haraamitti jijjiiru kun Rabbii haa sodaatuu. Mataa ufiitiifuu waan haraamiif halaal addaan barachu. Abbaa ufii maqaan yaamuun wamaa hin qabu.

Ammoo abbaa haadha je’anii yaamuun kabaja ammoo yoo maqaan yaamte wamaa hin qabu. Akkuma Haati teenyaa Aayishaan RA hogguu abbaa ishii irraa haasoftu Abuu bakri numa jetti abbaa kankoo hin jettu. Wamaa hin qabu.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
2.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:08
ओपन / कमेंट
2021-11-05 07:08:50 70: Namni fuudhu nama wakkalachuu ni dandayaa?

Gaafii: Namni tokko intala takka fuudhuu fedhee abbaa intalaa bira dhaqee akkuma intalti abbaa isii wakkalattetti, inni hoo abbaa isaa wakkalachuu ni danda’aa?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii waa hunda dura wanni beekuu qabdu intalti yoo umriin isiidhaa amata kudha shanii oli ta’e gurbaan kun siif ta’e moo hin taanee gaafatan malee abbaa hin wakkalattu.

Wanni isiin abbaaf muldhiftu gurbaan kun naa ta’ee qofa malee si wakkaladhee miti. Naa ta’e jechuu hogguu beeksifte abbaa intalaa nikaaha godhuun dirqama irra kaayame.

Gurbaan ammoo bakka fedhe jiraatee nikaaha isaaf qeebaluuf abbaa isaa wakkalachuu danda’a, adeera, obboleessa wakkalachuu danda’a, inumaa nama biraallee wakkalachuu danda’a waa takka rakkoon hin jirtu.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
 
2.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:08
ओपन / कमेंट
2021-11-03 15:37:05 69: Azaana Maghribaa ykn Ishaahii dura sunnaa salaatuu niin dandayaa?

Gaafii: Azaana  Maghribaa takkaahuu azaana Ishaahii dura sunnaa salaatuu ni danda’aa?
 
Deebisaa: Sunnaan Maghribaan duratti hin jiru, Ishaaii durattillee hin jiru. Yoo masjiida ol seentee akkanumatti sunnaa sunneeffadha jette humaa hin qabu.

Maghribaan boodatti garuu sunnaan ni jira. Ishaaii boodas ni jira. Salaata shanan keessatti kudha lamatu jiraa kudha lamaan keessaa tokko ka Ishaaii boodaatiifi ka Maghriba boodaati.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
3.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 12:37
ओपन / कमेंट
2021-11-02 14:42:48 68: Jaarsa Adaadaa tiyyaa harka fuudhuun naaf hayyamamaa?

Gaafii: Nama tokko ka adaada tiyya fuudhe ufjalaa qabu yoo harka fuudhe akkami?
 
Deebisaa: Yaa gabritti Rabbii, waa hunda dura wanni beekuun nurra jiru, nama akkamtu narratti haraami; nama akkamtu narratti halaali? Dhiiraa dhalaanuu tana beekuu qabna.

Kanaaf jecha ka adaada tee fuudhe, ka obboleettii tee fudhe, ka haboo tee fuudhe, ka wajjiin baratte, ka ollaa keetii, kun cuftinuu ajnabi.

Waan abbaa kee adeera kee, eeysuma kee, obboleeyyan kee, abbaa jaarsa keetii, jaarsa kee, jarreen kana malee wanni jiru, obboleessi jaarsa keetiillee, akkuma san ilma adeera kiyyaatii ka je’anillee harka fuudhuun haraam calla.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
3.6K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 11:42
ओपन / कमेंट
2021-11-02 14:42:43 67: Aanaa kiyyarraa namni Zakaa haqa godhatu eenyu?

Gaafii: Yoo Rabbii waa natti kennee gargaaruu fedhe. foon kiyyarraa aanaa kiyyarraa, namni gargaarsa haqa godhatu eenyuu?
 
Deebisaa: Yaa gabricha /gabrittii Rabbii, namni dura gargaarsa gootuuf haadhaafi abbaa keeti. Abbaa kee durallee haadha teeti.

Yoo wanti ati gargaarsa jettee fudhattu zakaa fa’a taate, haadhaa abbaa kee irratti zakaa hin baafatin. gargaarsatti ammoo isaan lachuu haqa godhatu.

Achi boodaan obboleeyyan kee, haboo tee,  adeera kee, eessuma kee. Kana boodaan rakkataa cufaaf sadaqachuu dandeessa.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
3.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 11:42
ओपन / कमेंट
2021-11-01 08:05:56 66: Nama nama goowwoomsu ykn kijibuuf malli maali?

Gaafii: Namni  tokko tokko nama goowwoomsa; gariin wama hin jirre irratti kijibaan kakuu guddisa. Kanaaf malli maali?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, Muslimni wal hin sobuu dhugaa walitti hima. Fakkeenyaaf intala tee kennuu feetee dubra yoo jettee dubrummaa hin qabaanne dubra hin je’in.

Akkusuma makiinaa yoo gurguruu feete, dhibdee makiinaan tee qabdu himi. Akkasuma yoo miidhaan gurgurtu jala jiini jiraate goggogaa gubbatti naqxee nama hin gowwoomsin. Eeybii wanni ati gurguruu feetu qabdu dhoysuun haraam calla.

Akkuma san Muslimni waan hin jirre cufa irratti kakuu hin guddisu. Kakuu guddisuun badii guddotti nama geessiti; kijibatti nama geessiti. Waan hin jirretti kakaatuun haraamitti nama geessitii irraa fagaadhu.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
373 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:05
ओपन / कमेंट